La Liga Ispeen: Riyaal Maadiriid Baarseloonaa caalee dursa qabate
Dorgommiin La Liga Ispeen baka kanaa kokkee walqabuu ta'aa jira. Riyaal Maadiriid gara dirree Viyaariyaal deemee goolii lamaan Kiliyaan Imbaappeen lakkoofsiseen 2 fi 0n mo'atee dursummaa Baarseloonaarraa fudhateera.
Impaabbeen goolii jalqabaa daqiiqaa 47ffaa irratti, kan lammeessuu ammoo daqiiqaa 94ffaa irratti peenaaliitiin lakkoofsise.
Peenaaliitii Imbaappee Panenkaa Biraahim Diyaaz taa'ee daawwachaa ture.
Biraahim Diyaaz peenaliitii falmisiistuu Morookoon argate Panenka yaalee osooo hin lakkoofsisiin hafee ofiinis, biyya isaaa Morookoos qalbii cabse.
Peenaaliitiin Panenka jedhamu kun maali?