Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bakka namoonni siyaasaa beekamoofi dureeyyin US dhoksaan itti walga'anitti waaqa tolfamaaf sagaduun jiraa?
"Waggaa 10 dura gurraacha Afrikaa keessaa sirna gita bittaa jalaa biyyoonni bilisa ta'an lama qofa ture. Isaanis Itoophiyaa fi Laayibeeriyaadha."
Riichaard Niiksan bara 1967 biyyoota hedduu daawwatee dhufe.
Niiksan bara 1968 filannoo gaggeeffamuuf kaadhimamaa godhanii of dhiyeessaniiru. Duula filannoo isaas cimsee itti fufee ture.
Yeroo sanatti akkaataa haala addunyaa itti hubatan ilaalchisee haasaa dheeraa kan taasise kilabii Boheemiyaan Giroov (Bohemian Grove) jedhamuun beekamu keessatti ture.
Niiksan filannicha ni injifate. Pirezidantii Ameerikaa 37ffaas ta'e.
Barri pirezidantummaa isaa milkaa'infaafi qaaniidhaan kan beekamu Niiksan yeroo kibabii Boheemiyaan Giroovitti [Bohemian Grove] argamee hiriyyootasaa sooreyyoota ta'aniif haasaa taasise Roonaald Reeganiin ajjabamee ture.
Namoonni siyaasaa fi dureeyyiin addunyaa keenya kanaa waggaatti si'a tokko walitti qabamanii bashannanu; shira xaxu, waan waaqeffannaa fakkaatu tokko godhu, waantonni biraan... jiru.
Waggaatti yeroo walga'an ammoo Kilabii kana keessa hanga torban lamaafaa waliin turu.
Hundeeffama isaa
Boheemiyaan Giroov bara 1872 artistoota, barreessitootaa, taatoowwan, abokaatoowwan fi gaazexeessitootaan kilabii hundeeffamedha.
Hundeessitoonni kunneen waaantota wal isaan fakkeessu ni qabu ture. Hundi isaanii sooreyyii barri kan isaanii taate turan.
Kilabichi yeroo hundeeffametti kaayyoon isaanii waggaatti si'a takkaa wal arganii aadaafi siyaasa aartiin dabaalanii waliin dabarsuuf ture.
Kana gochuuf ammoo namoota siyaasaa fi abbootii qabeenyaa itti dabaluuf murteessan.
Kutaa bulchiinsa Kaalifoorniyaa keessatti ganda Sonoomaa jedhamtee beekamtu bosona Reeddiwud keessatti wal arganii haasa'uu jalqaban.
Haata'u malee, namoonni gurguddoo wal gahanii maal akka hojjetan namni beeku hin jiru.
Kilabichi (Bohemian Club) dallaa shibootiin kan dalleeffame, seenuufi bahuun hayyama kan barbaachisu, kaameraan seenee bakka hin beeknedha.
Jechi Boheemiyaan jedhu nama ammayyaa'e, nama barate, nama magaalaa kan jedhu ibsuuf kan ooledha. Asxaan kibabii kanaa ammoo fakkii simbirroo urunguu 'Owl' jedhamtudha.
Dureeyyiin kunneen yeroo walga'an ni dhugu, agarsiisa muuziqaan dabaalemerratti hirmaatu, daawwatu.
Yeroo jalqabamu galmi itti walga'an waggaa waggaan ni jijjiirama ture. Haata'u malee, baroota 1930oota keessa Bosonni Reedwuud jedhamu bakka/galma dhaabbataa itti walga'an akka ta'u murteessan.
Icciitii dhoksaa kilabi Boheemiyaan
Kilabiin kun erga hundeeffamee waggaa 150 lakkoofsiseera.
Miseena kilabii kanaa ta'uudhaaf kaardii waamichaa isin barbaachisa. Fuulli marsariitii (weebsaayitii) isaa akka jedhutti, erga hundeeffamee kaasee miseensota 2,600tti siqan horateera.
Lakkoofsi namoota akka miseensa ta'aniif eegamaniis salphaa miti. Miseensa kilabii kanaa ta'uudhaaf sooruma keessaayyu nama tujaare, nama siyaasaa keessaas nama siyaasaan cimaa ta'e ta'uu gaafata.
Gara Google seentanii Boheemiyaan Giroov jettanii yoo gaafattan waan xaxaa shira hedduun guutame bu'aawwan hedduu argattu.
Kan biraan hafee miseensa ta'uu baannaan marsariitii (weebsaayitii) Kibabichaa daawwachuuniyyu hin danda'amu.
Fuula adii ta'e tokko irratti 'log in godhaa' ergaa jedhu qofa argitu. Xiqqoo gadi bu'ee ammoo kilabicha keessatti qacaramanii hojjechuu warra barbaadaniif beeksisni hojii karaa bananii (irratti cuqaasanii ittiin seenan) kaa'ameera.
Kibabiin kun waggaatti sagantaa qophaa'urratti 'oduun dhimmi isaa jabaa tae hin odeeffamu, bashannanaaf wal geenya' jedha. Haata'u malee, namoonni gurguddoo Ameerikaa wal gahanii murtee haala addunyaa murteessu hunda kan irratti dabarsanidha jedhamee amatama.
Walga'iin karoora Pirojektiin Maan-haataan (Manhattan Project) kan gaggeeffame Boheemiyaan Giroov keessatti jedhamee amanama.
Pirojektiin Maan-hataan ammoo dhalachuu Atoomik Boombiitiif gahee guddaa kan taasiseedha.
Boheemiyaan Giroov waggaa sadii dura Ebla bara 2023 keessa ijoo dubbii ta'ee ture.
Abbootii murtii (daanyota) Mana-murtii Waliigalaa sagal jiran keessaa tokko kan ta'e Kilaareens Tomaas michuu isa Biliyeenara ta'e tokkorraa hafeerraa dhiyaateefiin Kilabii kana daawwateera jedhamee wal harkaa fuudhamaa ture.
Gaazexaan Piroopablik' jedhamu gabaasa qorannoo baaseen daanyaan mana-murtii waliigalaa Gurraacha-Ameerikaa Boheemiyaan Giroovitti argamuu isaa gabaasa mirkaneessu baaseera.
Boheemiyaan Giroov lafa hektaara 1,100 irratti kan ijaaramedha.
Miseensonni Kilabichaa keessummaa qabatanii dhufuu ni danda'u. Haata'u malee, sabaa-himaalees ta'an namoonni hin hafeeramiin gonkumaa seenuu hin danda'an.
Niiksan fi Kilaareens Tomaasiin alatti Buush Guddaan, Pirezidant Reegaan, Tujaara kan ta'e Rookfeeler, barreessaan Maark Tiweeyin, 'Abbaa Dippilomaasii jaarraa 21ffaa' jedhamee kan waamamu Heenerii Kisiinjer namoota bebbeekamoo Kibabii kana daawwatan keessaati.
Miseensonni Kibabii kanaa garri caalan dhiirota adii leellistoota (conservative) ta'anicha.
Achi keessa maaltu jira?
Walga'iin miseensota Kilabichaa torban lamaaf turu agarsiisa waltajjii, gochawwan waaqeffannaa, akkasumas dhugaatiin kan guutamedha. Miseensonni kunneen fincaan isaanii lafuma arganitti akka fincaa'an himama.
Miseensonni kunneen yeroo baayyee ji'a Adoolessaa keessa walga'u. Kun ammoo yeroo Aduun Kaalifoorniyaa sammuu nama uruttidha.
Farra-Kaappitaalitii, quuqamtoonni kunuunsa naannoo, akkasumas warri ejjennoo farra-nuukilaraa tarkaanfachiisan walga'uu namoota ciccimoo kanaa mormuun hiriira gaggeessaniiru.
Haata'u malee, lakkoofsi mormitootaa waggaa waggaan hir'achaa akka dhufe himama.
Gaazexeessitoonni baayyeen Boheemiyaan Giroov keessa dhokatanii/icciitiin seenanii maaltu achi keessa akka jiru gabaasuuf yaalaniiru.
Bara 1989 barruun 'Spy' jedhamu "Paartii/Ayyaana dhiirotaa addunyaa keenyaa baayyee dhoksaan gaggeeffamu" jechuun barreesseera.
Bara 2000 ammoo shira xiinxaluun kan beekamu Aleksiis Joons dhokatee seenee suurri kaaseefi viidiyoon waraabee ture miseensonni Kibabichaa waan sodaachisaadha jedhe osoo isaan waa gubanii agarsiisa.
Haata'u malee, fiilmiin Aleksiis Joons qopheesse sun komiiwwan amansiisaa ykn madaallii hin kaasneen kan guutame yoo ta'u, 'namoonni achi keessatti aarsaa godhamanii dhiyaatu' himannaa jedhu hin mirkanaa'iin of keessaa kan qabu ture.
Gaazexeessaan biraa isa waliin ture Joon Roonsan gama isaatiin "bakka namoonni umuriin isaanii deeme akka daa'immaniitti buraaqanidha" malee waanta adda ta'e hin argine jedha.
Aleksiis Joonsiin alatti Yuutuubaroonni baayyeen gara Boheemiyaan Giroov dhokatanii seenanii viidiyoowwan, akkasumas suurawwan qabatanii bahanillee, gochi waaqa tolfamaa waaqessuu achi keessatti gaggeeffama jedhu; gochawwan warra Illuminaatii keessatti mul'ata jedhanii warri shira xiinxalanin ala ragaa qabatamaa hangas mara hin qaban.
Haata'u malee, miseensota Kilabichaan ala ilaalchi jiru bakka waan dhoksaa ta'e itti shira xaxan, akkasumas itti raawwatan akka ta'etti fudhatamee shakkuun itti fufeera.