Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoo Finfinnee dulluma keessa jaalala Arsenaaliin booji'aman
Maanguddoon kun maqaansaanii Aaddee Iteetuu Maammoo jedhamu. Jiraattuu Finfinnee yoo ta'an, waggoota 20 oliif garee kubbaa miilaa Ingiliiz keessaa tokko kan ta'e Arsenaal deeggaruun beekamu.
Gareen isaan deeggaran Arsenaal barana waancaa dhabuusaatti gaddanillee gariicha deeggaru irraa booddeetti akka hin deebiine dubbatu.
Haala itti kubbaa miilaa ilaaluu jalqabaniifi Arseenaaliin deeggaruu eegalan akkasumas sababa Arsenaaliin jaalataniif BBCtti himaniiru.
Aadde Iteetuun tapattoota Arsenaal maqaan beeku.
“Arsenaal baay’ee natti tola, baay’een jaaladhas. Kanaaf isa deeggaruu eegale” kan jedhan Mama Arsenaal, ijoollee isaanii hordofuun garee kubbaa miilaa Arsenaal deegaruu eegalan.