Itoophiyaan miseensa BRICS tahuun maal argamsiisaaf, michoota ishee Lixaawoo dallansiisaa?

Itoophiyaan biyyoota haaraa Jahan garee BRICStti makaman keessaa tokko tahuu ishee Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed himaniiru.

Wal gahii gareen kun Afrikaa Kibbaatti gaggeessaa jiru irratti baay’inni garichaa jaha irraa gara 11tti guddachuu pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriyal Raamaafoosanis mirkaneessaniiru.

Biyyootni haaraan garee kanatti makaman Itoophiyaa, Arjentiinaa, Masirii, Iraan, Sawud Arabiyaa fi Yuunaayitid Arab Imireetisidha.

''Kuni Itoophiyaafis ta’e Afrikaaf injifannoo dippilomasii guddaadha. Itoophiyaan yeroo filatamtu seenaa, lakkoofsi ummata ishee, biyyoota addunyaa guddina dinagdee olaanaa galmeessaa jiran keessaa tokko ta’uun ishee biyyoota kanaan waan itti amanameefi,’’ jedhan Ministirri Muummee Abiy.

''Dhiibbaafi dhageettiin Itoophiyaa dabalaa waan dhufeef Itoophiyaa galchuun tumsa biyyoota guddataa jiranii milkeessa jedhamee yaadameeti. Biyyoonni haaraa seenan gara caalu diinagdee guddaa qabaatanis Itophiyaan egeree qabduun filatamuu dandesseetti. Injifannoo dubbii hedduun argamedha'' jechuunis murtee sana booda dubbatan.

Itoophiyaan garee ‘Global South’ jedhaman BRICS makamuun bu’aamoo miidhaa qaba? Isa lafaan fuudhaatti isa dhukaa gattee’ akkuma jedhan sana taatimoo, Itoophiyaan BRICS irraa gama siyaas-dinagdeen fayyadamti?

Ameerikaa, Chaayinaa fi Gamtaa Awurooppaatti ambaasadara Itoophiyaa kan turan Unatuu Bilaattaa, Itoophiyaan garee kanatti makamuun dura bu’aa fi miidhaa isaa irratti qorannoo gahaa gaggeessu isheerraa shakkii qabaachuu himan.

Itoophiyaan garee BRICStii makamuun ‘’murtee dhaaba biyya bulchuun waan tahe malee faayidaa biyyaalessaa gidduugaleessa godhatee waan murtaa’e jedhee hin amanu,’’ jedhan.

Akka sababaatti kan kaasan ammoo rakkoo siyaasaa Itoophiyaan waggoota shanan darban keessa darbitedha.

''Faayidaa fi miidhaa isaa irratti hayyoonni hammam ilaalaniiru kan jedhu shakkiin qaba.

''Dhimmoota biyyaalessaa irratti xiinxalaa fi qorannoo gadi fagoo hojjechuun murtee dabarsitii kan jedhu shakkiikoo guddaadha,’’ jedhan.

Itoophiyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa uummata guddaa qabduu fi guddina dingdee guddaa galmeessaa turtedha.

Fedhii biyyoonni guddatan Gaanfa Afrikaa keessaa qaban dhiyeenya kana akkaan dabaleera.

Ameerikaa fi Chaayinaan yeroo jalqabaaf ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa muuduun isaanii taatee dhiyeenyaati.

Raashiyaan hariiroo Itoophiyaa, Ertiraa fi biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsachuuf hojii dippiloomaasii guddaa hojjechaa turte. Kun erga waraanni Raashiyaa-Yuukireen jalqabee akkaan dabaleera.

Itoophiyaan ammoo Afrikaa irraa baay’ina uummataan sadarkaa lammaffaa irra kan jirtuu fi guddina dinagdee gaarii galmeessaa turte tahuun ishee biyyoota adda addaan akka barbaadamtu ishee taasiseera jedhan ambaasaadar Unatuun.

MM Abiyyi Ahimed ulaagaa Itoophiyaan itti filatamte yoo himan abdii guddinaa isheen qabduu fi baay’ina uummataa isheen qabdu tahuu eeraniiru.

Ambaasadar Unatuu Bilaattaa biyyootni gurguddaan addunyaa biyyoota Afrikaa ofitti hawwachuu irratti hojjechaa jiraachuu eeran.

Itoophiyaan biyyoota Lixaa dabalatee waliigaltee hedduu keessa jiraachuu himan.

Faayidaa biyyaalessaaf moo biyyoota Lixaa dallansiisuuf?

Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota Lixaa waliin hariiroo jaarraa lakkaa’e qabdi.

Deeggarsa maallaqaa fi liqaa guddaa kan argattus Baankii Adunyaa fi Dhaabbamata mallaqaa Addunyaa irraati.

Haa tahu malee, erga waraanni Tigiraay banamee hariiroo Itoophiyaan biyyoota Lixaa waliiin qabdu akka duraanii miti.

Mootummaan Itoophiyaa hojii dippilomaasii deebisee jabeessuu irratti hojjechaa akka jiru dhiyeenya ibsee ture.

Amma mootummaan Itoophiyaa garee biyyoota BRICS [Biraazil, Chaayinaa, Indiyaa, Raashiyaa fi Afrikaa Kibbaatti] makamuuf murteessuun michoota ishee Lixaa dallansiisuu akka danda’u Ambasadar Unaatuun dubbatan.

Ofiis Ameerikaa fi Chaayinaa akkasumas Gamtaa Awurooppaa keessatti Ambaasadara Itoophiyaa tahuun kan tajajilan ambasadarichi deeggarsa kallattii biyyoota Lixaa irraa argachaa waan turteef gama dippilomaasii biyyoota Lixaa waliin qabduun gatii kaffalchiisa jedhan.

Itti dabaluun ''fedha biyyaa dursaniitimoo, dhaaba siyaasaa aangoo irra jiru gammachisuuf moo, biyyoota Lixaa dallansiisuuf yaadaniiti? moo madaallii eeguu barbaadaniiti kan jedhu baay’ee nama shakkisiisa,’’ jedhan.

''Biyyi keessoo isheetti tasgabbii uumuu kan hin dandeenye, biyya alaa deemtee garee biraatti makamuun ishee maal fida?

‘’Biyya keessa nagaa fi tasgabbii bakka hin jirretti, guddina dinagdee fiduun biyya rakkisaa tahetti, biyyoota guddatanii fi fedha adda addaa qabanitti makamuun bu’aa akkamii fida? ’’ jechuun gaafatu.

Guddinni dinagdee biyyoota BRICS dinagdee Itophiyaarra fagoo jiraachuu kan himan Ambaasadar Unatuun, faayidaa isheen as keessatti argattu xiqqaa tahuu akka danda’u himan.

‘’Faayidaa fi fedha biyyoota kanneeniin hacuucamuu fi bitamuun kan hin oolledha.

Maal qabannee dhaqna? Maal irraa fudhanna? Guddina teeknoloojimoo dinagdeetu irraa argama kan jedhu addatti ilaalamuu qaba ture,’’ jedhan.

Itti dabaluun ‘’fedha mootummaa osoo hin taane fedha biyyaatu ilaalamuu qaba’’ jedhan.

Itoophiyaa irra liqaa guddaan dhaabbilee Lixaa [Baankii Adunyaa, IMF] akka jiru kan himan Ambaasadar Unatuun kun mufii uumuu akka danda’u eeran.

Biyyi si gargaaruuf qofa dhufu akka hin jirre himanii fedhii sirraa barbaadanis akka jiru xiinxaluun barbaachisaadha jedhan.

Biyyoonni BRICS Itoophiyaa kan barbaadaniif bay’ina uummataan Afrikaa irraa lammaffaa irra kan jirtu, gama siyaasaan teessoo gamtaa Afrikaa waan taateef Afrikaa keessaa dhiibbaa uumuu kan dandeessu tahu ishee barbaadaniiti.

Inni guddaan garuu Itoophiyaan maal irraa argattii kan jedhudha jedhan.

Kanaaf yoo guduunfan ammoo Itoophiyaan garee BRICSti makamuun ishee gama dippilomaasiin gatii ishee baasisa jedhan.

Liqaa Chaayinaan Itoophiyaaf laattu guddaa tahus, liqaa dhaabbileen Lixaa Itoophiyaa irraa qaban akkasumas deeggarsa kallattii isaan biyyattiif kennan guddaa waan taheef gatii baasisuu danda’a jedhan.

Itoophiyaan Siyaasaaf moo dinagdeen filatamte?

Ogeessi dinagdee Abdulmannaa Mahaammad, miseensa BRICS yeroo taanu gibiraa fi investimantii alaa sirriitti ilaaluu gaafata. Itoophiyaan seektera faayinaansii ishee banaa gochuu ishee gaafata jedhan.

Itoophiyaan yeroo waraana Tigiraay sana sarbamni mirga namoomaa raawwatera jedhamuun waliigaltee daldalaa qaraxa irraa bilisaa mootummaan Ameerikaa biyyoota Afrikaaf dhiyeesse AGOA keeessaa dhorkamte.

''Amma kabaja isaa ilaaluu osoo hin taane Itoophiyaan akkamiin fayyadamti kan jedhudha. Fakkeenyaaf qaraxa malee oomisha ishee isaanitti gurguratti yoo tahe akkamiin fayyadamna kan jedhu ilaaluu qabdi.’’

Abdulmannaan Itoophiyaan faayidaan Gamataa Awurooppaa irraa argataa turte hagas mara tahuu baatus AGOA irraa akka gaariitti fayyadamnee ture jedhan.

Dabalataan tajaajilli liqaa yoo jiraate akkamiin argachuu akka dandeessu irratti hojjechuu gaafata jedhan.

Itti dabaluun liqaa IMF fi Baankii Addunyaa irraa argachuun ulaagaa hedduu akka gaafatu kaasuun, miseensa BRICS tahuun tajaajla Liqaa baankii misoomaa isanii irraa argachuun kan danda’amu yoo tahe Itoophiyaaf carraa gaarii taha jedhan.

Sharafa alaa irratti Itoophiyaan rakkoo guddaa waan qabduuf carraa liqaa kanatti fayyadamuu dandeessi jechuun faayidaa argachuu dandeessu eeran.

''Itoophiyaan gara biyyoota BRICSitti oomisha ishee yoo qaraxa malee kan ergitu tahe isaanis gara Itoophiyaatti yommuu ergan Itoophiyaan qaraxa akka isaan irratti hin buusne dhiibbaa irratti gochuu danda’u,’’ jedhan.

''Itoophiyaan maaliif barbaadamte jennee yoo ilaalle gama dinagdee isheen osoo hin taane siyaasaan natti fakkaata. Gamtaan Afrikaa Itoophiyaa keessa waan taheef Afrikaaf hula seensaati.

Dinagdeen keenya biyyoota BRICS biratti homaayyuu miti. Kanaaf Itoophiyaan eeggannoo guddaa gochuu qabdi,’’ jedhan.

Hariiroo biyyoota Lixaa waliin qabnus akka nu jalaa hin badnetti eeggachuu qabna. Liqaa guddaa kan argannu biyyoota Lixaa irraa waan taheef madaallii lamaanii eeguun barbaachisaadha jedhan.