Waldhabdee daangaa Amaaraafi Tigraay gidduu jiru furuuf filannoowwan akkamiitu jiru?

Itoophiyaatti naannolee gidduutti lafti kun naaf mala, lakki siif hin malu kan kooti jedhanii irratti wal-falmuun waan haaraa miti. Waldhabdeen daangaa kan naannoo Amaarafi naannoo Tigraay kaan irra kan jabaatuufi yeroo dheeraaf irratti wal-falmaa turaniidha.

Bakkeewwan akka Walqaayit Xagadeefi Raayyaa fa’aa naannoleen lamaan yeroo dheeraaf abbummaaf kan irratti wal-falmaa turaniidha.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti gaggeeffame ammoo haala kana caalmaatti hammeesse. Humnoonni naannoo Amaaraa mootummaa Federaalaa cinaa hiriirun humnoota Tigraay yeroo lolaa turanitti bakkeewwan kanaan dura Tigraay wajjin irratti wal-falamaniifi naannoo Tigraay jalatti bulaa ture to’atan.

Humnoonni naannoo Amaaraa bakkeewwan Tigraay jalatti bulaa turan kanneen yeroo qabatanitti dhalattoota Tigraay heddu buqqisuufi sarbama mirga namoomaa heddu raawwatan kan jedhu dhaabbilee mirga namoomaa idil-addunyaarraa himannaa cimaatu irratti dhiyaata.

Waraanni mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti gaggeeffamaa ture waliigalatee nagaa Sadaasa 2, 2022 Piritooriyaatti mallattaa’en xumura argate. Waliigalteen nagaa kun humnoota Amaaraa waraanicha keessatti hirmaatan kan hin hirmaachifne ta’uunsaa ammoo rakkoo jiru akka hammeessetu himama.

Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti, humnoota nageenyaa mootummaa federaalaa kan hin taane-humnoota Amaarafi loltoota Ertiraa- hunduu naannoo Tigraay keessaa bahuu qabu.

Haata'u malee, humnoonni Amaaras ta’ee loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay bakkeewwan humnaan qabaman keessaa hin baane. Gama naannoo Amaaratii falmiin dhiyaatu, 'lafa kana dura naannon Tigraay humnaan fudhate humnaan deebifanne' kan jedhuudha.

Mootummaan Federaalaa humnoota Amaaraa waraanicha irratti hirmaatan osoo hin hirmaachisin TPLF wajjin araaramuun mufii akka uume namoonni siyaasafi aktivistoonni Amaaraa yeroo dubbatan ni dhagahamu.

Ofii wal-dhabdeen daangaa naannoo Amaarafi Tigraay akkamitti furamuu danda’a? Akkaataa heera mootummaan murtee uummataatu gaggeeffamamoo, akkuma osoo waraanni hin gaggeeffamin dura ture naannoo Tigraay jalatti akka bulu godhama? Akkaataa waliigaltee Piritooriyaafi heera mootummaan alatti dhimmi kun karaan biraa ittiin furamuu danda’u jiraa? Kanneen jedhan irratti BBCn xinxaaltota dubbiseera.

Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa hayyuu seeraa idila-addunyaafi dippilomaatii duraanii UN yoo ta'an, rakkinoota furuuf nama rakkisan keessaa tokko gaaffii abbummaa daangaa mootummoota ykn saboota gidduutti ka’an akka ta’e himu.

Rakkoo abbummaa daangaa lafaa hiikuuf rakkisaa wantoota taasisan keessaa gareen lachuu miidhamaa ta’anii dhiyaachuufi sabni koo achi jiru miidhameera kan jedhu iyyata yeroo hunda gama lamaanuu ka’u ta’uu isaa kaasuun, garummoo hiikamuu akka danda’u himu.

“Biyya lafaarratti kun waan haaraa miti. Iddoo baay’etti hiikamaa jira, kan osoo hin hiikamin bara baay’es taa’u inuma jira,” jechuun dhimma daangaa Baha Giddu Galeessaa Israa’eliifi Sooriyaa gidduu, akkasumas kan Sahaaraa Lixaa osoo hin furamin waggoota 60 ol turanii fa’aa akka fakkeenyatti kaasu.

Rakkoo abbummaa daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay gidduu jiru furuuf ammoo heerri biyyattii ykn waliigalteen Piritooriyaa akkas jedha jechuurra ykn ammoo lafa humnaan na jalaa fudhatame humnaan deebifadheera jechuurra garaa qajeelaan walitti dhiyaatanii mariyachuun akka wayyu himu.

Yunivarsiitii West Keepitti ogeessa seeraa kan ta'an Pirofeesar Yonaatan Tasfaayee gamasaanin, gaaffileen ka'an naannoorraa naannotti garaa gara ta'uu himuun "gaaffii eenyummaa ykn rakoo bulchiinsaa naannoolee jidduu jiruudha?" kan jedhu adda baasuun barbaachisaa akka ta'e dubbatu.

Akka Prof. Yonaatan jedhanitti, gaaffin eenyummaa gara mana maree federeeshiniitti osoo hingeeffamin dura naannoleen lamaan kun irratti mariyachuu akka qaban dubbatu.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa yeroo waggoota lamaaf gaggeeffamaa turetti, humnoonni Amaaraa adda dureen mootummaa cinaa hiriirun humnoota Tigraay lolaa turan.

Gaazexeessituufi dhimma siyaasa Itoophiyaarratti yeroo heddu kan dubbattu Tsadaalaa Lammaa turtii kanaan dura BBC wajjin taasifteen humnoonni Amaaraa mootummaa cinaa hiriiranii waraanicharratti hirmaachunsaanii daangaa yeroo dheeraa naannoo Tigraayin 'qabamee ture' jedhan deefachuuf akka ta’e himti.

Waraanni Tigraayitti gaggeeffame nagaan xumuramuu hordofee walitti dhufeenyi humnoota Amaarafi mootummaa federaalaa gidduu jiru qabbaanaa’aa deemun gara wal-gaarreffannaatti cehe.

Mootummaan hidhattoota al-idileen hiikkachiisa jechuun naannoo Amaaraa keessatti hidhattootaa ‘Faannoo’ ofiin jedhan irratti tarkaanfii fudhachuu eegale.

Baay’ee osoo hin turin karoora mootummaan humnoota addaa naannoolee diiguuf baase naannoo Amaaraa irraa mormiin cimaan mudate. Walitti dhufeenyi qaamolee wal-cinaa hiriirun waraana Tigraayitti hirmaatanii diigamuun gara wal-waraanutti cehee jira.

Tsadaalan akka jettutti wal-dhabdeen mootummaafi humnoota Amaaraa gidduu jiru kaayyoo waloo dhabuufi TPLF waraanuf qofa kan wal-ta’an ta’uunsaanii waraana booda rakkoon akka dhalatu taasiseera.

“Waraanni yeroo xumuramu wal-ta’iinsi yeroo waraanaa taasifame diigamuunsaa waanuma jiruudha. Sababni isaa kan walitti isaan [humnoota Amaaraafi mootummaa] fide waraana waan ta’eef. Waan biraa walitti isaan fidu tokkollee hin qaban,” jetti.

Waraanni Kaaba biyyattii erga nagaan xumurameellee humnoonni Amaaraa Lixa Tigraay qabatanii jiran duula sanyii balleessuu rawwachuu itti fufaniiru jechuun dhaabbanni Hiyuman Raayits Waach jalqaba ji’a Waxabajjii keessa gabaasee ture.

Gama mootummaa naannoo Tigraayin ammoo mootummaan federaalaa humnoota Amaarafi loltoota Ertiraa naannicha keessaa baasuun waadaa waliigaltee Piritooriyaa akka kabajuuf yeroo garaa garaatti waamichi ni taasifama.

Ofii wal-dhabdeen dangaa naannoolee Amaarafi Tigraay gidduu jiru heerafi waliigaltee Piritooriyaan alatti karaan bira ittiin furan jiraa?

'Itoophiyaatti lafatu nama caalaa gatii qaba’

Akka heera Itoophiyaatti lammiilen biyyattii bakka naannoo kamiyyuu keessa haal-duree tokko malee deemanii jiraachuufi hojjachuuf mirga guutuu qabu. Gama biraan ammoo naannoleen akka ofiin of-bulchaniif mirga guutuu kennaaf.

Bifuma kanaan, naannon Tigraay ‘naannoo koo keessaa lafti humnaan na jalaa qabame gadi naaf haa dhiifamu’ jechuun falma. Gama naannoo Amaaran ammoo, ‘lakki, TPLF bara biyyattii keessatti aangoo olaanaa qabu humnaan fudhate malee bakkeewwan akka Walqaayit Xagadee fa’aa seenadhaan kan Amaarati’ jechuun falmuun lafa amma qabatan akka gadi hin dhiifne falmu.

Akka Obbo Baayyisaan jedhanitti, rakkoo daangaa qaamolee lamaan gidduu jiru osoo akkaataa heera mootummaatti murtee uummataan haa furamu jedhamees haala amma jiruun rakkoo dabalataa uumuu akka ta’e sodaa qaban himu.

“[Akka seerri jedhutti qofa osoo hin taane] akka dippilomaasitti rakkinni jiru eenyutu rifarandamii kana keessatti hirmaata? Warra waggaa 100 achi ture moo, warra waggaa 50 achi ture moo, warra 1990 kaasee achi ture moo warra 2020 kaasee achi jiruudha?

“Sabni Tigraay Walqaayit keessaa hari’amee baheera. Lafa isaan hin jirretti rifarandamii gaggeessun sirrii miti. Warri achii bahan [buqqa’an] deebi’anii galuutu irra jira,” jechuun filannoon garaa garaa rakkoo kana ittiin furan akka jiru kaasu Obbo Baayyisaan.

Yaada furmaataa Obbo Baayyisaan kaasan keessaa tokko mootummaan federaalaa bajata naannolee lamaan irraa kutee bakkeewwan isaan irratti wal-falman waggaa lamaa hanga sadii bulchuun sana booda osoo murteen uummataa gaggeeffamee kan jedhuudha.

“Walqaayit Xagadee kan jedhamu saba waggaa 100 achi jiraate moo? Kan waggaa 50 jiraate moo kan waggaa meeqa jiraatedha jedhamee erga irratti waliigalamee booda [rifarandamiin] gaggeeffamuu danda’a. Mootummaan naannoo Amaaras kan naannoo Tigraayis irratti waliigaluu qabu.

“Hanga sanatti garuu osoo mootummaa federaalaa jala galee filannoo tokkodha- filannoo gaaris natti fakkaata,” jedhu.

Gaaffin eenyummaa naanolee keessatti gaafa ka'u jalqaba mana maree naannotiif akka dhiyaatu kan himan Pirofeesar Yonaatan, "furmaata sadarkaa naannotti jiru hanga dhumaatti itti fayyadamuun dirqama," jedhu.

Manni maree naannoo gaaffin dhiyaateefii waggaa lama keessatti deebii yoo hin kennine gaaffichi gara mana maree federeeshiniitti deema. Manni marichaas gaaffin dhiyaate ulaagaa yoo guute murteen uummataa akka gaggeeffamu akka murteessu himu ogeessi seeraa Prof. Yonaatan.

"Hawaasni gaaffii dhiyeesseefi naannoon sun yeroo hunda dhimmicha mariin akka fixan dursi ni kennamaaf," jechuun adeemsa murteen uummataa itti kennamu ibsu.

Haata'u garuu, loogirraa bilisa ta'uu dhabuu mana mareerratti gaaffin akka ka'u kaasu.

"Dhimmi Qimaanti mana maree federeeshiniif gaafa dhiyaatu, bakka bu'oonni Amaaraa loogirraa bilisa jechuun ni ulfaata; ykn dhimmi naannoo Walqaayit gaafa ka'u bakka buutonni Tiraay loogirra bilisa jechuun akka rakkisu," ibsu Prof. Yonaatan.

Obbo Baayyisaan gamasaanin gareen lachuu seerri akkas jedha, seenan akkas jedha jechuurra namarratti xiyyeeffatanii hojjachuun akka isaan baasu dubbatu.

Itoophiyaa keessatti ilaalchi namni lafaaf [daangaf] qabu irratti, “Kan nama gaddisiisu Itoophiyaa keessatti lafatu nama caala. Waa’ee namaa dhiisnee waa’ee lafaa dubbanna.

"Lafatu kan keenya jedhama malee namasaa miti” kan jedhan Obbo Baayyisaan, seera qofa jechuu dhiisanii namoota walitti fiduurratti yoo fuulleffatame furmaata gaarii akka ta’u kaasu.

“Mootummaan Amaaras, mootummaan Tigraayis walitti dhufanii waliin mariyatanii furmaata fiduutu isaanirra jira. Waliigaltee Piritooriyaa keeyyanni kun akkas jedha isa jedhu fuutee hojiirran oolcha yoo jette, dhalli namaa foormulaa herreegaa waan hin taaneef jara kana lola biraa keessa galchita,” jedhu.

'Rakkina dhalli namaa uume namumatu fura'

Wal-dhabdee daangaa 'anaaf malaa' naannolee giduutti ka'us ta'ee kan eenyummaa ka'an furuuf fedhiin jiraannan furuun akka danda'amu kaasu Obbo Baayyisaan.

“Rakkina dhalli namaa uume namumatu hiika; rakkina Waaqayyo uumedha kan namni hiikuu hin dandeenye,” kan jedhan Obbo Baayyisaan “Lafti kun kan kootii kan keetii osoo hin ta’iin waa’ee namaa achi jiruu dubbachuutu gaarii ta’a.

"Waa’ee lafaa osoo hin taane waa’ee namaa- saba Tigraayis haata’u saba Amaaraa achi jiruu- mirga heerafi mirga namoomaa kamtu jalaa sarbame,” jedhanii isarratti xiyyeeffachuun gaarii akka ta’e kaasu.

Gama biraan ammoo hojii guddaan naanolee lamaan irraa akka eegamu kaasun, gara-bal’inaafi sammuu qajeelaa nagaaf yaaduun uummata lamaan walitti fiduurratti hojjachuun akka isaanirraa eegamu gorsu.

Ogeessi seeraa Prof. Yonaatanis fakkeenya biyyoota biroo kaasuun waliin mariyachuun furmaata gaarii akka fidu kaasu.

"Biyyoota birootti rakkoolen wal-fakkaaton mariidhan akka furaman jajjabeeffamu. Yoo dide ammoo mana murtiitti geeffama. Itoophiyaatti garuu aangon mana murtiif osoo hin taane mana maree federeeshiniifi," jechuun manni maree ammoo loogirra bilisa ta'uurratti gaaffin akka jiru kaasu.

Dhaloota dhufuuf hojii manaa kaa'uu dhiisanii walitti dhufanii dhimmi kun deebi'ee lammata akka hin kaanetti furuu akka qaban dhaamu.

Ministiirri Ittisaa torbee darbe akka ibsetti, bakkeewwan naannoon Amaarafi Tigraay irratti wal-falman keessatti bulchiinsi amma jiru mootummaa Federaalatiin akka diigamu beeksisee ture.

Ministiirri Ittisaa Dr. Abrahaam Balaay, ''Naannolee kanatti haala amma dura ture fayyadamuun bulchiinsonni ijaaraman akka diigaman'' ibsanii turan.

Obbo Baayyisaan garuu mootummaan dubbii akkasii ammatti osoo dubbachuu baatee jedhu.

"Akka yaada kootti, dubbiin akkasii furmaata hin fidu. Gubbaa taa'anii dubbataniif qofa waan raawwatamu miti; sababni isaa namaan waliin malee waraqaa irratti hojjatta miti," jechuun dubbiin akka seerri jedhu qofa ykn afaanin dubbatan qofa akka hin taane ibsu.

"Warri Amaaraa waggaa meeqaaf mirgi keenya sarbamee, afaan keenya badee [ture] jedhanii himatu, dhaggeeffachuu qabda. Warri Tigraay ammoo nuyi dhalootuma keenyan achi turre jedhu. Kunis ta'uu mala. Teessee yoo haasofte malee, gararraa teessee akkana ta'a jechuu hin dandeessu. Yeroo ati akkas jettu warri kaan maal yaadu? Miira warra kaanis dhaggeeffachuu qabda," jechuun ibsi Ministiirri Ittisaa kenne furmaata akka hin taane kaasu.

"Dadhabina mootummaa kanaati kanin jedhu, waan tokko qorachuurra callisaniituma murteessu. Sabni dhufee akka walitti haasa'u godhi. Saba biyya biraatii dhufe osoo ta'ee ba'i biyya kootii jettee of-keessaa baasta. Warri kun garuu lammiilee Itoophiyaati. Bakka barbaadan jiraachuuf mirga qabu," jechuun hawaasa gama lamaanii yoo walitti fiduurratti xiyyeeffatame, wal-balaaleffannaafi mufii jiru namni irraanfataa akka deemu himu.