Seenaa milkaa'ina Dr Nagaasee Abbabaa bu'aa bahiin gamatti

Seenaa milkaa'ina Dr Nagaasee Abbabaa bu'aa bahiin gamatti

Dr. Nagaasee Abbabaa jedhamti. Dhalattee kan guddatte Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo ganda Dambalii Kattaatti.

Abbaanshee Obbo Abbabaa Akkanaa barsiisaa yoo ta’an, haati ishee ammoo wayita isheen mucaa waggaa osoo jirtuu jalaa boqotan. Haatishee guddiste ammoo dhukkubsattuu waan turaniif daa’imummaatti itti gaafatamummaa mana keessaa ulfaataa fudhachuuf dirqamte.

Obboloota dhiiraa jahaafi dubaroota afur ta’anii akka guddatan kan himtu Dr. Nagaaseen, haalli keessa dabarte barnootaashee irratti dhiibbaa qabaachaa turu kaafti.

Kana malees ijoolluumaatti gaa'ila dhaabbachuun daa'ima godhachuun, jaalala barnootaaf qabduufi itti gaafatamummaa maatiishee kunuunsuu akkasumas attamiin fedhiishee ganamaa kan ta'e hakiimii namaa ta'u akka itti milkeeffattee dubbatti'

Dr Nagaaseen karaa dheeraa keessa dabarte kan dubartoota biroo barsiisa jettu akkanaan BBC’f qooddeetti, dhiyaadhaa.