TPLF fi Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee waraana dhaabuurra gahan

Bakka buutotni mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay jaarsummaa Gamtaa Afrikaan waliigaltee waraana dhaabuu mallatteessan.

Waraanni mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti erga eegalamee jala bultii waggaa lamaffaa isaarratti qaamoleen lameen gaaga'ama hedduu booda dhiibbaa dhaabbilee idila addunyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessan.

Ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa, Pireezidantiin duraa Naayijeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo ''duula walirraa hin cinnee booda TPLF fi Mootummaa Itoophiyaa waliigaltee waraana dhaabuurra gahaniiru'' jedhan.

Kunis ''dhuma xumura marii araraa osoo hin taane jalqabbii gaariidha'' jedhan.

Baankii Misoomaa Afrikaa fi Gamtaan Awurooppaa mariin nagaa kun akka milkaahu maallaqaan deeggaruu Obasaanjoon himaniiru.

Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii nagaa kana irratti kan hirmaatan gorsaan nageenya biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahimad Ambaassaddar Reedwaan Huseen qaamolee marii nagaa kana milkeessan maqaa dhahuu galateeffataniiru.

Waraana kana of duubatti hambisuuf tattaaffii qaamoleen Tigraay godhaniifis Ambaasaadda Reedwaan galateeffataniiru.

Mootummaa US fi dhaabbilee idilaa addunyaa kaanis galateeffatanii gaaga'ama waraana kanaa qaqqabe suphuuf akka gumaachan gaafataniiru.

Hawaasni Idila adunyaa hojiilee mootummaan Itoophiyaa gama misoomaan hojjetu akka daawwatanis waamicha godhaniiru Ambaasaaddar Reedwan.

Gama humnoota Tigraayiin kan dubbatan dubbii himaan TPLF obbo Getaachoo Raddaas gama isaaniin Gamtaa Afrikaa ''marii nagaa milkaahaa gaggeessuu isaaf ni galateeffanna'' jedhan.

Waraana kanaan uummatni Tigraay rasaasaan qofa osoo hin taane hanqina nyaataafi qorichaan dhumaa akka ture obbo Getaachoon dubbataniiru. Waliigalteen waraana dhaabuu amma mallatteessanis guutummaatti dantaa saba Tigraay haala kabajuun akka raawwatamu abdii qabanis ibsaniiru.

Waliigalteen amma qaamoleen lamaan irra gahan ''qaamolee ollaa fi nu keessa jiran biroon akka hin gufanne waliin hojjechuu qabna'' jedhan obbo Getaachoon.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun atattamaan hojiitti hiikamee marii siiyaasaa akka ittii fufu gaafataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa fi humnootni Tigraay ibsa waloo qabxii 12 qabu baasanii gara waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuutti ce'an.

Qabxiiloon ijoo ibsa waloo isaanii kun sagalee dhukaasaa hambisuu, olola qaamolee lamaan gidduu deemu dhaabuu, mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaa dhiyeessuu kan jedhan fi kaanis ni argamu.

Waliilateen kun obbo Getaachoo Raddaa fi Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniin mallatteeffame.

Gaaffilee miidiyaaf deebii

Hirmaannaa humnoota Eertiraa, wantoota waliigaltee kana gufachiisu malan, waayee TPLF shorkeessummaa jalaa baasuu fi dhiisuu, irratti miidiyaalee irraa gaaffiin dhiyaateera.

Gaaffileen kun qaama jaarsummaa kan hooggananiif malee bakka buutota qaamolee lameeniif miti.

Miseensonni jaarsummaa kanaas deebii ifa ta'e gaaffilee kanaaf hin laanne.

Dhimmoota akka waraana hiikkachiisuu, uummata walitti deebisuu, deeggarsa deebisanii dhaabuu dabalatee raawwii waliigaltee waraana dhaabuu irratti qaamolee lameen irraahuu gaaffileen gadi fagoon dhiyaachuufi falmiin guddaan akka ture pireezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa dubbataniiru.

Daangaan Itoophiyaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaan akka eegamuu qabu ibsameera kan jedhan Uhuuruun, gama siyaasaan hojiileen dhimmoota kana irratti hojjetaman akka jiran ibsaniiru.

Biyyattii keessatti nagaa buusuun gahe qaamolee lamaan kanaa waan hin taaneef qaamolee biyyattii kaan hirmaachisuun waliigaltee kana dhugoomsuuf gaafatamni kennameeraf jedhan miseensi biraan jaarsummaa kanaa.