Akka Tiraamp jedhu Afgaanistaanitti duulee kan lole US qofaadhaa?

Tiraamp Fooramii Diinagdee Addunyaa torban kana gaggeffamerratti haasaa taasiseen dubbii wal-dhiitu heddu dubbate keessaa tokko waa'ee loltoota al-Qaayidaafi Taalibaan loluuf Afgaanistaanitti bobba'aniiti.

UKn loltootashee Afgaanistaanitti bobbaastus kan lole garuu loltoota US akka ta'aniifi kan UK adda waraanatti argamanii akka hin lolle dubbate.

Kuni UK baay'ee dheekkamsiise; qondaalonni siyaasaafi waraanaa, loltoonni Afgaanistaanitti bobba'anii hirmaatan, kanneen madaa'aniifi maatiin loltoonni achitti jalaa du'an gadi bahanii "Tiraamp aarsaa nuti kaffalletti qoose, nu arrabse, ifatti dhiifama gaafachuu qaba" jechuun aariin dubbataa turan.

Loltoonni bara 2001-2021tti Afgaanistaanitti bobba'uun Taalibaan turan yaadannoo matasaanii qabu. Waggaa 25 dura gaafa US Afgaanistaanitti duultu, biyyoota Lixaa ishee waliin duulan keessaa tokko UKdha. Loltoota kumaatamaan lakkaa'aman bobbaaste.

Inumaayyuu kaampiin Waaraanaa UKn Afgaanistaanitti ijaarate Kaamp Baastiyaan jedhamu magalaa xiqqoo jedhamuun beekama ture. Buufata xayyaaraa- bakka xayyaaronnifi waraanaafi loojistikii qubatan, iddoo daldalaa, manneen jireenyaafi wantoota loltootafi hojjattoota oppiresshinii Afgaanistaaniif achi buufataniif barbaachisu hundaan kan guutameedha.

Wamicha deeggarsaa US yeroo Afgaanistaanitti duultu taasisteen biyyoonni garaa garaa loltoota bobbaasuun turtii waggoota 20f Taalibaan loluuf taasifame keessatti hedduun aarsaa ta'aniiru.

Akkaataan bobbii waraanaa biyyoonni kunneen irratti hirmaatanis, US keeyyata 5 chartara NATO fayyadamuun waamicha gooteni. Kunis haleellaa 9/11 jedhamuun beekamu al-Qaayidaan gaggeesse sababa godhachuun, Taalibaan Afgaanistaan keessatti al-Qaayidaa dhoksaa jira jechuun duula taasifte.

Akkaataa chaartara NATO keeyyata shaniitti, haleellaan miseensa NATO tokkorratti yoo gaaggeeffame, akka waan miseensota hundaratti gageeffameetti fudhatama.

Taalibaan battaluma duulli eegaletti aangoo gadhiisee gaarren Tooraa Booraafi baadiyyaa Afgaanistaanitti baqate. San booda loltoonni biyyoota US gargaaruun Afgaanistaanitti duulanii miseensota al-Qaayidaa gaarren keessa dhokatan adamsuutti qajeelan. Isaan keessaa loltoonni UK Rooyaal Maariin fi UK Ispeeshaal Forsis jedhaman tokkoodha.

Waggoonni jalqabaa oppireshiinii US hoggantuun Afgaanistaanitti gaggeeffame haalaa gaariin deemaa ture. Bara 2003tti US fuulashee gara Iraaqitti yeroo deefattu kan Afgaanistaan haala wal-xaxaa keessa galuu eegale.

Firaank Gaardinar loltuu UK Afgaanisaanitti duulee tureefi amma xinxaalaa dhimma nageenyaa BBCti.

"Buufata humna qilleensaa Kandahaar keessa teenyee loltoonni Romaaniyaa haleellaa isaanirratti aggaamamu yoom nutti dhufa jedhanii yeroo yaadda'aa buufata sana eegan ilaalaa turre," jechuun Taalibaan daheeffateefi halkan fa'aa haleellaa rokkeettii fa'aa gaggeessuun haaloo isaan bahataa akka ture yaadata.

UKn loltootashee bulchiinsa Heelmaanditti gaafa bobbaastu dubbiin akka bade ibsa Gaardinar. Hanga UKn loltoota achitti bobbaastutti bulchiinsi Heelmaand nagaa akka ture ibsa. "Erga isin nu loluu dhuftanii nus isin lola jedhee Taalibaan murteeffate," jechuun loltoonni UK Heelmaand keessatti gatii guddaa akka kaffalan yaadata.

Hanga bara 2014 oppireeshiniin sun dhumuutti "[loltoota] Ameerikaa qofa miti lubbuufi qaama kan itti dhabe" jechuun dubbiin Tiraamp gatii loltoonni biyyoota garaa garaa Afgaanistaan keessatti kaffalanitti qoosuu akka ta'e ibsa.

"Loltoonni Biriitiish, Kanaadaa, Daaniish, Istooniyaa kanneen bulchiinsa Kaandaaharifi Heelmaand keessatti aarsaa hadhooftuu kaffalan keessayi. Gootummaafi onnee loltoonni Afgaanistaan waggoota 20 ta'uuf ittiin lolaa turanis dagachuun ofittummaadha," jedha Gaardinar.

Taalibaan dachaafi gaarren golashee hunda waan beekuuf loltoonni biyyoota garaa garaa isa loluuf faana dhahan eessa akka qubatan, karaa kam laga akka cehan, sulula kam akka qaxxaamuranii isa hordofan waan beekuuf boombiifi dhootuwwan garaa garaa awwaalee darba.

Loltoota UK dabalatee kan biyyoota hedduu dhootumman Taalibaan awwaaluun lubbuu kan dhaban, miilli kan citeefi qaama hir'uu ta'an baay'ee ta'uu yaadata Gaardinar.

"Warri kun haleellaa 9/11 booda waamicha duula waraanaa Ameerikaan taasifteef tole jedhanii warra duulaniidha. Pirezidaantin biyyasaanaa [Ameerikaa] loltoonni biyyattii deeggaruuf bobba'an adda waraanarraa duubatti deebi'aa tura [nu qofatu lole] jedhee dubbachuun nama ajaa'iba," jechuun dubbiin Tiraamp akka isa dheekkamsiise hima Gaardinar.