'Lixa Tigraayitti yakki waraanaa fi namoomaan qixxee raawwatamaa jira'- Jaarmiyaalee mirga namoomaa

Jaarmiyaaleen Mirga namoomaaf falman Lixa Tigraay keessatti ajjeechaafi yakki dhalattoota Tigraay irratti raawwate ''yakka waraanaafi yakka namoomaan qixxeedha'' jedhan.

Ibsa qorannoo isaanii haaraa irratti hundaa'uun baasaniin Aministii Intarnaashinaaliifi Hiyumaan Raayitis Waach duulli sanyiin adda baasanii balleessuu (ethnic cleansing) humnoota naannoo Amaaraafi kanneen isaan deeggaraniin dhalattoota Tigraay bakka walfalmisiisaa Lixa Tigraay keessa jiraatan irratti itti fufiinsaan raawwatamaa ture jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa qaamoleen nageenyaa fi milishoonni ajjeechaawwan kana akka dhaaban, ejensiiwwan gargaarsaa buufatalee namootni itti hidhaman dabalatee kaanittis akka seenan hayyama akka kennuufi kanneen yakka gurguddaa rawwatan kun sirna haqaa amanamaa ta'een gocha isaaniif gaafatamtoota akka ta''an akka gargaaru gaafateera.

Dubbi himaan mootummaa federaalaa Dr Laggasaa Tulluu mootummaan dhimmicha erga qoratamee booda ibsa ni kenna jechuun ala yaada bal'aa hin kennine.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 erga eegalee Godina Lixa Tigraay keessatti dhalattoota Tigraay irratti yakki raawwatame ''yakka waraanaafi yaka namoomaan qixxeedha'' jedhaniiru.

''Qondaaltotni mootummaa sochii naannoo sanii dhorkuu irraa kan ka'e duula duguuggaa sanyii mootummaan gaggeessu dhokseera.''

Gabaasni dhaabbileen mirga namoomaaf falman baasan kun mata duree 'We Will Erase You From This Land': Crimes Against Humanity and Ethnic Cleansing in Ethiopia's Western Tigray Zone," jedhu waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee godinni Lixa Tigraay harka humnoota Amaaraa erga galee yakkoota raawwataman qoratee dhiyeesse.

Humnoonni naannoo Amaaraa hirmaannaa Raayyaa Ittisaa dabalatanii dhalattoota Tigraay kumoota hedduun lakkaawwaman tooftaan qe'ee isaaniirraa godaansisaniiru, seeraa ala ajjeesaniiru, haleellaa saalaa irraan gahaniiru, jumlaan hidhaniiru, deeggarsa namoomaas dhorkaniiru jedha gabaasichi.

Sadaasa bara 2020 irraa eegalee qondaaltotni Amaaraafi qaamoleen nageenyaa duula sanyiin adda baasanii ari'achuu(ethnic cleasing) dhalattoota Tigraay Lixa Tigraay irratti raawwatanii qe'eerraa ari'aniiru'' jedhan Daayireektarri olaanaan Hiyuumaan Raayits Waach Keneez Root.

Itti dabaluunis ''aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa yakka rifaasisaa raawwatamaa jiru kana hadheeffatanii haalan, haala rifaasisuunis dura dhaabbachuu didan'' jedhanii komatan.

Godinni kun ejensiiwwan gargaarsaaf banaa ta'ee warreen jumlaan hidhamaniis gadhiifamanii haqni amansiisaan akka kennamu kan gaafatan dhaabbileen lameen kun waliigalteen qaamolee waraanatti jiran gidduu erga godhamees ''humni idila addunyaa nagaa tiksu kan Gamtaa Afrikaan hoogganamu Lixa Tigraayitti bobbaafamee uummata hunda miidhama irraa eeguu qaba'' jedhan.

Barreessaa Olaanaan Aministii Intarnaashinaal Agnees Kalamaard gama isaaniin deeggartootni Itoophiyaa idila addunyaafi kan naannoo hammeenya yakkootta Lixa Tigraayitti mudachaa jiruu hin agarsiisuu hin dandeenye'' jedhan.

Itti dabaluunis mootummoonni nu ilaallata jedhan ''duula duguuggaa sanyii kanatti xumura gochuun, dhalattootni Tigraay bakka nagaa fi fedhaan gara qe'ee isaanii akka deebi'an yakkoota gara-hammenyaafis haqni akka jiraatu tattaafachuu qabu'' jedhan.

Godinni Lixa Tigraay lafa omishtummaa guddaa qabuufi qonna saliixiin beekamu yeroo ta'u waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalamuun dura bakka gaaffiin abbummaa barootaaf naannoo ollaa Amaaraan irratti ka'aa tureedha. Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 eegaleen walqabatee naannoon kun torbanoota lama keessatti harka humnoota Federaalaafi milishoota naannoo Amaaraa gale.

Erga sanii dhalattootni Tigraay naannicha jiraataa turan bulchiinsa haaraa ijaarameefi humnoota addaa naannoo Amaaraan duulli sanyiin adda baasanii ari'achuu (ethnic cleasing) irratti raawwatamaa ture jedha gabaasni jaarmiyaalee mirga namoomaa kun.

''Tigiroonni lafa Lixa Takazee irraa dhabamuu qabu''

Amisnitii Intarnaashinaaliifi Hiyuumaan Riaayits Waach ji'oota 15 darban dhalattoota Tigraay gara Sudaan baqatan qaamaan dhaqanii dubbisan dabalatee namoota dararaawwan hamaan irra gahan ykn ammoo ijaan argan 400 bilbilaan dubbisuu isaanii himu.

Magaalota Lixa Tigraay jiran keessatti bulchiinsi haaraan aangoo qabate walgahiiwwan irratti ifatti dhalattoota Tigraay achii balleessuuf karoora jiru himaa turanii jedha gabaasichi. Dubartiin Tigraay naannoo Bakeer turte, hidhattoota Fannoon dararaa irra gahaa ture yeroo ibsitu ''galgala hundumaa isin ajjeefna..naannoo kanaa baha'' kan jedhu waraqaa irratti barreefamee saa'aa 24 qabdu sa'aa 72 qabdu akka jedhaman himteetti.

Dhaabbileen lamaan kun dhalattootni Tigraay kumoota hedduutti lakkaawwaman ammallee jumlaan hidhamanii haala lubbuu isaaniif yaaddessurra jiru amantaa jedhu qaba.

Qaamoleen nageenyaa naannoo Amaaraa fi michootni isaanii daboon gudeeduu, jecha afaaniifi reebichaan miidhaa qaqqabsiisuu, butuu, fi salqunnamtiif gabroofachuun himatamaniiru.

Dhalattuun Tigraay ganna 27 dhiirotaan wayita dirqiin gudeedamtu, ''Tigiroonni lafa Lixa Takazee irraa dhabamuu qabu. Isin sheexana nutimmoo dhiiga keessan qulqulleessina'' jedhamuu himatteetti.

Aanga'oonni haaraa Lixa Tigraay sochii dhorkuun, deeggarsa namoomaa akka hin seenne gochuun afaan Tigriffaa haasa'aa dhalattootni Tigraay naannichaa akka bahan dirqisiisaa turanii jedha gabaasichi. Humnoonni nageenyaa Amaaraa fi naannoo tokko tokkotti ammoo kan Eertiraa midhaaniifi horii saamuun bu'ura jireenyaa jiraattotaa irraa mulqaniiru jedhan.

Maanguddoon ganna 63 dargaggeeyyiin mana isaa yeroo mancaasan ijaan argan, isaan keessaa inni tokko ''kun lafa keessan miti. Asitti kan kooti wanni jettan hin jiru'' ittiin jechuu himataniiru.

Dhalattootni Tigraay hedduun naannichatti dararaan itti hammaannan filannoo dhabanii baqataniiru jedha gabaasni jaarmiyaalee kanaa. Aanga'oonni gariin warra filannoo dhabee baqatu kumoota hedduun lakkaawamuuf konkolaataa qopheessuun gara Baha fi gidduugala Tigraayitti ari'ataniiru.

Adeemsa akkasiin ji'ootaaf dhalattootni Tigraay kumoota kurna hedduun lakkaawwaman qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru.

Ajjeechaa riqicha Takazee

Amajjii 17, 2021 milishoonni naannoo Amaaraa Fannoo jedhamaniifi jiraattotni naannichaa dhalattoota Tigraay warra dhiiraa marsanii qabuu jiraataan Addi Goshuu tokko jaarmiyaalee kanatti himeera.

Warra qabaman kana kan lakkoofsaan 60 ta'an miseensonni humna addaa naannoo Amaaraa naannoo laga Takazeetti ajjeesaniiru jedha gabaasichi. Ajjeechaa kana kan ijaan arganiifi lubbuun keessaa oolan haleellaa haaloo bahuu guyyaa isa dura ture lola hidhattoota TPLF waliin godhameen badii irra gaheef fudhatameedha jedhu.

''Yeroo nutti dhukaasan, durseen kufe achii warri na fuulduraa itti dhukaafamee yeroo kufaniin arge'' jedhan maanguddoon ganna 74 ajjeechaa kana jalaa oolan. ''Duuba kootiinis warri kaan narratti kufanii na dhoksan achii warri Tigiree salphaatti hin du'an dabalii dhukaasi jechaa turanii'' jedhu.

Ajjeechaan kunis hedduun lafa Addi Goshuu jedhamurraa akka baqatan sababa ta'eera. Bakka jumlaan dhalattootni Tigraay itti hidhamanittis dararaa irra gahaa jirurraa kan ka'e hedduun du'aa jiraachuu Aministiifi Hiyuumaan Raayits Waach gabaasaniiru. Kan eegdotni ajjeesaniin cinaatti hanqina nyaataa fi qorichaan namni du'aa jira jedhu. Qonnaan bulaan ganna 72 tokko ''Warri Tigree nyaata dhabuun du'uu qabu jedhanii nutti himu'' jechuun jaarmiyaalee kanatti himaniiru.

Jaarmiyaaleen kun qorannoo isaanii kana ilaalchisee mootummaa Federaalaa, naannoo Tigraayifi mootummaa naannoo Amaaraatti xalayaa barreessanii akka tureefi naannoo Amaaraa irraa qofa deebii argachuu himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaafi deeggartootni isaa idila addunyaa hawaasa Lixa Tigraay keessa jiraatu hundaaf eegumsi akka godhamu, warri jumlaan hidhamanii jiranis akka gadhiifamaniifi tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Dabalataanis hidhattoota milishoota Lixa Tigraay keessatti hidhatanii socho'an hunduu hidhannoo akka hiikkatan kan mootumaa federaalas adabbiin akka irratti barfamu mootummaa Itoophiyaa gaafataniiru.