Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Vilaadmiir Putiin dhuguma yakka waraanaatiin to'atamuu danda'aa?
Mootummaan Afriikaa Kibbaa erga Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)n pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akka to'atamuuf ajaja irratti baaseen booda, konfaransii Hagayya gaggeeffamu irratti akka hirmaatuuf afeeruufi dhiisuu ganaa murteessa.
Ajajni manni mutichaa kun baase yoo dhuguma dhiibbaa qabaateefi mootummaan biyya kamiituu dhuguma Putiin to'achuu akka danda'u irratti gaaffiiwwan saditu ka'uu malu.
Pirezidanti Putiin maaliin himatama?
ICCn Bitooteessa 17 pirezidantii Putiin fi Komishinarii Mirga Daa'immanii Raashiyaa, Maatiyaa Livoovaa-Beeloovaan akka to'atamaniif ajaja baaseera.
Jarri lamaanuu weerara Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen irratti raawwate hordofuun seeraan ala daa'imman Yukireen keessaa gara Raashiyaatti dabarsuun itti gaafatamoodha jedhamuun himataman.
Akkasumas Putiin aangoo pirezidantummaa isaatti fayyadamuun daa'imman akka hin dabarfamne hin dhorkine jedhamuun himataman.
Akka Biiroo Odeeffannoo Biyyaaleessa Yukireeniitti daa'imman 16,221 humnaan gara Raashiyaatti fudhatamaniiru.
Manni Murtii Yakka Idil-addunyaas sababii Yukireen yakka waraanaa daangaa ishee keessatti raawwatamee akka qoratuuf aangoo kenniteef dhimma kana dhiyeesse.
Manni murtii kunis hogganaan biyya miseensoota dhaabbataa Mana Marii Nagaa Mootummota Gamtootanii shan keessaa tokko kan ta'erratti ajaja akkasii yoo baasu kun kan jalqbaaati.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin tarkaanfii ICC kanaan ''murtee seena qabeessaa itti gaafatamummaan seena qabeessaan ittiin eegalu'' jechuun ibsan.
Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa maaliidha?
Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)n Heegi Neezarlaandii keessa bu'ureeffachuun namoota badiiwwan akka duguggaa sanyii, yakkawwan waraa fi yakka namoomaatiin himataman irratti qorannoo gaggeessuu fi himannaa banuun hojjata.
Innis bara 1998 Waliigaltee Room jalatti kan hundeeffame yoo ta'u, bara 2002 keessa hojii eegale.
Manni murtii kunis qorannoo gaggeessuuf bajata waggaa Yuroo miiliyoona 130 kan qabu yoo ta'u, hanga ammaattis dhimma biyyoota 40 ilaaluun namoota 10 irratti murte dabarseera.
Yeroo ammaa kanattis ICC biyyoota miseensummaadha aangoosaa fudhachuun mallatteessan 123 qaba.
Haata'u malee Raashiyaan waliigalticha hin mallatteessine. Akkasumas US fi Chaayinaanis hin mallatteessine.
ICCn dhuguma Putiin to'achuu danda'aa?
ICCn shakkamtoota to'achuuf aangoo hin qabu.
Pirezidantiin mana murtichaa, Pi'otri Hofmaanskii, Putiin to'achuun itti gaafatamummaa hawaasa addunyaatii jedhan.
Erga aangoon siyaasaa Putiin Raashiyaa keessaa ammatti kan hin injifatamne ta'ettii fi Raashiyaan waliigalte ICC hin mallatteessineetti, biyya ofiisaa keessatti haalli itti to'atamu danda'u hin jiraatu.
Dubbi Himtuun Kiremliin, Maariyaa Zaakhaarovaa ajaja Putiin fi Addee Lvoraa-Beelovaan akka to'atamuuf jedhu kufisuun, ''hiikaa kan hin qabne fi kan hojiirra hin oolleedha'' jettee jirti.
Haata'u malee, abbaan alangaa ICC, Khaaliid Khaan BBCtti akka himaniitti, sababii Raashiyaan ICC'f beekamtiin hin kenniineef jecha lamaanu yakka waraanaatiin himatamu irra bilisa hin ta'an jedhan.
''Biyyoonni hundu seera idil-addunyaa kabajuuf dirqama qabu'' jedhan.
Biyyoonni to'annoo kana raawwachuu danda'u?
Putiin Hagayya keessaa konfaransii biyyoonni akka Biraaziil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa fi Afriikaa Kibbaa irratti hirmaatan irratti argamuuf gara Afriikaa Kibbaa imaluuf jira.
Afriikaan Kibbaa ammoo biyya waliigaltee ICC mallatteessite yoo taatu, mootummaan ishee ajaja to'annoo Putiin irratti bahee kana hojiirra haa oolchuu ykn akka keessuummaa kabajaatti haa keessummeessuu ganaa hin mirkanoofne.
''Afriikaan Kibbaa seeroota keenya jiran ilaaluu qabdi'' jedhan ministirri Dhimma ALaa Naaleedi Paandoor.
Haata'u malee, ''dureewwan biyyoota hedduu kan haala waraanaa keessatti sarbamawwan baay'ee cimaa raawwatan jiru. Garuu osoo hin tuqamanii jiruu'' jechuu ejjannoo ICC qeeqan.
Afriikaa Kibbaafi Raashiyaan walitti dhufeenya michummaa kan qaban yoo ta'u, Guraandhala keessas laanjii humna galaanaa waloo gaggeessuun isaanii ni yaadatama.
Kanaan duras Afriikaan Kibbaa ajaja hidhaa ICC diddee beekti.
Manni murtichaa kana dura pirezidantiin duraanii Sudaan Omaar al Baashiri yakka namoomaa bara 2009- 2020tti raawwataniif akka to'atamaniif ajaja baasee ture.
Kunis kan waraana bara 2013 keeess Daarfuuriitti gaggeeffamuun ajjeechaa namoota 300,000 qaqabsiiseen wal qabsiisan.
Haata'u malee, aanga'oonni Afriikaa Kibbaa wayita inni bara 2015tti biyyasaanii dowwateetti to'achu ni didan.
Putiin yaa'ii Dhaabbilee Gamtaa Shangaahi kan Adooleessa 2023 keessa akkasumas Yaa'ii G20 Fulbaana keessa taa'amuf jiru irratti hirmaachuuf gara Indiyaa imaluuf jira.
Haata'u malee, Indiyaan waliigaltee ICC waan hin mallatteessineefu ajaja to'annoo kana hojiirra oolchuun irraa hin eegamu.
Mootummaan Hangaarii kan Raashiyaa waliin walitti dhufeenya gaarii qabu, waliigaltee ICC kan mallatteesse ta'ulleen biyyasaa keessaa Putiinin akka hin to'annee himeera.
To'annoo gaggeessuun heera biyya isaatiin wal faalleessas jedheera.
Erga waraanni Yukireen eegalee as Putiin biyyoota saddeeti kan dhaqan yoo ta'u, isaanis biyyoota Sooviyeetii duraanii torbaafi Iraaniidha. Hundi isaanis Raashiyaaf michoota.
Putiin biyya keessatti to'atamu danda'u kamutti waan imalu hin fakkaatu. Haata'u malee, biiya biraa keessatti to'atamu akka danda'u dorsiifamun isaa bilisummaa isaa gara fuulduraa imaluuf qabu murteessuu danda'a.
Dhuguma Putiin mana murtiitti dhiyaachu danda'aa?
Putiin yoo to'atame illeen, Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa irratti isa himachuudhaaf ammoo danqaaleen seeraa hedduun jiraachu malu.
Manni murtichaa biyyoota waliigalte mallatteessaniifi aangoo isaa fudhatan bakka bu'uun himannaa banuuf kan hundeeffame. Raashiyaan ammoo biyyoota sana keessaa miti.
Yukireen yakka waraanaa Raashiyaan raawwattee akka qoratuuf ICC kan gaaffatee ta'ulleen, Yukireen mataanshee waliigaltee ICC hin mallatteessine.
Haata'u malee, ICC ajaja to'annoo baasuun isaa, yakki waraanaa Raashiyaan Yukireen keessatti raawwattu waan itti fufeef yakkiiwwan dabalataa akka itti hin fufneef dhaabuuf jechuun murteessaa kana sirrii ta'u hima.