Barattuun qormaata ba'umsaa biyyaalessaa 'qabxii isa olaanaa' fidde maal himti?

Barattuu Obsineet Gaaromaa barattoota qormaata ba'umsaa [exit exam] akka biyyaatti barana kenname 'sadarkaa Itoophiyaatti qabxii olaanaa galmeessuu' yunivarsiitiin ishee ibseera.

Barattuun muummee Narsiingii Yunivarsiitii Riftii Vaalii damee Naqamteetti barattuufi barana eebbifamtu kuni qormaaticha dhibba keessaa qabxii 99 fiduu himte.

Qormaata kanatti milkaa'uu koof ''sababni Waaqayyoo dha, ani immoo barattuu waan taheef dirqama waanin qabuuf cimeen dubbise.

''Barattoonni fayyaa durumaanuu hojiitti galuun dura qormaata waan qabnuuf, inni kuni immoo dhufe jennaan itti cimeen dubbise,'' jechuun BBC'tti himte.

Kana dura qormaanni ba'insaa barattoota medikaalaafi seera barataniif qofa kennamaa ture, barattoonni hunduu akka qoraman kan ta'e baranadha.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa kanneen qabxii olaanaa fidan jedhe ifatti himuu baatus barattoota 150,000 ol qoraman keessaa kan darban 40% qofa ta'u ibse.

Kanneen keessaa dhaabbilee mootummaa irraa 62.37% akkaasumas kan dhuunfaa irraa 17.2% qabxii ittii darbamu 50 fi isaa ol galmeessuu beeksise.

Barattooti digrii jalqabaa Qormaata Bahumsaa kanarratti qabxii ittiin darban hin arganne qormaaticha ji'a jaha booda irra deebi'anii fudhachuu danda'u jedheera ministeerichi.

Qormaata yeroo duraaf kennameefi ijoo dubbii barattoota barana qoraman ta'e kuni qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gargaara yaada jedhu qaba mootummaan.

Ogeeyyiin qorannoo barnootaa adeemsi kuni qulqullina barnootaa fiduu ni hanqata jechuun qeeqanis garuu ni jiru.

Obsineet maal jette?

Dhaabbilee barnoota dhuunfaa keessaa tokko kan ta'e Yunivarsiitiin Riiftivaalii erga isheen qabxii kana galmeessitee booda carraa barnoota digirii lammaffaa akkasumas hojii barattuu kanaaf kennuu beeksiseera.

Isheenis carraa argatte ''haala gaariin simadheera, gammadeera,'' jetteetti. Garuu fudhachuufi dhabuurratti akka hin murteessine himte.

''Ani mana barumsaa sanatti durumaaniyyuu barattuu cimtuun ture, qabxiin qabus gaariima ture,'' jetti.

Qabxiin qormaata ba'umsaa yunivarsiiti kun otoo hin dhufiin durayyuu, 'onnachiiftuun' akka yunivarsiitii kanaatti hinuma kennama ture jetti.

Obsineet kutaa gadirraa qabee barnootasheen sadarkaa argachaa akka turte himti.

Qabxii olaanaa fiduu ishees yoo himtu ,''Waaqayyoos dandeettii koos nan abdadhan ture,'' jette.

Barnoota kana jalqabuun duras qormaata fudhachuun barattoonni calalamanii barumsa akka jalqaban himti.

''Waggaa tokkoffaa irraa kaasee hanga waggaa afraffaatti barsiisota gahumsa qabaniin barnoota qulqullina qabu argachaa turre,'' jechuun himti.

Qulqullina barnootaa irratti komiin Yunivarsiitii Riiftvaaliirratti ka'uu, ''anis nan dhagahan ture yeroon aanaa kootti barachaa ture.

''Garuu waan dhagaheefi dhufee yeroon baradhu waanin arge, wal-hin argu,'' jetti.

Barattoonni fayyaa waggaa jalqabaarraa kaasee qormaata hojiitti galuun dura nuuf kennamu akka jiru gatii beeknuuf qophaa'aa turuu himti.

Kanaaf, ''Exit exam'f qophaa'uunis nutti hin ulfaanne jechuu dha, barattoota fayyaaf.''

Dabalataan akka muummee barnoota isheettii ''waanin baradhen qorame'' jetti.

Qormaata ba'insaa

Qormaanni ba'umsaa kun osoo hin kennamiin dura barattoonni eebbaaf qophaa'an sirna qormaatichaa waliin akka walbaraniif qormaata yaaliifi moodeelaa fudhatanii turan.

Qormaanni ba'umsaa dhaabbileen barnoota olaanoo ququllina barnootaa eeguuf fooyya'insa ministeerri barnootaa taasisaa jiru keessaa tokko akka ta'e ibsameera.

Kana duras yeroo jalqabaaf barattoonni kutaa 12ffaa yunivarsiititti akka qorataman ta'eera. Ta'us, 3% qofa darbani.

Yunivarsiitii Finfinneetti Inistitiyuutii Qorannoo Barnotaatti Pirofeesara Gargaaraa kan ta’an Dr Firdiisaa Jabeessaa qormaata kennuu dura wantoonni hojjetamuu qabu jiru jedhu.

Hayyuun kuni qormaati kuni 'qorumsa dhumaa kufuufi dabarsuu adda baasuuf kennamu malee qulqullina barnootaa kan mirkaneessu miti' jechuun ibsu.

Akka yaada isaaniitti, qulqullinni barnootaa haa mirkanaa’uf barattoonni gajjallaa eegalee barachuu, qophaa’uu qabu.

''Ijoolleen waggaa tokkoffaarraa kaatee qorumsi narraa eegamaa jettee of qopheessaa dhufti. Barsiisaaniis, jaarmiyaanis akkasitti qopheessaa dhufa.

‘’ … amma garuu bakka kuni hin taanetti,’’ qormaanni kenname jechuun qeequ.

Gama kaaniin, sadarkaan barnootaa yunivarsiitii garagaraatti kennamu gargaridha jechuun ibsu.

‘’Amma kanuma pirofeesarri Yun. Finfinnee barsiiseefi kan digirii [barsiisaa] qabun barate waluma qixxee qoraa jirra.’’ jedhu.

‘’Wal qixxeessuudha yookaan istaandaardii digirii wal caalsisuudha.’’