Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaafi Faannoo Amaaraa gidduu 'waliigalteen taasifame'
Mootummaafi gartuu Faannoo, Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa, jedhamu gidduu waliigalteen nagaa taasifamuu Mootummaan Naannoo Amaaraa beeksise.
Waliigaltee kana Pirezidantii Mootummaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi bakka bu'aa gartuu hidhattootaa Maasrashaa Saxxee gidduu mallattaa'e.
Miidiyaan Naannoo Amaaaraa jala jiru Amaaraa Miidiyaa Korporeeshin akka gabaasetti ''waliigaltee nageenya waaraatu'' gidduu isaanii taasifame.
Waliigalteen kuni qaama mootummaan naannichaa nagaa buusuuf taasisuufi ummataaf boqonnaa kan kennu akka ta'e gabaafameera.
Qaamoleen lamaan akka walitti dhufan Gamtaa Afrikaafi IGAD'n mariifi jaarsummaan qooda fudhachaa akka turan ibsameera.
Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaan sagantaa waliigalteen taasifameerratti guyyaan kuni guyyaa guddaa ta'u ibsan.
''Walitti bu'iinsarratti kan mo'us, kan mo'amus hin jiru. Nagaarraa hundatu buufata.
''Waliigaltichi ummata keenya nagaa jaalatuuf boqonnaa kenna,'' jechuu isaanii FBC gabaaseera.
Mootummaan qaaamolee hidhatanii sosso'an meeshaa isaanii lafa kaa'ani akka seenaan gaafataa tuire.
Waamicha kana dhagahuun ''obboloota keenya dhufaniif mootummaan kabajaafi dinqisiifannaa qaba'' jedhaniirus jedhame.
Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa bakka bu'uun haasaa kan taasisan Kaappiteen Maasrashaa, walitti bu'iinsi kamuu mariin xumurama jechuu isaaniitu gabaafame.
Waa'ee gartuu kanaa maaltu beekama?
Gartuu hidhattoota Faannoo Naannoo Amaaraa keessatti mootummaa lolaa jiraan keessaa gartuun Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa tokkodha.
Guyyoota muraasa dura qondaalota olaanoo gartuu Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa lama miseensota isaanii kaan waliin mootummaaf harka kennuun gabaafamaa ture.
Kanneen harka kennatan jedhamanii odeeffaman keessaa tokko Kaappiteen Maasrashaadha.
Dhimma miidiyaa hawaasummaa gubbaa odeeffame garuu BBC'n hin mirkaneeffaanne kanarratti hanga walii galteen ibsamutti gama mootummaa homtu hin jedhamne ture.
Kana dura hoogganaa gartuu Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa ta'un kan ibsamaa ture Obbo Iskindir Naggaadha.
Obbo Iskindir kana dura bakka buutota Gamtaa Afrikaa, IGAD, Gamtaa Awurooppaafi Embasii US Finfinnee argamu waliin Naannoo Amaaraa bakka bakki isaa hin ibsamnetti mari'achuun isaanii gabaafamee ture.
Yeroos Obbo Iskindir mootummaa federaalaa waliin mari'achuu dhimmi jedhu akka hin kaane ibsanii turan.
Amma dhaabbatichatti bakka bu'uun mootummaa naannichaa waliin kan mallatteessan Kaappiteen Maasrashaa Saxxeedha.
Walii galtee kana keessatti qoodni Obbo Iskindir qaban hin ibsamne ykn yoo qooda qabu ta'es hin beekamu. As bahanii waan dubbataniis hin qaban.
Torban darbe Dhaabbanni Ummataa Faannoo Amaaraa miseensonni Hojii Raawwachiiftuu isaa lama ''mootummaa waliin hariiroo uumaniiru'' jechuun ari'uu bal'inaan gabaafamaa ture.
Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu garichaati kan jedhaman Obbo Ashaagre Baayyah, miidiyaalee onlaayinii buufata isaanii Ameerikaa godhataniif yoo dubbatan, kan ittifaman mootummaarraa ''ergama fudhatanii'' waan argamaniifi jechuun himan.
''Hoggantoonni dhorkaman Gojjamittti dura taa'aa Amaaraa Faannoofi hogganaa alaa dhaabbatichaa Maasrashaa Saxxeefi miseensa koree hojii raawwachiiftuufi Wallootti hogganaa nageenyaa kan ta'an Masfin Kaffaaladha,'' jedhaniiru.
Eegasii ''nubiraa badaniiru eessa akka jiran hin beeknu'' jechuun qondaalli gartuu kanaa dubbatani.
Kaappiteen Maasrashaa eenyu?
Kaappiteen Maasrashaa kana dura miseensa Humna Qilleensaa Itoophiyaa turan.
Bosona seenuu isaaniin dura yeroo to'annoo mootummaa jala turan balaa ibiddaa mana amala sirreessaa Qilinxoottti ka'e waliin wal qabatee harka keessaa qabu jedhuun himatamanii turan.
Erga hidhaatii hiikaman booda qooda siyaasa ummata Amaaraa keessatti qaban cimsuun sochii Faannoo Walloo keessa sosso'u keessa qooda olaanaa akka qaban himama.
Kaappiteen Maasrashaan yeroo mootummaa waliin walii galtee raawwatan qaama "Itoophiyaan akka bittinnooftu humnoota barbaadan waliin hojjechuun diigumsa malee dhimma ummataa miti" jechuun isaanii gabaafameera.
Mootummaan Itoophiyaa mootummaan Ertiraa hidhattoota Faannoo leenjisaa jira jechuun kana dura himataa ture, Ertiraan ni waakkatti.
Boodarras Kaappiteen Maasrashaan Obbo Iskindir Naggaa waliin ta'uun Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa jedhamu hundeessuun bakkeewwan naannichaa garagaraatti sosso'aa turaniiru.
Hidhattooti Faannoo ummanni Amaaraa haacuuccaa jala jira jechuun himatanii sosso'uu eegalan hooggansa tokko jala hin taliigaman.
Kana dura mootummaan Itoophiyaa hooggansi tokko dhibuun waliin mari'achuuf rakkoo uumuu ibsaa ture.
Ta'us, gartuuwwan garagaraa waliin mariin taasifamaa akka jiru kana dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatanii beeku.
Mootummaan kana dura hidhattoota WBO Oromiyaa keessa sosso'an keessaa gartuu Sanyii Nagaasaan hoogganamu waliin waliigaltee raawwachuun ni yaaadatama.
Naannoo Amaaraa keessatti mootummaan humna addaa diiguun humna federaalaatti makuuf sochii eegaleen wal qabateeni walitti bu'iinsii humnoota mootummaa waliin kan eegale.
Walitti bu'iinsi ALI Ebla 2015 eegale ammallee itti fufee jira. Miidhaa guddaas geessisuu jiraattoti kana dura BBC'n dubbiseefi gabaasonni garagaraa mul'isu.
Qorannoo BBC'n taasiseen dubartoonni 2,700 ta'an haleellaan saalaa nurra gahe jedhanii gabaasaniiru.