Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akka waliigaltichaatti mootummaa federaalaafi TPLF irraa maaltu eegama? Hidhannoo hiikuun akkamiin raawatama?
Mootummaan Itoophiyaa fi qondaaltoonni TPLF waliigaltee waraana waggoota lamaaf ture dhaabuu fi hidhannoo hiikkachisuu mallattessaniiru.
Magaalaa Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti Roobii darbe kana waliigaltee waraana dhaabuu, deeggarsi namoomaa fi tajaajiloota bu’uuraa Tigiraayitti deebisuu, akkasumas tokkummaa biyyattii eegsisu mallatteessan.
Marii bakka bu'oota mootummaa Itoophiyaa fi TPLF giddutti guyyoota kudhaniif taa’eme xumurarratti sanada qabxilee 12 fi fuula lama qabu walta’insaan dhiyeessan.
Sanadni fuula 10 qabufi akkaa itti waliigaltichi hojiirra oolu ballinaan ibsu ammoo dirqama gareewwan lamaan qabanis bal’inaan tarreesseera.
Asoosheetid Pirees qondaala waliigaltee kana itti dhiyeenyan beekan tokko Afrikaa Kibbaarraa gaafate akka gabaasetti, sanadichi gartuuwwaan lachuutiin mallatteeffame.
Waliigalticharratti humnoonni TPLF "meeshaalee waraanaa sasalphaarraa kaasee hanga jajjabaatti" guyyoota 30 keessatti hiikkata jedha.
Humnoonni mootummaa federaalaa "dhaabbilee federaalaa-buufataalee xiyyaaraa fi karaalee gurguddoo dabalatee, bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an guutummaatti to’ata,’’ jedha.
Gartuuwwan lamaan irraa maaltu eegama?
TPLF irraa maaltu eegama?
TPLF akkaataa heerri mootummaa ajajuun dhaabbilee federaala akka kabajuun socho’uuf waliigale.
Kana jechuun mootummaan federaalaa qabeenya dhaabbilee federaalaa, dabalatee daangaa Itoophiyaas ni eega.
Kana qofa miti, TPLF hidhattoota Itoophiyaa keessa socho’an kamiyyuu akka hin deeggarreefi tumsuurraa of qusatu waliigale.
Akkasumallee, qaamolee nageenyaa mootummaa federaalaa bobbaasu kan akka raayyaa ittisa biyyaa fi tika biyyaleessa kabajanii socho’uuf mootummaa federaalaa wajjin waligalan.
TPLF ammoo walitti bu’iinsa fi jeequmsa uumuuf leejii kennuu fi qopha’urraa of qusata.
TPLF osoo mootummaan federaalaarra beekamtiin hin argatiin hariiroo qaamota biyyoota hambaa waliin uumuurra of qusata.
Mootummaa federaalaarraa maaltu eeegama?
Mootummaan federaalaa TPLFtti duuluu ni dhaaba. Bu’uuraalee misoomaa yeroo qabameef keessatti deebisuutu irraa eegama.
Mootummaan federaalaa murtoo paarlaamaatiin TPLF tarree shororokeesitootatti ramade keessaa akka bahu haala mijeessa.
Akkasuma tajaajilli bu'uuraalee hawaasaa Tigiraayitti addaan cite deebi’ee akka eegalamu mijeessa, raawwisaas ni mirkaneessa.
Mootummaan federaalaa Tigraay dabalatee, iddowwaan waraanaan miidhaman birootti deeggarsi namomaa akka qaqqabu mijeessa.
Dhiyeessi deeggarsa namooma hin daangeffamne jiraachu isaa mirkaneessa.
Raayyaan ittisa biyyaa daangaa Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu eega , akksuma waliigaltee nageenyaa ni mallatteessa.
Raayyaan ittisa biyyaa Tigiraay iddoo hunda keessa socho’uun seera kabachiisa.
Qaamoleen nageenyaa federaalaa daangaa qilleensaa biyyatti, nageenya aviyeeshinii, buufataalee xiyyaarota fi daandiwwaan gurduddoo ni eega.
Hidhannoo hiikkachiisu
Waliigaltee nageenyaarratti dhimmi ijoon irratti waliigalame keessa tokko Itoophiyaan raayyaan ittisa biyyaa tokkoo qofa qabaatti.
Akkaata heera Itoophiyaatiin karoorri loltoota TPLF hidhannoo hiikkachisu, addaan bittimsuufi hidhattoota gara jiruu hawaasummaa idileesaanitti deebisuu qophaa’e hojiirra oola.
Waliigaltichi erga mallatteeffamee sa’aatiiwwan 24 keessatti qondaalonni olaanoon waraanaa gartuuwwan lamaanii wal arganii ni mariyatu.
Guyyoota shan keessatti ammoo adeemsi hidhannoon itti hiikamu bal’inaan qophaa’a.
Qondaalonni waraanaa gartuuwwana lamaanii akkaata walii galanitti , meeshaalee waraana jajjaboon raayyaa ittisa biyyatti dabarfamee akka kennamudha.
Qondaalonni waraanaa gareewwan lamaanii erga wal arganii mariyatanii waliiganii booda, akkaata waliigalaniin guyyoota 10 keessatti hidhannoon hiikkachiifama.
Yaada qondaaltoota waraanaa olaanoo gareewwan lamaaniitiin irratti waliigalaniin guyyaan hidhannoo hiikamu dheereffamuu danda’a.
Waliigalticha booda guyyoota 30 keessatti adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu guutummaatti ni xumurama.
Hidhattoota hidhannoo irra hiikanii gaggeessuu, adeemsi hawaasatti deebisanii makuu seera naannichaafi fedhiisaanii bu’uura godhateen raawwatama.