Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa kaan michummaa Chaayinaamoo kan Ameerikaatu baasa?

Itoophiyaan biyya liqaa doolaara biliyoona 28 keessaa biiliyoona 14 Chaayinaarraa akka liqeeffatte ragaaleen ni mul’isu.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa erga mudame torban muraasa lakkofsise Kiin Gaangi tibana Itoophiyaa daawwatan, biyyasaanii liiqaa Itoophiyaa irraa qabdu keessaa doolaara miliyoona shan haquuf ibsaniiru.

Ministir Chiin Gaang biyyoota Afrikaa shan daawwachuuf kan imalan yoo tahu, jalqabas Itoophiyaa dhaqan.

Maallaqani Itoophiyaan waggoota 15 darban keessatti Chaayinaa irraa liqeeffatte xiqqoo kan jedhamu miti.

Liiqaa Chaayinaa irraa kan fudhatus Itoophiyaa qofa osoo hintaane, biyyoota Afriikaa heddudha.

Fakkeenyaaf Gaanaan liqaa irra jiru kaffaluu waan hin dandeenyeef, ifatti liqaan akka haqamuuf gaafatteetti.

Biyyi Afrikaa lixaa tunis (hala ragaa bara 2021'tti) liqaa doolaara biiliyoona 13 irra jiru keessaa, doolaara biiliyoona 3.2 Chaayinaa fi Kooriyaa Kibbaa irraa liqeeffate.

Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) biyyoonni Afrikaa qarshiin Chaayinaa irraa liqeeffatan akka isa yaaddessu himuun, hojimaata ‘common framework’ jedhamu qopheessuun liqaa biyyoota kunneenii salphisuuf yaalaa jira.

Haala hojimaata kanaattis, liqaan isaanii akka hir’ifamuuf kan gaafatan biyyoota sadii yoo ta'an, isaanis Itophiyaa, Chaad fi Zaambiyaadha.

Waggoota soddoomman darban keessa Chaayinaan biyyoota Afrikaaf madda liqaa maallaqaa isaanii qofa osoo hin taane, deeggartu ijaarsaa arii kanaatis.

Keesumaa biyya akka Itoophiyaa gabaa guddaa qabdu keessatti sochiin Chaayinaa gama ijaarsa bu’uuraalee misoomaan taasiftu bal’inaan kan mul’atudha.

Ofii qondaalli olaanaa Chaayinaa dhihoo Itoophiyaa daawwachuun maal akeeka? Liqaan Itoophiyaa irra jiru hoo garam adeemaa jira?

Garee ijaaramuu biyyoota addunyaa

Kutaalee addunyaa garaagaraatti biyyoonni gareewwan siyaasaafi diinagdee itti jabeeffatan ni hundeeffatu. Biyyoonni kunneenis yeroo baayyee biyyoota ilaalcha walfakkaatu qabanitu walitti qabama.

Gama biraatiin ammoo biyyoonni adrii gargaraa dandeettiin dinagdeesaan wal gitu yoo garee waloo hundeeffatan mul'atu.

IGAD, Hawaasa Diinagdee Afrikaa Bahaa (EAC), kan Afrikaa lixaa (ECOWAS) akkasumas garee biyyoota 20 fi gareen biyyoota saddeetii kanaaf fakkeenya gaarii tahuu malu.

Kana malees hariiroon biyyoonni diinagdee cimaa qaban ardiileefi biyyoota waliin taasisan jira.

Gabaa bal'aafi qabeenyaa umamaa olaanaa kan qabdu ardiin Afrikaas bara kana keessa ilaalcha siyaasaa caalaa kallattii diinagdeetiin xiyyeeffannaa hawataa jirti.

Keessattuu Chaayinaa, Raashiyaafi Ameerikaan hariiroo biyyoota ardiittii wajjin qaban jabeeffachuuf yaalaa jiru.

''Gareen biyyoota dandeettii waraanaafi diinagdeen dura jedhaman yoo ijaaraman ni argina. Si’ana immoo wal-morkiin kun kan jiruu Ameerikaa fi Chaayinaa gidduuti,’’ jechuun BBCtti himan, ogeessa diinagdee Waasihuun Balaay.

Akka ogeessi kun jedhanitti, fedhii biyyoota Afrikaa qofa osoo hin taane kan Chaayinaafi Ameerikaa illeen geeddaramaa dhufeera.

Bulchiinsi Pireezidantiin Ameerikaa, Joo Baayidan, hariiroon biyyoota Afrikaa wajjin qaban hangas jabaadha kan jedhamu miti jechuun amanu ogeessi kun.

Kanas fakkeenyaan yoo ibsan, bara 2021'tti Ameerikaan wajjin jijjirraan daldalaa biyyoota afriikaaa waliin taasifte doolaara biiliyoona 60-70 ture jedhu.

Faallaa kanaan Chaayinaan bara wal-fakkaataa keessa daldala biyyoota afriikaa waliin taasifte doolaara biiliyoona 260 ol akka ture kaasu.

Gama liqaafi gargaarsaanis Chaayinaan michuu biyyoota Afrikaa dursitu tahuun itti fuftee jirti.

Chaayinaa fi Afrikaa

Ofii biyyoonni Afrikaa biyyoota lixaa caalaa Chaayinaa wajjin hariiroo ummachuuf kan mijatuuf maaliif laata? Ogeessi diinagdee Waasihuun deebii qabu.

''Kunis sababii Amerikaan dhimma keessoo biyyoota Afrikaa keessa harka galfattuu, liqaa fi deeggarsaaf haaldureewwan waan keessuu, wayita hanqina xiqqoo agartuutti ulfina kennite waan kaaftuuf jechu dandeenya.’’

Sababii kanaaf biyyoonni Afrikaa baayyeen gara faayidaan waloosaanii itti kabajamuufi walitti dhufeenya Chaayinaa kan haal-duree jabaa hin qabnetti akka cabsan hayyuun diinagdee kun ni himu.

Dhiheenya gara itoophiyaa kan imalan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang, ‘’Afrikaan dirree dorgommii biyyoota addunyaa tahuu hin qabdu,’’ jedhanillee kun dhihootti waan dhugoomu hin fakkaatu.

Hayyuu qorannoo diinagdeefi yunivarsitiiwwan Itoophiyaatti Gorsaa Dhimmoota Idila-addunyaa kan Dr Dalasaa Bulchaa Nagarii (Dr) , ''biyyoonni lixaa (Ameerikaafi Chaayinaan) Afrikaa wal-tajjii ammayyummaafi guddina isaanii itti agarsiifatanii taasisa jiru,’’ jedhanii amanu.

Chaayinaan bara 2000 irraa eegaltee waggaa sadii- sadiin waltajjii walta'insa Chaayinaa-Afrikaa qopheessuun hariiroo biyyoota ardii wajjiin qabdu jabeeffachaa turte.

Gama biraan ammoo, Ameerikaanis kora hogganoota Afrikaa waliin walitti fidu erga bara 2014 irraa jalqabe gaggeessaa turtus, bu'aa qabeessa jechuuf ni rakkisaa jedhu ogeessi diinagdee Waasihuun.

Muddee darbe keessas dureewwan Afriikaa kora irratti hirmaachuuf Ameerikaa gahanii deebii'un ni yaadatama. Kora sanarrattis dureewwan biyyoota Afriikaa 49 hirmaatanii turan.

''Haata'u malee dureewwan biyyota Afriikaa ajjandaa yaa'ichaatu hin beekan jedhamaa ture,'' jedhu Waasihuun.

Faallaa kanaa ammoo, Chaayinaan oomishaalee qonnaa biyyoota Afrikaatti hedduu irraa gibira kaa'amaa ture kaasuun bilisaan akka gurguratan taasisuu ishee kaasuun biyyoonni maaliif akka Chaayina caalaa filatan dubbatu.

‘’Chaayinaan dhimma waraanaa fi siyaasaa biyyoota keessa hin galtu. Dhimmi mirga namoomaa biyyootaas isheen hin yaaddessu. Biyyoonni jaarmiyaalee demookiraasii laafaa qaban haal-duree biyyoota lixaa waan baqataniifu hariiroon Chaayinaa isaaniif mijata,’’ jedhan.

Tahus Amerikaan liqaafi deeggarsa ofiin dhiyeessitu caalaa dhiibbaan isheen dhaabbilee maallaqaa idila-addunyaa irratti taasiftu biyyoota Afrikaatif yaaddessaa akka tahes ni ibsu.

Ameerikaa immoo Chaayinaatu Itoophiyaaf wayya?

Hariiroon Chaayinaafi Itoophiyaa yeroo tolaas, yeroo lolaas hin geeddaramnee jedhu Dr Dalasaan.

‘’Chaayinaan haaluma waliigaltee dippiloomaasii Itoophiyaa wajjin qabduun yoomiyyuu dhimma keessoo biiyattii harka hin galfattu. Itoophiyaan immoo fedhii guddinaafi hiyyuumaa balleessuuf qabduun Chaayinaa wajjin hariiroo qabaachuuf iddoo kenniti,’’ jedhu.

Tahus, Ameerikaanis tahe Chaayinaan olaantummaa Afriikaa irratti qabaniif wal dorgoman illeen dantaa biyyaaleessaa isaanii akka hindagane dubbatu hayyuun kun.

Dr Dalasaan akka jedhanitti, imaammanni dhimma alaa Itoophiyaa, Ameerikaas tahe Chaayinaa waliin michoomaafi faayidaa ta'u biyyaalessaa haala kabachiseen adeemsifama.

Waasihuun immoo, Itoophiyaan michooma gama tokkotti luucca’e qabattee sochoo’uun waan gaarii akka hin taane himu.

‘’Biyyi guddachaa jirtu hanqina kaappitaalaa, teeknolojii fi miya galtee qabdu biyya hunda waajjin madaala eeggachuun itti fufuu qabdin jedha,’’ jedhu.

Biyyoonni michooma garee tokkoo qofa uummatan garee isa kaaniin dhiibbaan siyaasaafi-diinagdee gatii irra gahuuf hariiroo madaalawaa qabaachuun dhimma ijoo dha jedhu.

Biyyooti guddataa jiraniifi guddatan immoo hariiroo wal-fakkaataa uumuu hin danda’an jedhu.

‘’Biyyooti guddataa jiran imaammatni isaanii inni guddaan kennanii, fudhachuu dha. Biyyooti guddatan garuu liqaa dhala hin qabne sii kennanii gara sirna diinagdee isaan barbaadaniitti si oofuu fedhu malee liqeessanii bu’aa sassaabuun kaayyoo isaanii miti,’’ jedhu.

Dr Dalasaanis, imaammati haajaa alaa akka qajeelchuun Itoophiyaan biyya kamiyyuu wajjin ‘’diinummaa’’ hin qabdu ollaarraa jalqabee michoomaaf fedhii kan qabu wajjin hojjetti jedhan.

Haala kanaan jedhu hayyuun kuni,’’waraana Tigraayiin booda waliigaltee taasifame hordofee hariiroon Itoophiyaa biyyoota lixaa gurraacha’ee jiru akka fooyya’u abdii qaba. Dhiibbaa waraanarraa bayyanachuufi deebisanii of ijaaruuf biyyoota kaanirraa deeggarsa argachuuf, nagaafi tagabbii biyya keessaa mirkaneessuu qabdi,’’ jedhu.

Hojiin dippiloomaasiis hariiroo biyya keessaa jalqabee gara alaatti akka ce'u dubbatu Dr Dalasaan.

Liqii Chaayinaa

''Chaayinaarraas liqeeffanne, biyya kaanirraas, liqeeffannee maalirra oolchinaa kan jedhu dha gaaffiin bu'uuraa,'' jedhu Waasihuun.

Ministirri dhimma alaa Chaayinaa dhihoo muudaman Ameerikaatti ambaasaaddara Chaayinaa tahuun tajaajilaa turaniiru, yeroo Itoophiyaa turanittis gita isaanii Dammaqa Mokonnin waliin marii'ataniiru.

Turtii isaanii kanaan boodas Chaayinaan liqaa Itoophiyaa hammi isaa hin ibsamne hir'isuuf waliigaluu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Itoophiyaan hammi liqaa biyyoota alaarraa fudhatte waggaa dhaa waggaatti haalaan dabalaa dhufeera.

''Liqaan kuni gaafa dhufu dameewwan deebisanii qarshii kana kaffaluu danda'aa jiran irratti oolaa jira moo hin jiru gaaffiin jedhu deebi'uu qaba,'' jedhu Waasihuun.

Akka hayyuun kuni jedhanitti biyyooti Afrikaa waggoota 60 darbanitti doolaara tiriiliyoona tokkoo ol deeggarsaafi liqaadhaan argatanillee ardiin kuni hiyyummaa yeroos tureerraa achi hin siqne.

''Liqaa kennamu keessaa harki 80 yeroo baayyee kaayyoo liqeeffatameefiif hin oolu,'' jedhu.

Fakkeenyaaf Itoophiyaan,''paarkii indaastirii ijaaruuf yoo liqeeffatte, paarkichi sharafa biyya alaa kan galchu tahuu qaba,'' jedhu xiinxalaan kuni.

Biyyoonni amma Afrikaaf liqaa kennaa jiran kanaan dura gargaarsa biyyoota kaan irraa fudhataa akka turan kan kaasan Waasihuun, liqeeffachuu otoo hin taane kaayyoo barbaadamerra oolchuu dhiisuutu rakkoo dha jedhan.

''Fakkeenyaaf oomishaafi oomishtummaa nan guddisa jettee doolaara biiliyoona lama liqqffattee qamadii biyya alaarraa galchitu yoo dhaabde, karaa biraan liqaa kee kaffalaa jirta, muuxannoon biyya keenyaa garuu kana hin agarsiisuu,'' jedhan.