Itoophiyaa dabalatee biyyoonni jaha miseensa BRICS akka ta'an murtaa'e

Itoophiyaan miseensa garee biyyoota BRICS jedhamuun beekamuutti dabalamuuf gaaffin dhiyeessite fudhatama argachuun miseensa akka taatuf murtaa'e.

Kora 15ffaa BRICS Afrikaa Kibbaa, Johaanisbargitti gaggeeffamaa jiruuni Itoophiyaa akka miseensatti fudhachuu kan beeksise.

Gareen biyyoota diinagdeen guddina saffisaa galmeessaa jiranii, BRICS jedhamu kun kora bara kanaan miseensota isaa dabaluurratti kan xiyyeeffate ta'uu beeksise.

Kanaanis Itoophiiyaa dabalatee biyyoota jaha: Itoophiyaa, Arjantiinaa, Iraan, Gamtaa Emereetota Arabaa (UAE), Masrii fi Saawudi Arabiyaa miseensota haaraa ofitti dabaleera.

Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kan yaa'ii kana irratti hirmachuuf gara Afrikaa Kibbaa imalan ''biyya keenyaaf taatee seenaati'' jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti maxxansan

''Itoophiyaan sirni addunyaa badhaadhaa hunda haammataa ta'e akka jiraatu hunduma waliin hojjechuuf yeroo kamiyyuu qophooftuudha'' jedhan.

Gareen BRICS biyyoota shan: Biraazil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa hammate kun kora 15ffaa Afrikaa Kibbaa, Johanisbargitti gaggeessaa ture har'a, Hagayya 24 akka xumurutu eegama.

MM Abiy Ahmad wal-gahii "BRICS Africa Outreach" fi "BRICS Plus" irratti hirmaataniiru.

Korri kun osoo hin gaggeeffamin dura MM Abiy Ahmad pirezidaantii Chaayinaa Shii JiinPiing wajjin wal-arguun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf walii galuusaanii ragaan Waajjira Ministeera Muummee ni agarsiisa.

Marii kanaan Chaayinaan bara 2023/2024 keessa yeroo kaffaltii idaa Itoophiyaaf akka salphiftu ibsi Waajjirri Ministeera Muummee Hagayya 23, 2023 baase ni agarsiisa.

Itoophiyaan garee BRICStti dabalamuuf gaaffii dhiyeessuushee hordofee, Itoophiyaan dhaabbilee idil-adunyaa fayidaashee eegsisuu danda'an wajjin hojjachuu akka itti fuftuufi BRICStti dabalamuuf ifatti gaaffii dhiyeessuushee dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam ji'oota dura ibsanii turan.

"Haala addunyaa amma jijjiiramaa jiruufi akkaatee tarree addunyaan irra hiriirtee jirtuun, fayidaa biyyaalessaa keenya mirkaneessuf kan nu gargaaran miseensa dhaabbilee idil-addunyaa ni taana," jedhan.

"Gaaffii Itoophiyaarraa dhiyaatef BRICS deebii gaarii kenna jennee eegna," jedhanii turan Ambaasaaddar Mallas.

BRICS bara 2009tti Biraazil, Raashiyaa, Hindiifi Chaayinaa qabachuun kan hundaa'e yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa boodarra itti makamte.

Afrikaa keessaa miseensa jalqabaa kan taate Afrikaa Kibbaa yoo taatu amma Itoophiyaa fi Masrii Afrikaa irraa itti dabalamanii jiru.

Biyyoonni miseensa BRICS ta'an kunneen baay'ina uummata addunyaa dhibeentaa 40 kan qabatan yoo ta'u, diinagdeen biyyoonni miseensa BRICS ta'an shanan qaban diinagdee addunyaa keessaa harka 26 kan ta'uudha.

Diinagdeen biyyoota kanaa dabalaa deemun gabaa addunyaa keessatti dhiibban isaan uumanis guddataa jira.