Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sodaa hidhamuu malu jedhuun Putiin kora BRICS Afrikaa Kibbaatti taa'amurratti hin argaman
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan Kora BRICS ji’a dhufu Johaannisbarg keessatti gaggeeffamu irratti Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin akka hin hirmaanne mirkaneessan.
Sababaa Pirezidant Putiin Kora garee biyyoota shananii; Biraazil, Raashiyaa, India, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa (BRICS) hin hrimaanneef ammoo sodaa qabamuu malu jedhuunidha.
Paartiin mormituu Democratic Alliance jedhamuufi Aministii Internaashinaal Afrikaan Kibbaa seera idil-addunyaa Roman Statute jedhamee beekamu biyya mallatteessite waan taateef hogganaan Raashiyaa -Putiin Afrikaa Kibbaa seennaan dabarsitee akka kennitu dirqisiisaa jiru.
Afrikaan Kibbaa akkaataa waliigaltee Roman Statute kanaan biyya miseensa ICC keessaa tokko gatii taateef Putiin akka qabamaniif gargaaruu qabdi.
Afrikaan Kibbaa erga seera idil-addunyaa kana mallatteessitee nama barbaadamu dabarsitee akka kennitu seerris ni gaafata.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa akka jedhetti, Pirezidantiin Raashiyaa kora BRICS irratti akka hin argamne lamaan isaanii waliigalteerra gahaniiru.
Kanaaf, Raashiyaan ministira dhimma alaa biyyatti Sargee Laavirooviin bakka buuti jedhameera.
Kora kana irratti hoggantoonni Biraazil, Indiyaa, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa garuu ni argamu.
Murteen akka Pirezidant Putiin kora kanarraa hafu gochuu rakkoo seeraa tibba kana ijoo dubbii ta’aa jiruufi Pirezidant Siriil Raamaaafoosaaf ammoo mata-bowwuu ta’aa turetti xumura godha.
Pirezidant Siriil Raamaafoosaa wayita Pirazidant Putiin kora Afrikaan Kibbaa qopheessiturratti hirmaachuuf dhufan akka to’ataman gochuu qabu jechuun dhiibbaan guddaan irratti taasifamaa tureera.
Paartiin mormituu Afrikaa Kibbaa Democratic Alliance jedhamu Putiin yeroo biyyattii seenan akka Mana-murtii Idil-addunyaa (ICC)'tti dabarsitee kennituuf gaafataa ture.
Dhaabbanni idil-addunyaa mirga namaaf falmu Aministii Internaashinaalis mana-murtiitti paartii mormituu kana cinaa dhaabbatee falmuun Putiin akka ICC'tti dabarfamanii kennaman gochuuf hojjechaa tureera.
Pirezidant Raamaafoosaan ammoo Pirezidant Putiin yeroo gara Afrikaa Kibbaa dhufan qabuun Raashiyaarratti akka waraana labsuurratti ilaalama jechuun ICC'n akka isaan hin qabneef gaafatanii turan.
Raashiyaan garuu miseensa ICC waan hin taaneef ajaji akka qabamu darbu kamiyyuu fudhatama kan hin qabnedha jechuun irra deddeebiin mormaa turteetti.
Vilaadmiir Putiin yeroo Afrikaa Kibbaa dhufan to'achuuf yaaliin taasifamu kamiyyuu waraana Raashiyaa irratti labsamudha jechuun dubbachaa kan turan Raamaafoosaan amma boqonnaa argataniiru - Putiin maricha irratti hin argaman, waraannis Raashiyaarratti hin labsamu'.
BRICS gamtaa biyyoota diinagdeen isaanii saffisaan guddachaa jiru Biraaziil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa miseensummaan kan qabatedha.
Paartiin mormituu mummee Afrikaa Kibbaa, Demookiraatiik Allayaans dubbii kana mana murtii dhaqachuun Putiin biyya sana yoo galaniif akka qabaman qondaalota dirqisiisuu yaalaniiru.
Sanadni mana murtii akka agarsiisutti Pirezidant Raamaafoosaan tarkaanfii kana akkaan akka mormaniifi nageenya biyyaalessaa illee rakkoo keessa akka galchus himan.
''Afrikaan Kibbaa Putiin to'annoo jala oolchuu raawwachuu irratti rakkoo ifa tahe qabdi,'' jedha sanadichi.
''Raashiyaan pirezidantii ishee to'annoo jala oolchuun waraana labsuu akka tahe ifatti himteetti. Waraaana irratti hirmaachuuf of saaxiluun ammoo heera keenya faallessa.''