Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni qormaata ba'iinsa Yunivarsitii kufan akkam ta'u?
Itoophiyaatti qormaata ba'umsa yunivarsitii (exit exam) ALI Waxabajjii 30, 2015 irraa kaasee kennameen barattoonni qabxii ittiin darbuun danda'amu galmeessan harka dhibba keessaa 40.65% ta'uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Qaamni olaanaa barnoota biyyatti hoogganu, Ministeerri Barnootaa, qormaata sadarkaa biyyaatti erga takkaa barattoota hundaaf yeroo jalqabaaf kenname kanaan qabxiin galmaa'e 'rifaasisaa miti' jedheera.
Ministeera Barnootaatti Hoogganaa Damee Dhimmoota Barnoota Olaanoo kan ta'an Dr Eebbaa Miijanaa, qormaati ba’iinsa yunivarsitii kenname kun bu’aansaa birqabaan wayita ilaalamu fooyyee kan qabu ta’ee itti mul’atu BBC'tti himaniiru.
''Akka ministeera barnootaatti qabxiin kun baay'ee kan nu naasise miti.''
Haata'u malee, qormaata barattoota yunivarsitii biyyattii eebbaaf ga’an maraaf yeroo jalqabaaf kennamu kanarratti gaaffileen ka'aa turan.
Ministeerichi kana mormuus, barattoonnis ta’e ogeeyyiin gariin qormaata kanaaf qophii ga'aan hin taasifamne jechuun komii kaasan jiru.
Yunivarsitii Finfinnee, Inistitiyuutii Qorannoo Barnootaatti Pirofeesar Gargaaraa kan ta'an Firdisaa Jabeessaa (PhD), qulqullina kan fidu sirriitti barsiisuudha malee dhumarra ga'anii qormaata kennuudhaan miti jedhu.
Dr. Firdiisaan jalqabarratti ministeerri barnootaa akka gorsa kennaniif ogeeyyii akkasaanii waa'ee barnootaa qoratan affeerus, boodarra garuu akka isaan dheesse himan.
Ammas taanaan jalqabarraa yoo barattoota qopheessaa fidan malee tasuma ka'anii waggaama tokko keessatti qorumsa kennuun milkaa'ina hin ta'u yaada jedhu qabu.
Barattoota qormaata kana fudhatan keessaa kan qabxii isaan dabarsu argatan dhibba keessaa walakkaa gadi jechuunis 40% qofa ta’uu Ministeerri Barnootaa ibseera.
Bu'aa eegameefi qabxii argame irratti hundaa’uun komiiwwan qormaata kanaan walqabatanii ka’anirratti Dr Eebbaan akkas jedhan.
Qormaati madaallii ga’umsa barataa kun maqaa ''Exit Exam'' jedhuun eegalamus, qormaati gosa akkasii durumaa tureera jechuun barataan yoomuu qophii ta’uu akka qabu yaadachiisan.
''Qormaanni biyyaalessaa akkasii kun kutaa 8,10, 12 irratti jira. Addunyaarrattis, Itoophiyaa keessattis waan haaraa miti.
''Inni qophiin hin jiru jedhu digirii fudhachuuf ammoo qophaa’emoo hin qophoofne?'' jechuun gaafatu Dr. Eebbaan.
Itoophiyaa keessatti qormaata ba'insaa [exit exam] haaraa miti. Keessumaa barattoonni medikaalaafi seeraa eebba dura ni qoramu.
'Qormaata baqachaa digirii barbaaduun waldhiita'
Qophiin hin jiru jechaa digirii fudhachuuf qophaa'uun dhimma waldhiitudha jedhan Dr Eebbaa Miijanaa.
''Qophiin hin jiru jechuun qormaati ba’umsaa hin sodaachisa jechuudha, digiriin nuti laannus digirii sobaa ta’uu mul’isa.
''Gama tokkoon barattoota ga’oomsineerra jennee digirii laachuuf qophaa’aa, gama kaaniin ammoo qophiin waan hin jirreef qormaati kennamuu hin qabu yeroo jedhamu; kun dhimmuma qabxii falmii ta’uu hin qabnedha.’’
Ilaalcha 'dogoggoraa' akkasiitu qulqullina barnootaa miidhee seektara barnootaa quucarsa jechuun ibsu.
Qormaata kana barsiisotumatu qabiyyee barattoonni barataa ba’an keessaa baasu malee waan addaa miti jedhan aanga'aan barnootaa kun.
Yunivarsitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran galteewwan barnootaa fi barsiisota qabaniin walqixa waan hin taaneef, barattoonni ga'umsa walfakkaataa qabaachuu dhabuu malu yaadonni jedhan jiru.
Kanarraa kan ka'e xumurarra qormaata walfakkaataa qoruun sirrii miti jechuun ogeeyyiin qeeqan jiru. Dr Firdiisaan namoota yaada kana kaasan keessaati.
Erga kuni jiraate inumaa digiriin kennamu kan sadarkaan isaa wal caalu ta'uu akka qabu kaasu.
''Yunivarsitiiwwan gidduutti adda addummaan jiraachuun Itoophiyaa keessa qofa osoo hin taane akkuma addunyaatti waan jirudha.
''Ga’umsi barataa cimina barsiisaa fi hooggansa achii jiruun murtaa’a,'' jedhu Dr Eebbaan immoo.
Yunivarsiitoonni digirii kennuudhaaf erga qophaa’anii qormaata ba’umsaa kennuuf ammoo akkamiin qophii dhabu jechuun gaafatu.
Komii fi falmiin qormaata kanaan walqabatee ka’u qorannoon kan deeggarame miti kan jedhan Dr Eebbaan, ''jijjiirama fudhachuu dhabuudha malee waan hundee qabu miti,'' jedhan.
Qondaalli Ministeera Barnootaa kuni akka jedhanitti yunivarsiitonni addunyaa biraa qormaata akkasii akkaataa ulaagaa sadarkaa idil-addunyaatti taa’een kennu.
''Keenya garuu istaandardii addunyaatiin osoo hin taane sagantaama dhaabbilee barnootaa keessatti kennamurratti hundoofnee haa laannu jennee kaane,'' jedhu.
''Gara fuulduraatti qormaata istaandardii addunyaan walsimu kenninee ijoolleen keenya akka addunyaatti akka dorgomanitti qopheessuu barbaanna,'' jechuun ibsan.
Qormaata akka biyyaatti yeroo jalqabaaf barattoota barnoota yunivarsitii xumuran maraaf kennamu kana qopheessuu isaan Ministeerri Barnootaa maal buufate, maal irraa barate?
Qormaatni kun akka kennamu dhugoomsuuf bu’a ba’ii hedduu keessa dabarre kan jedhan Dr Eebbaan, ''gara fuulduraatti jala geenyee muddamuurra dursinee baankii qormaataa (exam bank) qopheeffannee akka itti qophaa’uu qabnu nutti agarsiiseera,'' jedhan.
Kana malees sirna barnootaa amma jiru irra deebiin ilaaluu akka qaban, leenjii barsiisotaa fi bulchiinsa qormaataa irrattis hojjechuu akka qaban qormaati kun isaan hubachiisuu himan.
''Kanarraa barachuun gara fuulduraatti kana caalaa waan miidhagaa ta’e ni hojjenna abdii jedhu qabna.''
Egeree barattoota kufanii...
Qormaata kanarratti barataan kufe egereensaa akkam ta’a? Barattoonni ragaa barnootaa (digirii) ni argatumoo akkam ta’u? gaaffiin jedhu bal’inaan ka’a.
Gaaffii kanarratti Dr Eebbaan akkas jedhan: ''Barataan tokko al-tokko yoo milkaa’uu baate hamma barbaade deddeebi’ee qoramuu danda’a.
''Abbaan akka karoorasaatti yeroo qabatee fudhachuu danda’a.''
Waa’ee barattoonni qormaata kufan eebbifamuu fi dhiisuu irratti Ministeerri Barnootaa kallattii hin keenye kan jedhan Dr Eebbaan, ''waa’ee eebbaa yuniversiititu qajeelfama seeneetii isaan murteessa, Ministeerri barnoota eebbarratti qajeelfama hin baasne,'' jedhan.
Barattoonni qormaata kufan qe’eesaaniitti erga deebi’anii ji’a ja’a booda deebi'anii qoramuu danda'u jedha qajeelfamni Ministeera Barnootaa, garuu eessatti fi haala kamiin qormaata kana fudhachuu danda’u?
''Kanarratti karoorsaa jirra. Onlaayin akka fudhachuu danda’aniif siistama uumaa jirra. Onlaayinii unka guutanii yunivarsitii naannoo isaanii jiranitti akka qoraman goona,'' jedhan Dr Eebbaan.
Dr Firdiisaa Jabeessaa qormaata ba'insaa deddeebi'anii qoramuun yeroo barattootaa qisaasessuudha, baajata mootummaas nyaata jechuun ammallee barbaachisummaasaarratti gaaffii kaasu.
Dhiibbaan qormaati kuni carraa hojii argachuu barattootaarratti qabu maali?
Kanarratti Dr Eebbaan akkas jedhan: ''Warri qormaata kana darban digirii fudhatu. Ni dorgomus. Kan hin dabarre ammoo digiriisaa waan hin arganneef dorgomuu hin danda'an. Ragaan barnootaa warra darbe qofaaf kennama.''