KALLATTIIN, Piriimer Liigii: Bornimaawoz 3 - 2 Liiverpuul

Piriimer Liigii Ingilizii torban 23 taphoonni shan Sambata har'aa taphatamu. Liigichatti Arsenaalitti aanee sadarkaa lamaffaa qabatee kan jiru Maanchester Siitiin kilaba dhumarra jiru Wolvis keessummeessa. Liiverpuul ammaa gara Bornmaazwoz deeee morkata.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. GOOOOOL: Barnimaawoz 3 - 2 Liiverpuul

    Daqiiqaan 90 dhumee isheeen dabalataayyu dhumtee Barnimaawoz ammas Liiverpuul 'qaanessan'.

    UGGUM kubbaa miilaa!

  2. Bornimaawoz 2 - 2 Liiverpuul

    Siboozilaay fi Vandaayik

    Madda suuraa, Getty Images

    Liiverpuul goolii Siboozilaay adabbii kenname bakka gooliitti dhiyoorraa ldaqiiqaa 80 irratti akkoofsiseen amma 2 fi 2 warra dirree Bornimaawoz waliin walqixxaateera.

  3. Bornimaawoz 2 - 0 Liiverpuul

    Evenilisan yeroo Liiverpuul irratti lakkoofsisu

    Madda suuraa, Getty Images

    Liiverpuul 2 fi 0n Bornimaawoziin durfamaa jira.

    Jifataan Boornimaawoz Eveniilsan kubbaa Iskoote kenneef daqiiqaa 26ffaa irratti Liiverpuul irratti lakkoofsiseera.

    Daqiiqaa 33ffaa irratti ammaa taphataan Aleks Jimineez jedhamu Liiverpuu irratti dabalee lakkoofsisee 'dugda kuteera'

    Liiverpuul Mohaammad Saalaah tapha Waancaa Afrikaarraa deebiyeef, Siboozilaay, Gaakpoo Filooriyaa Wiirtiz qabatee Ekitiikee teessuma jijjiirraarra kaa'ee jalqabe.

  4. Maanchester Siitii taphattoota haaraa lamaan Amajjitti mallatteesseen taphate

    Antonii Semeniyoo fi Maark Guhii

    Madda suuraa, Reuters

    Maanchester Siitiin har'a tapha kilaba sadarkaa dhumaarra jiru Woolvis simatee 2 fi 0n mo'ateera.

    Siitiin torban darban keessa gatantaraa tureera, keessumaa Darbii Maanchester fi tapha Shaampiyoonsiirratti baayyee mudhukee ture.

    Amma sararatti waan deebiye fakkaata.

    Taphattoonni sarara duubaa fi sarara duraa Amajji kanatti mallatteesifate kunneen bu'aa buusaaf jiruu?

    Taphattoota kanneen akkamiin ilkaaltan?

  5. Arsenaal yeroo ammaa kana addunyaarratti kilaba tokkoffaadha - Peep Gaardiyoolaa

    Taphattoota sarara ittisaa ARsenlla baka kanaa leellifamaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa, " yeroo ammaa kana Arsenaal addunyaarratti kilaba tokkofaadha," jedhe.

    'Arsenaal yeroo ammaa addunyaarratti kilaba tokkofaadha' kan jedhu itti waliigaltaa jedhamee kan gaafatame Gaardiyoolaan, "eyyeen" sirriidha jedhe.

    Arsenaal yeroo ammaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti tapha hunda taphatan mo'anii dursaa jiru. Piriimer Liigiittis akkuma kana dursaa jira.

    Kana malees, FC Cup fi Karabaa'oo kaappiinis ittuma jiru.

    Isin itti waliigaltuu?

  6. Maan Siitiin 2 - 0 Woolvis, Fuulhaam 2 -1 Biraayiten, Barnilee 2 - 2 Tootenhaam

    antoonii Semeeniyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Boqonnaa dura Maanchester Siitii goolii lamaan Woolvisiin dursaa jira.

    Goolii lamaffaa boqonnaa duraa daqiiqaa bakka gubate kennametti taphataa Amajji kana keessa Bornimaawozirraa dhufee Antoonii Semeniyooti lakkoofsise.

    Maanchester Siitiin hanga haala amansiisaa ta'een taphachaa ture.

    Taphoota biroon Fuulhaam biraayiteniin 2fi 1n mo'ate. Barnilee fi Tootenhaam ammoo 2 fi 2n walqixa bahan.

  7. Piriimer Liigii: Maan Siitiin goolii Maarmush galcheefiin dursaa jira

    Omaar Maarmush goolii galchee booda

    Madda suuraa, Reuters

    Wolvisiin simatee keessummeessaa kan jiru Maanchester Siitiin goolii taphataan Masirii tapha Waancaa Afrikaa irraa deebiye Omaar Maarmush galcheefiin dursaa jira.

    Maacnhester Siitiif taphattoonni lama jijjiirraa Amajji kanaan kilabichatti makaman Maark Guhii fi Semaaniyoon galanii taphachaa jiru.

    Taphoonni kaan: Barnilee v Tootenhaam, Fuulhaam v Biraayiten 0 f0 irra jiru.

  8. Halaand bara kana yeroo jalqabaaf Siitiif hin galu

    Erliinga Haalaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchester Siitii v Woolvis,

    Barnilee v Tootenhaam,

    Fuulhaam v Biraayten jalqabuuf jiru.

    Maan Siitiif Halaand fi Fooden jalqabarra hin galan, teessuma jijjiirraarra turu.

    Galgala kana 2:30 irratti ammoo Liiverpuul gara dirree Bornimaawoz deemee morkata.

    Bornimaawoz Semeeniyoo malee akkam ta'a?

    Maaltu eegama?

  9. Sanderlaand Amballii isaa Zhaakaa malee laafaadha

    El Hadji Malick Diouf

    Madda suuraa, Getty Images

    West Haamiif Diyuuf jijjiiramee galee ture, garuu jijjiirma baayyee hin arganne.

    Amballiin Sanderlaand Giraaniit Zhaakaa miidhamaan dhabuun qaawwi akka jiru godheera.

    Taphataan Senegaal Waancaa Afrikaa barana Morookootti gaggeeffamerratti peenaaliitii falmisiistuu Morkoof kennamte sana raawwate Sanderlaandiif taphata

    El Hajii Maaliik Diyuuf jedhama.

    Abbaan murtii (daanyaan) Waancaa Afrikaa irratti Biraahim Diyaaz irratti yakki raawwateera jedhee penaaliitii kenne ammoo lammii Rippanbilika Dimokiraatawaa Goongooti.

  10. West Haam 3 - 1 Sanderlaand

    Taphattoota West Haam Sanderlaandirratti goolii lakkoofsisanii booda

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirimer Liigii keessatti sadarkaa 18ffaa qabatee yaaddoo kufaatiirra kan jiru Sanderlaand kan barana Liigichatti ol guddatee ga'umsa gaarii agarsiisaa jiru 3 fi 1n dursaa jira.

    West Haamiif goolii jalqabaa Saamarviil, kan lamaffaa ammoo Boowen, yoo lakkoofsisaniif, goolii sadaffaa taphataa Fernaadeez jedhamutu lakkoofsiseef.

    West Haam goolii sadanuu boqonnaa dura galche.

    Boqonnaarraa deebiyanii daqiiqaa 66ffaa irratti Sanderlaand goolii tokko argataniiru.

  11. ASHAMAA! Oduu ispoortti kallattiin

    Ashamaa, akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Taphoota Piriimer Liigii torban 23 sadaffaa Sambataa, Dilbata dhiyaatan toora kanaan kallattiin isin biraan geenya.

    Oduufi xiinxala dhimmoota biyya keessaafi addunyaa akka isiniif mijatutti: Marsariitii, Facebook, YouTube, Whatsapp irratti nu hordofaa.

    DHIYAAADHAA!