'Guraandhala 5 dura yoo hin baane ni ajjeefamtu, ni saamamtu'- Akeekkachiisa Baqattoota Itoophiyaa Keeniyaa jiraniif

Baqattoonni Itoophiyaa bulchiinsa Mandheeraa, Keeniyaa keessa jiraatan akka gadhiisanii ba'an akeekkachiifamuu BBCtti himan.

Baqattoonni kunneen akka jedhanitti akeekkachiisni kun jaarsolii biyyaa fi dureewwan amantii (sheekota) irraa kan darbeedha.

Akka akeekkachiisa kanaatti guyyaan xumuraa hundi isaanii itti ba'anii xumuruu qaban Guraandhala 05, 2026 ta'uu ibsan.

Mandheeraan bulchiinsa kaaba baha Keeniyaa yoo ta'u, kallattii bahaan Somaaliyaa, kaabaan ammoo kibba Itoophiyaatiin daangaaffama.

Baay'inaan hawaasa Sumaaleetu keessa jiraatu, garuu baqattoonni Itoophiyaas hedduu ta'uu namoonni achirraa dubbisne ibsaniiru.

Keessattuu baqattoonni Kibba Itoophiyaa fi naannoo Oromiyaa irraa imalan Mandheeraa keessa baayyinaan jiraatu.

Baqattoonni Itoophiyaa yaaddoo keessa jiraachuu BBCtti himan kunneen nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka eeramu hin barbaanne.

Namni naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Walaayitaa irraa gara Mandheeraa erga imalee waggaa kurnatti siquuf achi jiraachuu hime tokko achitti maatii godhatee ijoollee lama godhachuu dubbate.

Waggaa hanga kana jiraatee guyyaa tokkotti wayita akka gadhiisanii ba'an labsamu baayyee rifachuu hime.

''Ka'umsa isaa nutiyyuu hin beeknu. Tasumas ka'anii Walaayitaa kan taatan, lammiilee Itoophiyaa kan taatan hundi ba'aa nuun jedhan,'' jedhe.

Akka baqataan Itoophiyaa kun jedhutti erga ''akeekkachiisi'' kun labsamee doorsisanii maallaqa fudachuun, ukkaamsanii taaksii keessa nama galchuu fi poolisootaan dararamuun hammaateera.

''Namni Itoophiyaa ta'e hundi ba'uu qaba. Biyya keenya weeraraa jiru jedhan,'' jedha.

Jaarmiyaa dhimma baqattootaa fi mootummaatti gaaffiisaanii dhiheeffatanis, ''jaarsolii biyyaa gaafadhaa!'' jechuun ala deebii biraa akka hin kennineef ibse baqataan Itoophiyaa kun.

''Gareedhaan gara jaarsolii biyyaa deemnee turre, garuu isaan nu dhagahuuf fedhii hin qaban. Murteessineerra waan ta'eef hatattamaan gadhiisaa ba'aa nuun jedhan,'' jedhe.

''Konkolaataarratti sagalee guddistuu hidhanii 'ba'aa' akeekkachiisa jedhu kennaa jiru. Guyyuu akeekkachiisa kanaan nu doorsisu.''

Baqataan kun qabeenyasaanii akka bakka qabsiifataniifillee yeroon akka hin kennamneef dubbata.

''Qabeenya keenya akka sirreeffannuufillee yeroo nuuf hin kennine. Akkamiin kana hunda [waan horanne] dhiisnee deemna?'' jechuun gaafata.

Guraandhala 5 yoo darban qabeenyasaanii akka weeraranii fi tarkaanfii

''Dhufanii hoteela keenya seenanii teessumaa fi meeshaalee kaan caccabsan. Ijoolleesaanii nutti ramaduun nu dararu. Haala kanaan namoota keenya ugguranii maallaqa gaafatu. Kuma 10, kuma 20 gaafatu. Poolisoonnis nu rakkisu.''

Baqataan kun akka jedhutti jaarsoliin biyyaa bakka tokkotti kora godhachuun murtee kana erga dabarsanii booda qaamoleen mootummaas deeggaraa jiru.

''Kan ba'anii miidhaa nurraan ga'aa jiran poolisoota. Inumaa hooggantoota poolisiiti.''

Hanga ammaatti baqattoonni Itoophiyaa hedduun akeekkachiisa kana dhagahanii bahuu fi kanneen hafan ammoo yaaddoo keessa jiraachuu ibse.

Baqataan Itoophiyaa kan biraan naannoo Oromiyaarraa gara Mandheeraa baqachuun yeroo dheeraaf achi jiraachaa jiraachuu himu ''guyyaama tokko ka'anii qabeenya qabdan kaafadhaa asii ba'aa jedhan,'' jedhe.

Hanga Guraandhala 05 asii hin baatan taanaan tarkaanfii fudhanna jechuun malee sababa ba'aa jedhaniif nuuf hin ibsine jedha.

''Yoo amma hin baane qabeenyi keessan ni fudhatama, tarkaanfii isinirratti fudhanna jedhanii sagalee guddistuu konkolaataarratti hidhanii labsaa jiran.''

Kanaan duras waan aadaa fi safuu hawaasaa faalleesu dalagan jechuun baqattoonni Itoophiyaa akka bahan akeekkachiisa dabarsanii turan.

Baqataan Itoophiyaa kun sana akkanumaan sababa godhatan malee waan tarkaanfii akkasii fudhachiisu miti jedha.

''Dheengadda gurbaa keenya tokko osoo inni karaarra deemuu dhahanii ajjeesan. Ergasii warri kaanis yaa'aa deemaa jechaa jiran.''

Baqataan kibba Itoophiyaarraa gara Mandheeraa baqachuun waggootaaf achi jiraachaa akka jiru ibse tokko waa'ee nama Itoophiyaa ajjeefame kanaa wayita dubbatu ''erga ajjeesanii booda reenfa nama kanaa gara Itoophiyaatti ceesisuullee nu didan,'' jedhe.

Maaliif baqattootarratti xiyyeeffatan?

Baqattoonni Itoophiyaa Mandheeraa dabalatee kutaalee Keeniyaa adda addaa keessa jiraatan, kanneen dhaabbata baqattootaa- UNHCR jalatti galmaa'aniin alatti, kaan hedduunsaanii waraqaa eenyummaa hin qaban.

''Waraqaa eenyummaa- kipaandee- hin qaban. Seeraan ala nuun jedhu,'' jedha.

Kaaba Keeniyaa- Mooyalee, Wajeer fi Mandeeraa keessa lammiileen Itoophiyaa hojii manaa, daldala fi tika horii irratti bobba'uun hojjetu.

Naannoo Eel-Waaq qofa keessa hojettoonni kumaatamaan lakkaa'aman jiraachuu jiraattonni himu.

Baqataan kibba Itoophiyaarraa gara Mandeeraa baqatee waggaa dheeraaf achi jiraachuu himu naannawa sanatti manneen lammiileen Itoophiyaa keessa hin jirre hin jiran jedha.

Jiraattonni Eel-Waaq hojjettoonni kunneen waan hawaasa isaanii keessatti hin beekamne fi fudhatama hin qabne hojjechuu raawwachuu himatu.

Baqataan Itoophiyaa, naannoo Oromiyaa irraa gara Mandheeraa baqatee achi akka jiru himu, ''baqattooonni kutaalee Itoophiyaa adda addaarraa dhufan aadaa, amantii fi jiruu fi jireenya adda addaa qabu. Kun ammoo hawaasa as jiru hin gammachiisne,'' jedha.

''Keessattuu waa'ee amantii kanarratti rakkoon uumamaa jira. 'Waldaan Kiristaanaa asitti bananii jiru, hoteela bananii nurratti dalagachuutti jiru, waan kana hunda nuti arguu hin feenu' jedhu,'' jedhe.

''Kanaaf nama Itoophiyaa tokkollee armatti akka hin agarre, 'yoo Guraandhala 05 geessan akka saamamtan, akka ajjeefamtan beektanii akka baatan' jedhan.''

Labsiin akeekkachiisaa kun afaan Amaaraanis labsamuu dubbate baqataan Itoophiyaa kun.

Baqataan kun akka jedhutti taateen akkasii Mandheeraa keessatti mudatee beekuu baatus, waggaa lamaa as garuu suduudumaan rakkoon hammaataa dhufe.

''Yoo deemnee gaafannu 'waan ganna lama dura murteeffame' jechuun lakkisuu hin dandeenyu nuun jedhan,'' jedhe.

Kanaan duras Sadaasa 18, 2025 irraa kaasuun baqattoonni Itoophiyaa bulchiinsa Mandheeraa keessaa akka ba'an akkeekkachiifamaniiru.

Yeroo sana jiraattoonni naannichaa, Manni Maree Jaarsolii, Abbootiin Amantaa fi dargaggoonni Maandeeraa, keessattuu bulchiinsa Eel-Waaq, lammileen Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan ajajan.

Taatee kanaaf akka sababaatti kan eeran ''namni tokko re'ee irratti gocha safuu cabsu raawwate'' kan jedhu ture.

Gaafa sana qondaalli poolisii Toobbiyaas Otuungaa jedhamu uummanni yeroo dheeraaf rakkoo kana himachaa turuu ibsuun, tarkaanfii fudhatamuu qabu irratti mar'iachaa akka turan ibse.

"Jumlaadhaan ari'amuun isaanii akkaataa mootummaan itti hojjetu osoo hin taane hawaasni haala jiruuf akkaataa itti deebii kennuudha," jedhee ture qondaalli kun.

Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiru haala kana itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsee ture.

Qondaala poolisii Mandeeraa waliin dubbachuun dhimmi baqattoota Itoophiyaa karaa namummaa fi mirga isaanii hin tuqneen ilaalamuu akka qabu gaafachuu ibsee ture.

''Ministeera dhimma alaatti, Kaawuntii Mandeeraattis beeksisfneerra. Akkuma yeroo darbee ammas qondaalota mootummaa hubachiifneerra. Hordofaa jirra, '' jedhan.

Murteen kun kan mootummaa miti kan jedhan Ambaasaaddar Dammaqaa Axnaafuu ''namoota dhuunfaatu labsan. Kun Mandeeraa keessatti waan haaraa miti. Yeroo darbes labsanii turan. Sunis yeroonsaa irra darbeera,'' jedhan.

''Mootummaan keessaa hin qabu. Namoota dhuunfaa hawaasa bakka buune ofiin jedhantu akkas godhu. Mootummaan yeroo darbes baqattootaaf eegumsa godhe, ammas godhaa jira,'' jedhan Ambaasaaddar Dammaqaa Axnaafuu.

Osoo murtee mootummaa hin ta'in abalu waraqaa eenyummaa hin qabuu, abalu seeraan ala jechuun hin danda'amu jedhan.

''Seera qabeessummaa ykn waraqaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii namni argee adda baase hin jiru. Kana kan gochuu danda'u qaama mootummaati. Mootummaan ammoo kana hin jenne. Nu tumsaas jira,'' jedhan.

''Kan ammaa yoo xiqqaate daangaa yeroo kaa'aniiru. Kan yeroo sanaa daangaa yeroollee hin kennine turan. Amma mootummaa naannoo sanaa fi mootummaa giddugaleessaa faanas dhimma kanarratti hojjetaa jirra. Bakka bu'oota hawaasaa Mandeeraa as jiran waliinis dubbataa jirra.''

Baqattoonni Itoophiyaa Mandheeraa keessatti hojii akkamiifaa hojjetu?

Namni Walaayitaa irraa baqatee fi waggoota kurna tokkotti siquuf Mandheeraa keessa jiraachuu dubbatu, lammiileen Itoophiyaa hojiiwwan biizinasii garaagaraa keessatti hirmaannaa guddaa taasisaa akka jiran dubbata.

''Mootora bitannee, suuqii banannee, hoteela bannee hojjetaa jirra.''

Akka baqataan kun jedhutti jaarsoliin biyyaa kunneen wayita mari'atanii murtee kana dabarsan, baqattoonni Itoophiyaa hojjetanii guddachuutti gammachuu akka hin qabne ibsaa turan.

''Waan isaan walga'iisaaniirratti dubbatan yoo dhageenyu inaaffaa akka qaban hubanne. Baqattoonni kunneen hojii mataasaanii hojjechaa jiru. 'Mootora bitanii, hoteela banatanii hojjetaa jiru. Nuti maal hojjennee nyaanna' jedhu,'' jedha baqataan kun.

''Ba'anii kana jedhanii nutti hin himan. Garuu kora isaanii irratti 'biyya keenya weeraraa jiru' jedhanii dubbataa turan.''

Baqattoonni Itoophiyaa kuma kurnaan lakkaa'aman Mandheeraa keessa jiraachuu kan dubbatu baqataan Itoophiyaa kun, ''nuti Walaayitaa qofti hanga kuma 10 taana. Oromoo fi saboonni kaanis baayyeetu jiru,'' jedha.

Kanneen hanga yoonaa hin bahin jiran ammallee gareedhaan gara namoota murtee kana dabarsanii deemuun gaafachaa jiraachuu kan dubbatu baqataan Itoophiyaa kun, ''garuu isaan homaa nu dhagahaa hin jiran. Kanaaf abdii kutannee akkanumaan guyyaa eeggataa jirra,'' jedhe.

''Asitti qabeenya garaagaraa qabna. Puulii, mootora, hoteela qabna. Kunneen yeroo gabaabaa kana keessatti eessa akka keenyu hin beeknu. Ijoolleensaanii dhufanii nu rakkisu. Dhagaa nutti darbatu. Warri kaanis ba'aa nuun jechuu malee furmaata biraa hin kennan. Wanti isaan dubbatanuu baayyee nama sodaachisa.''

Baqataan Itoophiyaa, naannoo Oromiyaarraa gara Mandheeraa baqatee achi jiraachaa ture ''namni Itoophiyaa as keessatti akka hin dalaganne nurraa bahaa jedhan,'' jedhe.

''Guraandhala 5 geenyaan akka hoteelli keessan saamamu, tarkaanfiinis akka isnirratti fudhatamu beekaa jedhanii akeekkachiisa dhumaa kennan. Gaafas yoo lubbuun namaa ba'e nuti hin gaafatamnu jedhan.''

Baqattoota akeekkachiisa kana sodaachuun gara biyyaatti deebi'anillee daandiirratti, galaana gubbaatti qabuun maallaqa guggaa gaafatu jedha baqataan Itoophiyaa kun.

''Kuma 20, kuma 15 gaafatti. Ijoolleen hidhaa keessa jiran hiikamuun akka gara biyyaa deebi'an yoo barbaadames kuma 30 hanga kuma 50 gaafatan.''

Akka baqataan Itoophiyaa kun jedhutti baqattoonni Itoophiyaa Mandheeraa keessatti mootorii (doqdoqqee), konkolaataa, puulii, hoteela fi suuqii qabu. Akkasumas kanneen caccabaa sibiilotaa fi waan kaan bituun gurguran hedduutu jiru.