Kilaba Piriimer Liigii isa kamitu Itoophiyaa, Afrikaatti jaallatama?

Mana barumsaatti, bakka bashannanaatti ykn bakka hojiittis ta’u dargaggoonni yeroo wal gahan dhimmi isaan caalaa kaasaniifi irratti odeessan waa’ee kilaboota Piriimer Liigii Ingilizidha.

‘Arsenaal, Maanchee, Siitii, Liiverpuul, Chelsii,…’ magaalaa hanga baadiyyaatti jechoota afaan dargaggoota kubbaa milaa Itoophiyaarraa hin dhabamnedha. Biyyoota Afrikaa hedduufis akkasuma.

Dorgommii ispoortii jiran keessaa kan kilaboota Piriimer Liigiin Ingiliz gidduutti taasifamu guutummaa addunyaarratti hedduu hawwataafi jaallatamaadha.

'Biraandii kubbaa miilaa addunyaa' akka ta’etti kan ilaalamu Piriimer Liigiin Ingiliz, hordoftoota biliyoona walakkaa ol akka qabu qorannoo wagga saddet dura gaggeeffame mul’iseera.

Hordoftoota kanneen keessaa miliyoona 260 kan ta’an ammoo Afrikaa keessadha.

Kilaboonni biyyoota Awurooppaa biroo warra akka Ispeen, Jarmanii, Faransaayiifi Xaaliyaanis qalbii dhalootaa keessatti bakka guddaa qabu.

Boqonnaa waqtii gannaan booda magaalota Afikaa hedduu keessatti taphni Piriimer Liigiin jalqabuuf wayita dhiyaatutti manneen dhugaatii, kaaffeefi wiirtuuwwan bashannanaa deeggartoota garasaaniitti dacha’an simachuuf qophii taasisuun baratamaadha.

Afrikaa keessaatti kilaba isa kamitu deeggartoota baayyee qaba? Biyya ykn naannoo kam keessatti?

Arsenaal

Maqaa masoo ‘Ze Gaaners’ jedhamuun kan beekamu Arsenaal Afrikaa biyyoota gara Bahaafi Kaabaa jiran keessatti deeggartoota hedduu qaba.

Biyyoota Baha Afrikaa keessaa tokko kan taate Itoophiyaatti kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa Arsenaal deeggartoota warra kaan caalaa akka qabu qorannoon namoota karaa Tiwiitaraa (X) kilaboota hordofaniin taasifame ni mul'isa.

Itoophiyaatti, keessumaa lakkoofsi deeggartoota kilaboota Piriimer Liigii gurguddoo sadii—Arsenaal, Maan Yunaayitid fi Chelsii guddaadha.

Akka qorannoo kanaatti yoo qoodaman: %52 Arsenaal, %22 Maanchester Yunaayitid, %8 ammoo Chelsii deeggaru.

Kilaboota kanneen sadanii alatti Itoophiyaa keessatti Liiverpuul fi Maanchester Siitiinis deeggartoota xiqqaa hin taane qabu.

Keeniyaa keessatti ammoo %31 deeggartoota Arsenaal, %23 deeggartoota Maanchester Yunaayitid, %17 ammoo deeggartoota Cheslsiidha.

Biyyaa Afrikaa Bahaa taate biroo, Ugaandaa keessattis Arsenal deeggartoota %36 qabachuun ni dursa.

Tanzaaniyaa keessatti garuu %25 qabachuun Maanchester Yunaayitid deeggartoota olaanaa qabateera.

Hordoftoota Piriimer Liigii Ingiliz keessaa %23 deeggrtoota Chelsii kan ta’an Masiriin alatti, biyyoota Afrikaa Kaabaa keessattis Arsenaal deeggartoota hedduu qabaachuun ni dursa.

Morookoo keessatti hordoftoota kilaboota Piriimer Liigii keessaa %55 kan ta’an Arsenaal deeggaru.

Aljeeriyaa keessatti %43 kan ta’an, akkasumas Tuniiziyaa keessattis %33 kan ta’an deeggartoota Arsenaalidha.

Sababoota ijoo Arsenaal biyyoota kanneen keessatti akka deeggartoota horatu tasisan keessaa tokko taphattoota Afrikaa addunyaarratti gurra horatan kilabicha keessa taphachuu isaaniiti.

Kaanuu, Emaanu’el Adebaayor, Kooloo Turee, Laawuran taphattoota Afrikaa Arsenaaliif taphatan akka fakkeenyaatti ka’an keessaati.

Deeggartoonni Afrikaa baayyeen garee Arsen Viinger osoo hin mo’amiin shaampiyoonaa ta’e ( 'Invincible Team') bara 2003-04 hin dagatan.

Barri kun ammoo kilabichaaf yeroo inni itti baayyee beekameefi deeggartoota hedduu akka horatu taasisedha.

Wanti nama ajaa’ibu tokko garuu biyyoota Afrikaa Bahaa keessaa kilaba Piriimer Liigii keessa taphachuu kan danda’e taphataa Keeniyaa Viktor Waaniyaamaa qofadha.

Maanchester Yunaayitid

Maanchester Yunaayitid kilaba Piriimer Liigii sadarkaa addunyaatti gurra guddaa qabudha.

Maqaa masoo ‘Ze Reed Deevils’ jedhuun kan beekamu ‘Maancheen’ ardii Afrikaarratti garuu biyyoota sadii— Afrikaa Kibbaa, Zaambiyaafi Zimbaabuwee keessatti duraafi duubaan deeggaroota %23, %30, %28 qabaachuun kilaboota kaan dursa.

Biyya Afrikaa gara Kibbaatti argamtu Maalaawwii keessatti garuu Asenaal %29 qabachuun deeggartoota caalaa qaba.

Kilaboota Piriimer Liigii keessaa seenaa milkaa’inaa guddaa qabaachuu isaatiin qofa miti Maacnhester Yunaayitid Afrikaa Kibbaa keessatti deeggartoota hedduu akka horatu kan taasise. Taphataa beekamaa Afrikaa Kibbaa Kuwintan Foorchun wagga torbaaf kilabichaaf taphachuurra darbee ambaasaaddara kilabichaa ta’uun tajaajiluun isaa Maanchester Yunaayitid deeggartoota hedduu akka horatu isa taasiseera.

Afrikaan Kibbaa ammoo Kilaba Deeggartoota Maanchester Yunaayititid seeraan galmaa’e qabaachuun Afrikaarraa biyya jalqabaati.

Chelsii

Kilaboota Piriimer Liigii Ingliiz keessaa Chelsiin Afrikaa Lixaatti deeggartoota hedduu qaba.

Kilabiin Landanitti argamu Chesliin Afrikaa Lixaatti jallatamuun isaa kan wal gaafachiisu hin ta'u.

Taphattoonni warri akka Diidiyeer Diroogbaa, Solomoon Kaaluu, Saamu'eel Eto'aa, Victor Mooses, Mikaa'el Eseen, akkasumas Joon Mikeel Obii hundi isaanii Afrikaa Lixaarraa bahanii Chelsii keessa warra taphatanidha.

Ayvorii Kostitti hordoftoota kilaboota Piriimer Liigii Ingiliz biyyatti keessa jiran kessaa %35 Chelsii deeggaru.

Gaanaafi Senegaal keessattis deeggartoota Pkilaboota Piriimer Liigii keessaa %26 kan Chelsiiti.

Biyya Afrikaa Lixaa kan taate Naajeeriyaa keessatti garuu deeggartoota %26 qabachuun Arsenaal dursaa jira.

Yeroo ammaa qomeen(uufanni) halluun cuqiliisaa 'Ze Biluus' biyyoota addunyaa keessatti hedduu jaallatama.

'Ze Biluus' maqaa masii Chelsiin ittiin beekamudha.

Bara 1905 kan hundeeffame Chelsiin taphattoota seenaa keessatti akka addaatti yaadataman shan keessaa tokko taphataa Ayivorii Kost ta'e Diidiyeer Diroogbaa tokkodha.

Maanchester Siitii

Maanchester Siitiin baroota dhiyoo as kilaba deeggartoonnisaa Afrikaa keessatti akkaan dabalaa jiru.

Bara 2008 dura maqaa Maanchester Siitii deeggartoonni beekaniyyu baayyee muraasa ture.

Haata'u malee, bara sanarraa kaasee ga'umsa agarsiisaa dhufeen Afrikaa dabalatee golee addunyaa hundarraa deeggartoota hedduu horachuu dhufeera.

Taphattoota baayyee murteessoo ta'an seenaa isaa bara dhiyoo keessatti horate keessatti taphattoonni Afrikaa akka Yaayyaa Tureetu jiru.

Bara 2010 Baarseloonaarraa Chelsii kan deeme Yaayyaa Turee, turtii isaa waggaa saddet kilabicha keessatti dabarseen deeggartoota Afrikaa baayyee hawwateera.

Yaayyaa Turee Maanchester Siitii waliin Piriimer Liigii si'a sadii, akkasumas FA Cup fi EFL Cup mo'ateera.

Taphataan Afrikaa biraa Maanchester Siitiin akka ardittii keessaa deeggartoota horatu taasise tokko taphataa lammii Aljeeriyaa Riyaad Mahareez ta'a.

Riyaad Mahareez Maanchester Siitii waliinPiriimer Liigii lamaafi EFL Cup mo'ateera.

Abbootii qabeenyaa Maatii Moototaa Abu Daabii lama jalatti Maanchester Siitiin dandeettii inni Piriimer Liigii Ingiliz irra darbee guutummaa Awurooppaa irratti agarsiisaa dhufe akka deeggartoota dhaloota haaraa horachaa deemuuf isa gargaareera.

Cimina dirree irratti agarsiisaniin alatti, walitti dhufeenya taphattoota Afrikaa dandeettii qaban taasisaniifi hariiroo hawaasa kubbaa miilaa Afrikaa tolfachaa dhufaniinis qalbii dargaggoota hedduu keessa seenaa jiru.

Liivarpuul

Akkuma Maanchester Yunaayitid, Liiverpuul kilaba Piriimer Liigii Ingiliiz addunyaarratti deeggartoota hedduu qabaachuun dursudha.

Baroota dhiyoo keessa ammoo addatti Afrikaa keessatti baayyee beekamaa dhufeera.

Liiverpuul qalbii deeggartoota Afrikaa argachaa kan dhufeef ammoo taphattoota Afrikaarraa ta'an baayyee makachaa dhufuu isaatiifidha.

Utubaa sarara ittisaa kan ture dhalataan Kaameruun Joo'el Maatip ija namaa duraa kan badu miti. Giiniirraa kan ta'e Nabii Keetaa namni Liiverpuul keessatti isa hin dagatu.

Kana malees, taphattoonni sarara gara fuula duraa ciccimoo lamaan Liiverpuul-- Saadiyoo Maaneefi Mohaammed Saalaah Anfiild galuun isaanii deeggartoota hedduu Afrikaa irraa kilabichaaf dabaleera.

Saadiyoo Maaneefi Mohaammed Saalaah qabaachuun alattis, Piriimer Liigiifi UEFA injifachuu dabalatee milkaa'inni Liiverpuul baroota dhiyoo as agarsiisaa dhufe ardii Afrikaa keessattis akka kilabichi deeggaroota horataa deemuuf isa gargaareera.