Dubartii beekamtii ishee malee dhoksaan viidiyoo TikTok'f waraabamte, onlaayiniirratti salphatte

Dubartiin Dilaaraa jedhamtu kun magaalaa Landan keessa mankuusaa tokko keessa hojjetti.

Namni dheeraan wayii itti dhihaatee bira ga'ee ''nana kakadha! rifeensi kee diimaadha jechuun onneen kee cabeera jechuudha,'' yeroo jedhuun isheen yeroo laaqanaasheerra turte.

Lameenuu gara liiftii wayita seenan namichi haasaa isaa ittuma fufe, duuba lakkoofsa bilbilaa Dilaaraa gaafate.

Namichi dhoksaan kishaafa (manatsarii) kaameeraa qabuun (smart glasses) fayyadamee akka ishee waraabaa ture Dilaaraan hin hubanne.

Kishaafuma kaan fakkaata, garuu kaameeraa xiqqoo kan ija namaatti hin mul'anne fi viidiyoo waraabuu danda'u ofirraa qaba.

Viidiyoon kun TikTok irratti maxxanfame, battaluma namoota miiliyoona 1.3n ilaalame.

Umriin ishee waggaa 21 kan ta'e Dilaaraan ''gaafan argu boo'ichatu na qabe,'' jechuun BBCtti himte.

Namni dhoksaan Dilaaraa waraabe kun viidiyoowwan dhoksaan waraabaman hedduu TikTok irratti maxxanseera.

Akkamiin dubartootatti akka dhihaatan dhiirota barsiisa.

Boodarra Dilaaraan wayita viidiyoo ilaaltu lakkoofsa bilbilaa ishees namni hunduu akka argu hubatte.

Erga viidiyoon kun maxxanfamee booda bilbilli fi ergaan bilbilaa itti heddummaachuun muddama keessa ishee galchan.

Taateen kun UK keessatti deddeebi'ee mudata. Ganna darbes dubartiin Kim jedhamtu osoo hin beekin waraabamte. Isheenis kishaafa kaameeraa qabuun waraabamte, garuu kan waraabe nama biraadha.

Namni jalqaba wayita dubartii kanatti siqu akkaataa itti uffattee bashannanaa turte jajuun eegale. Uffata qaama saalaa fi harma ishee qofa haguugu uffatee bakka kaan qullaa bashannanaa turte.

Eessa akka jiraattu gaafate, Instagram irratti akka hiriyaa taatuufis yaaleera.

Dubartiin umrii waggaa 56 Kim akka waraabamaa turte hin barre. Wayita nama kana waliin haasawaa turan waa'ee hojii ishee, nama ishee qacaree fi maatii ishee kaastee waliin dubbachaa turte.

Sana booda namni kun maqaa gorsa jaalalaa jedhuun viidiyoowwan lama maxxanse.

Viidiyoon kun TikTok irratti miiliyoona 6.9n ilaalame. Instagram irratti ammoo yeroo kuma 100 jaallatame.

BBCn viidiyoowwan akkanaa hedduu TikTok fi Instagram irratti dhiirota miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumuun beekamaniin maxxanfaman argeera.

Dhiibbaa uumtonni kunneen dhiironni akkamiin akka dubartii barbaadan argatan irratti gorsa kennina maqaa jedhuun kana hojjetu.

Garuu viidiyoowwan baayyeen dhoksaadhaan kishaafa kaameeraa ofirraa qabuun kanneen waraabamaniidha.

Namoonni kunneen hedduunsaanii, nama viidiyoo Kim maxxanse dabalatee, gorsa onlaayinii kennaniif maamiloota isaaniirraa maallaqa argatu.

Dilaaraa fi Kim dubartoota UK, Awustiraaliyaa fi US torba haala kanaan viidiyoonsaanii waraabamuu BBCtti himan keessaati.

Dubartoonni kunneen hundi isaanii erga viidiyoowwan isaanii onlaayinii ba'uu arganii booda ofitti qaana'uu fi miirri salphachuu akka itti dhagame BBCtti himan.

UK keessatti yeroo ammaa seerri uummata keessatti eeyyama namootaa malee viidiyoo waraabuu dhorku hin jiru jedha abbaan seeraa icciitii dhuunfaa Jeemii Haarwoorzi.

''Garuu hawaasa keessa jirta jechuun abbaan fedhe akka barbaadetti si waraabuu danda'a jechuu miti. Namuu akka fedhetti si waraabee viidiyoo maxxansuu hin danda'u,'' jedha abbaan seeraa kun.

Diyaaraan viidiyoo ishee kana gara TikTok erguun iyyatteetti, garuu kubbaaniyyaan teeknooloojii miidiyaa hawaasummaa kun erga qorannoo gaggeessee booda sarbamiinsi mudate tokkollee akka hin jirre itti hime.

Haata'u TikTok erga BBCn dubbisee booda viidiyoo kana haqeera. Ibsa baaseenis viidiyoowwan qajeeltoo ittiin bulmaataa isaa sarbuun ''doorsisaa fi qaaniif'' nama saaxilan akka haqu eere.

Kim namni viidiyoo ishee waraabee maxxanse kun odeeffannoo waa'ee hojii ishee fi jireenya dhuunfaa ishee akka gulaalu gaafattus inni garuu homaa gochuu hin dandeenye.

Kubbaaniyyaawwan kishaafa kaameeraa hin mul'anne ofirraa qaban oomishan ''nageenyummaa fi eegumsa dubartootaa caalaa faayidaasaaniif dursa kennu, kanaaf ejjennoon isaa nageenyummaa dhala namaarratti qaban qoratamuu qaba,'' jette, jaarmiyaa mirga dubartootaaf falmu keessa kan hojjettu, Rebekaa Hishen.

Haata'u malee jaarmiyaaleen tola ooltotaa fi ogeeyyiin dhimma kanaa viidiyoowwan akkanaa kunneen qabiyyeewwan UK keessatti seeraan ala ta'uunsaa adda ba'e keessa hin jiran jedhu.

Kim fi Dilaaraan haala kanaan waraabamuun ''sarbama mirgaati'' jedhu, kanaafuu waan irratti xiyyeeffatamuu qabuu fi sirrachuu qabuudha jedhan.

Kim seerri mirga namoota beekamtii fi eeyyama isaanii malee dhoksaan waraabamaniif dhaabbate jiraachuu qaba jetti.

''Eenyullee viidiyoo namaa waraabee akka fedhetti itti fayyadamuun qaanessuu hin qabu. Eeyyamaa fi beekamtii malee nama waraabanii maallaqa irraa argachuun hafuu qaba,'' jetti Kim.

BBCn namoota Kim fi Dilaaraa waraban quunnamuuf yaaleera, garuu deebii kennuufiirraa of qusatan.

Namoonni kunneen kishaafa (manatsarii) akkaan ammayyaa kan teeknooloojii AI qabu godhatan.

Yeroo ammaa kana kishaafni akkanaa bal'inaan uffatamaa jira. Akka ragaa warshaa kishaafaa (manatsarii) beekamaa EssilorLuxottica jedhamuutti Onkoloolessa 2023 fi Guraandhala 2025 gidduu miiliyoona lama kan ta'u gurgurameera.

Kubbaan kishaafa kana oomishu namoonni kishaafa kana uffatan wayita viidiyoo waraabuu eegalan mallattoon ifaa xiqqoon akka argamu ibse, kanaan viidiyoo waraabaa jiraachuunsaanii ni barama jechuun dhoksaan nama waraabuu waakkate.

Wayita meeshaan kun waraabbii eegalu ni beekama kan jedhe kubbaaniyyaan kun teeknooloojiin akka namoonni waraabbiin kun eegaluu hin dhoksine dhorku akka jirus ibse.

Garuu BBCn akkaataa ifi kishaafa kanaa itti dhokfamu jiraachuu viidiyoowwan mul'isan onlaayinii baayyinaan akka jiran argeera.

Dubartoonni viidiyoonsaanii dhoksaan waraabamee maxxanfames, Dilaaraa fi Kim, akka waraabamaa jiran wanti mul'isu akka hin turre ibsan.

Ministirri miidhaa dubartoo fi shamarran irra ga'u ittisuu fi nageenyummaa dubartootaa irratti hojjetuu Jees Filips ''dubartoota dhoksaan waraabuun qaaniidha, bu'aa haala kanaan argamu kamuu hin eeyyamnu,'' jedhan.