'Nageenya keessoo malee Chaayinaan kana booda nuuf yaaddoo miti'- Peentaagoon

Chaayinaan yaaddoo nageenyaa US xiyyeeffannoo barbaadu akka hin taane Peentaagoon ibse.

Peentaagoon Chaayinaan ammatti yaaddoo nageenyaa US akka hin taane kan beeksise, Tarsiimoo Ittisa Biyyaalessaa US haaraa qopheesseni.

Dhimma nageenyaa US irratti waggaa afur afuriin tarsiimoo kan qopheessu Peentaagoon, dookumentii tarsiimoo nageenyaa US haaraa qophaa'erratti, Chaayinaa caalaa nageenyi biyya keessafi hemisfeera lixaa xiyyeeffannoosaa akka ta'e ibse.

Yeroo dheeraaf Waashingtan "fedhii lammiilee Ameerikaa qabatamaa" dagateera jechuun kan ibse Peentaagoon, michuuwwan US'f deeggarsa murtaa'e akka godhus beeksise.

Tarsiimoo Nageenya Biyyaalessaa US bara darbe Peentaagoon maxxanse keessatti qaroominni Awurooppaa kufaa akka jiru ibsuun, Raashiyaan yaaddoo nageenyaa US akka hin taane beeksisee ture.

Ibsa Peentaagoon kana ilaalchisee Raashiyaanis, "imaammanni US kan koo waliin kan wal-simuudha" jechuun ibsitee turte.

Peentaagoon Tarsiimoo Ittisaa Biyyaalessaa "yaddowwan gosa garaa garaa" jechuun bara 2022 baase keessatti Chaayinaan dhimma US irratti xiyyeeffachuu qabdu ta'uu ibsee ture. Bara 2018 ammoo Raashiyaafi Chaayinaan yaaddoo nageenyaa US warra ijoodha jechuun ibsee ture Peentaagoon.

Sanada haaraa fuula 34 qabuufi Jimaata, Amajjii 23, maxxanfame keessatti garuu Chaayinaan yaaddoo nageenyaa xiyyeeffannoo US barbaadu akka hin taane beeksise.

Inumaayyuu yaadoon nageeya biyyaalessaa kan jiru biyya keessafi hemisfeera lixaarraa akka ta'e ibsa.

Tarsiimoo haaraa kanaan, US bakkeewwan ijoo kanneen akka Bo'oo Panaamaa, Galoo Galaana Amerikaafi Giriinlaand fa'aatti US diinagdeefi waraanashee akka harka keessa galfattu ibse.

Gama biraan ammoo adeemsi bulchiinsa Tiraamp tarsiimowwan bulchiinsawwan Waraana Hololaa booda jiranirraa adda akka ta'es eerameera sanada haaraa Peentaagoon ifa godhe kana keessati.

Walitti dhufeenyi US Chaayinaa waliin qabaattu "ciminarraa kan madde, garuummoo bifa wal-dura dhaabbannaan ta'uu hin qabu" jedha.

Tarsiimowwan Chaayinaa ilaalchisuun baroora dheeraaf qopheessu keessatti Peentaagoon michuu US kan taate waa'ee Taayiwaan osoo hin eerin darbee hin beeku.

Sanada haaraa qophaa'e kana keessatti Chaayinaan yaaddoo nageenyaa akka hin taanefi walitti dhufeenyi Chaayinaa waliin taasifamu wal-dura dhaabbannaarratti ta'uu akka hin qabne ibsuun alatti waa'ee Taayiwaan homaa hin ibsine.

Garuummoo, "Chaayinaa dabalatee eenyuu akka nuyi ykn michoota keenya olaantummaan to'atu hin hayyamnu" jedha sanadichi.

Bara darbe US meeshaalee waraanaa ammayyaa dolaara biliyeena 11 baasu Taayiwaanitti akka gurgurtu beeksiftee turte.

Gama biraan ammoo biyyoonni michuu US ta'an kanneen akka Awurooppaa fa'aa yaddoo nageenyaa kallattiin isaan ilaallatu ofiisaanii qolachuuf gaheesaanii akka bahataniifi US irraa ba'aa akka qooddatan, garuummoo US deeggarsa murtaa'e qofa akka gootuf ibsa sanadichi.