Siyaasni Itoophiyaa walitti bu'insaan qoramaa jiru garamatti deemaa jira?

Waggoota muraasa darban keessa Itoophiyaatti tasgabbii dhabiinsii siyaasaa biyyattii yaaddoo nageenyaafi tasgabbiitiif saaxileera.

Waraana waggoota lamaaf kaaba biyyatti turee, walitti bu'insa naannoo Oromiyaafi kan dhiheenya naannoo Amaaraatti mudatee qaala'insa jireenyaa biyyattii keessa jiruutti dabalamee rakkoolee ammatti biyyattii mudatan muraasa.

Rakkoon nageenyaa tokko bakka tokkotti dhalatee yeroo qabbanaa’u kan biraa bakka biraatti yoo dhalatu dhagahama. Keessumaa erga bara 2018 booda biyyattiin waraanaafi walitti bu’iinsa hamaa keessa galte.

Addumatti waraanni Kaaba Itoophiyaatti mootummaafi TPLF jidduutti waggaa lamaaf gaggeeffameefi kan naannoo Oromiyaatti mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabtee lubbuu lammiilee hedduu gaaga’ee, qabeenya guddaa manca'ee hedduun akka buqqaafaman taasiseera.

Waraanni Tigraayitti gaggeeffame karaa nagaan furmaata argatus, walitti bu'insi Oromiyaa ammayyuu itti fufee jira. Kun osoo akkasumaan jiruu naannoo Amaaratti ammoo walitti bu'insi bifa haaraatiin jalqabe.

Rakkoolee kanneen hundaaf bu’uurri isaa rakkoon siyaasa biyyattii bubbule sirnaan furmaata argachuu dhabuudha qaamooleen jedhan jiru.

Gama biraatiin ammoo lakkii, maddi rakkoo tibbanaa bulchiinsi amma aangorra jiru sagantaa siyaasaa ifa ta’e dhabuurraa madda kan jedhanis jiru.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufaniin booda jijjramoonni siyaasaa adda addaa taasifamanilleen, walitti bu'insi yeroo garaa garaatti eddoowwan adda addaatti ka'aniifi ammalleen gaggeeffamaa jiran saffiisaan furuu dadhabamuun biyyattii yaaddoo nageenyaa keessa galcheera.

Ofii waggoota shanan darbanitti rakkoon nageenyaa Itoophiyaa maaf hammaate? Gaaffilee kanarratti beektota siyaasaa dubbisuun xinxaala kana dhiyeessineerra. Dhiyaadhaa.

Ofii rakkooleen siyaasa Itoophiyaa ijoon maali?

Rakkoolee siyaasaa Itoophiyaan amma keessa jirtuuf wantoonni sababa ta’an heddu akka ta’an himu xinxaaltonni siyaasaa.

Yuunivarsiitii Baarninghaamitti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa Dr. Bizunaa Geetaachoo, rakkoon siyaasa Itoophiyaa ijoon wal-dhibdee ilaalcha sirna siyaasaa lama gidduu jiruudha jedhu.

Kanas, kanneen sirna federaalizimii sab-daneessa hordofaniifi gartuu sirna qeenxee leellisan gidduutti falmii taasifamudha jedhu.

“Rakkoon bu’uuraa Itoophiyaan keessa jirtu ykn keessa turte gartuu gurguddoo lama. Tokko sirna feederaalaazimii sab-daneessaa ummattoota kan barbaadan yoo ta'u, gartuun biraa immoo sirna qeenxee kan Itoophiyaan keessa turte deebisanii fiduu ykn haala ta’e tokkoon sirna federaalizimii jijjiiruu kan barbaadaniidha. Kana gidduutti biyyattiin waan dhifamtee jirtu natti fakkaata,” jedhu.

Mootummaan ADWUI erga aangorraa bu’ee booda gartuun sirna federaalizimii leellisan sirni kun cimee akka itti fufuufi saboonni kanaan dura mirgisaanii dhiibamellee mirgi heera biyyattii keessatti qaban akka eegamuuf fedhiin jiru cimee itti fufuu himan Dr. Bizunaan.

Gartuun biraa ammoo sirna federaalizimii amma jiru kana jijjiiruf fedhii guddaa akka qaban hayyuun saayisnii siyasaa kun kaasu.

Sirni federaalizimii sab-daneessaa Itoophiyaan ittiin bultu kufaatii Dargii booda kan hundaa’e yoo ta’u, namoota siyaasaa saba Amaaraas yeroo hedduu sirni kun ‘bakka nu hin bu’u’ jechuun yoo falmiin dhagahamu.

Sababa namoonni sirn federaalizimii sab-daneessaa hin deeggarreefi "bakka nu hin bu'u" jedhan dhiyeessan keessaa tokko, Itoophiyaan bulchiinsa sabarratti hundaa’e hordofuun tokkummaan biyyaa akka dadhabu kan taasisuufi namoonni waa’ee biyyaa caalaa waa’ee saba ykn naannoosaaniif quuqamu kan jedhuudha.

“Gareen kun bulchiinsa federaalizimii sabarratti hundaa’e osoo hin taane, akkaataa bulchiinsaaf tolutti naannoleen qoodamuu qabu jedhanii falmu,” jechuun falmii kana gidduutti gaaga’amni mudataa akka jiru himu Dr. Bizunaan.

Gaazexeessaafi siyaasa Itoophiyaarratti yaada kennuun kan beekamu Iyaasped Tasfaayee ammoo rakkoon bu’uuraa Itoophiyaa biyyattii keessa ilaalchi wal-dhiitu garaa garaa jiraachuufi hanga ammaa walitti araarsanii deemsisuu dadhabuu akka ta’e hima.

“Itoophiyaan biyya ijaarsa biyyaa (nation building) galmaan hin geenyedha,” jechuun bara 2018 booda garuu ilaalchiwwan wal-dhiitan sana dura ukkaamfamanii turan ifatti bahanii mul’achuun haala caalaa hammeessuu dubbata.

Akka Iyaasped jedhutti, mootummaan garaa garummaa ilaalchaa jiru walitti fidee ijaarsa biyyaaf oolchuu caalaa bu'aa achirraa argatutti xiyyeeffachuu kaasa.

"Garaagarummaa ilaalchaa wal-dhiitu kana walitti fiduudhaf [mootummaa] fedhii waan qaban natti hin fakkaatu. [Inumaayyuu] garaagarummaa kanatti fayyadamuu barbaadu,” jedha.

Yuunivarsiitii London School of Economics and Political Science'tti walitti bu’iinsa ittisuufi nageenyaa uumurratti qorannoo kan gaggeessan Dr. Maabraatuu Kallachaa ammoo, keessumaa rakkoolee siyaasaafi walitti bu’iinsa amma Itoophiyaa keessa jiruuf achii dhufa biyyattii wajjin wal-qabsiisun sababoota heddu keessu.

Dr Maabraatuun BBCtti wayita dubbataniitti, Itoophiyaan biyya saboota garaa garaa qabdu ta’uun, bulchiinsa sirna mootii, bulchiinsa waraanaafi abbaa irree keessa darbuufi sirnoota darban keessatti yakkoonni garaa garaa raawwataman osoo hin furamiin as gahuu, akkasumas mufiin seenaa jiraachun rakkoolee jiran keessaa warra ijoo ta'uu kaasu.

'Sagantaa siyaasaa ifaa ta'e dhabuu'

Gama biraan ammoo Partiin Badhaadhinaa amma biyya bulchaa jiru sagantaa siyaasaa ifaa ta'e hin qabu jechuun akka "qaama rakkoo siyaasa biyyattiitti" kan ilaalanis jiru.

Dhiyeenya kana walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota 'Faannoo' ofiin jedhan gidduutti gaggeffamaa jiruun wal-qabatee Paartin Haqa Hawaasummaa Lammilee Itoophiyaa (IZEMA)n ibsa baaseen, Itoophiyaatti nageenyi dhabamuu fi raafamni kan dhalatu bulchiinsi Badhaadhinaa sagantaa siyaasaa ifaa ta'e dhabuudha jedhee ture.

"Tasgabbiifi nageenyi dhabamuuf sababni gaggeessitoonni Badhaadhinaa sarara siyaasaa ifa ta'erra dhaabachuu dhabuu, ijjannoos ta'ee dandeettii dhabuu gaggeessitoota Badhaadhinaati," jechuun qeeqe.

MM Abiy Ahmad gara aangootti erga dhufanii booda bulchiinsa ADWUI olaantummaan paartilee afurii keessatti dagaage diiguun Paartii Badhaadhinaa hundeessan.

Paartichi haa hundeeffamu malee akka bara ADWUI gaariis ta'ee badaa ilaalcha siyaasaa ifaa ta'e akka hin qabne kaasa Iyaasped.

"ADWUI'n sagantaa siyaasaa ifaa ta'e qaba ture. Tarsiimonsaa hiyyeessa giddu galeessa kan godhateedha. [Tarsiimoo] misoomaawaa jedhu hordofa ture, bu'a qabeessadhaafi miti kan jedhu akkuma jirutti ta'ee."

"Badhaadhinni erga hundaa'ee as garuu 'piraagimaatistii'dha', haalarratti hundoofneeti malee sarara dhaabbataa hin qabnu kan jedhu ifatti dubbataa turan. Yeroo dhiyoo as immoo hamma tokko gara ilaalcha mootummaa misoomawaatti waan deebii'an fakkaatu. Kanaaf ilaalcha ifaa ta'e hin qaban," jedha Iyaasped.

Hayyuun siyaasaa Dr. Bizunaan garuu yaada kana hin deeggaran. Mootummaan amma biyya bulchu ADWUI irraa adda kan ta'e sagantaa siyaasaa akka hin qabneefi sirnuma durii dimokiraatessuuf akka hojjatu kaasu.

Akka hayyuun kun jedhanitti, mootummaan Abiy Ahmad gara aangootti kan dhufe sochii qeerroon sirna federaalizimii sab-daneessaa dimokiraatessuuf taasiseen waan ta'eef sagantaa siyaasaa ADWUI irraa adda ta'e mootummaan kun hin qabu.

"Ilaalchi siyaasa isaa sirnuma federaalizimii jiru sana dimokiraatessuudha natti fakkaata. Kana wanti ifatti mul'isan, erga mootummaan Abiy Ahmad aangootti dhufee as naannoleen dabalataa afur uumamaniiru," jedhu.

"Kana jechuun federaalizimii leellisuudha. Heera barraa'ee hojiirra hin oolin, gaaffii uummataa baroota hedduu kan deebiseedha. Mootummaan kun federaaliziimii itti fufsiisuu ni barbaada. Kanarratti burjaajin hin jiru," jedhan.

Namoonni hedduu MM Abiy Ahmad sirna federaaliziimii diigufi jedhanii akka akka shakkan kan taasise haasaa isaaniifi aangawoonni siyaasaa yeroo garaa garaatti dubbatan akka ta'e kaasu.

"Haasan aangawoonni yeroo tokko tokko sirna durii leellisuun taasisan namni akka shakku taasisa," jechuun warra ilaalcha sirna federaalizimii sab-daneessaa hawwachuuf haasaa taasifame ta'uu akka hin oolle dubbatu Dr. Bizunaan.

Paartin Badhaadhinaas gamasaatin sagantaa siyaasaa fuula marsariitii dhaabichaa irratti maxxanseen: "Kaayyon paartichaa biyya tokkummaa sabdaneessi itti mirkanaa’eefi hawaasni siyaas-dinagdee tokkoo itti uumame ijaaruudha" akka ta'e ifatti kaa'a.

Egereen siyaasa Itoophiyaa maal ta'inna?

Rakkoolee wal-xaxoo Itoophiyaan keessumaa waggoota muraasaa as keessa seente yaada keessa galchuun egeree biyyattii ija shakkiin kan laalanis jiru. Lakkii, rakkoon jiraatus egereen biyyattii ifaadha kan jedhanis akkasuma jiru.

Itoophiyaan biyya "biyyoota xixiqqoo biroo heddu of keessaa qabduudha" kan jedhu Iyaasped, fedhiiwwan wal-dhiitaniifi fiixeetti bahan dhiphisanii walitti fiduuf mootummaa biyya bulchurraa fedhiin jiraachuu akka qabuufi hojiin baay'en mootummaan raawwatamuu qaban jiraachu kaasa.

Garaa garummaa ilaalchaa jiru akka carraatti fayyadamuun fayidaa siyaasa ofii galmaan gahachuu caalaa wantoota akka marii biyyoolessaa fa'aa fayyadamuun furuun akka danda'amu hima.

Gama biroon ammoo paartileen mormitootaa kanneen akka IZEMA fa'aa mootummaan amma jiru sagantaa siyaasaa ifa ta'e fi gahuumsa kan hin qabneedha jechuun qeequ.

Dr. Bizunaan ammoo, waraanni yeroo dhiyoo as bakkee garaa garaatti mudate nageenya biyyattiif ammayyuu yaaddoo ta'uu himuun, gaaga'amni amma jiru yeroo gabaabatti furamuuf akka rakkisu yaaddoo qaban ibsan.

Rakkoowwan jiran karaa humnaa hiikuu qofa osoo hin taane mariifi dirree siyaasaa bal'isuun biyyaattii tasgabbeessun barbaachisaa ta'uu dubbatu.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffame egeree biyyattiif yaaddoo guddaa uumee ture. "Waranni Tigraay nagaan xumuramuunsaa biyyattiin hanga tokko akka tasgabbooftu taasiseera," jechuun gama diinagdeen illee biyyattiin akka bayyanattu taasisuu himu Dr. Bizunaan.

Itti dabalunis, "bakka addaa addaatti hidhattoonni socho'uun uummata sivilidhaaf rakkisaa waan ta'eef kanarrtti xiyyeeffannoon yoo hojjatame biyyattiin tasgabbaa'uu ni dandeessi.

''Walumaagalatti, humnaan qofa nagaa fiduun rakkisaa waan ta'eef hanga danda'ame rakkoolee karaa nagaatiin, kaan immoo nageenya cimsuun gara tasgabbiitti fiduun ni danda'ama," jedhan.

Iyaasped gama isaan, ilaalchi fiixeetti bahe gara tokkootti dhufuu dhabuuniifi akkaatan itti mootummaan deebii kennu bifa kanaan yoo itti fufe, bakkee garaa garaatti qabsoon hidhannoo akka itti fufu yaaddoo qabu kaasa.

"Hidhattoonni Gambeellaa keessaa, Benshaangul keessa, Oromiyaa keessa, Naannoo Amaaraa keessa jiru. Dhimmi Tigraay keessa jiru guutummaan hin furamne.

"Kana hunda yoo ilaaltu, bifuma kanaan waan itti fufu fakkaata. Mootummaa giddu galeessaa yeroo dhiyoottillee yoo kaasuu baatan, walumaa galatti biyyattiin biyya nagaa dhabde taatee akka itti fuftu gochuudhaan itti fufu," jechuun rakkoo Itoophiyaan itti deemturratti yaada qabdu kaasa Iyaasped.