Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Ummata Amaaraa: Waa'ee hidhattoota Faannoo gaaffiiwwan shan
Walitti bu’iinsi Naannoo Amaaraatti humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti dhalate Itoophiyaa waraana wal waliinii biraatti akka hin galchine sodaatameera.
Birmannaa Naannoon Amaaraa gaafate hordofee mootummaan humnoota nageenyaa federaalaa erga bobbaase booda magaalonni gurguddoo naannichaa tasgabbii horachuun ibsame.
Haata'u malee bakkeewwan naannichaa birootti ammallee walitti bu’iinsi akka jiru gabaafama. Waamichi walitti bu’iinsi kun marii nagaan akka xumuramu taasifamus akkuma itti fufeetti jira.
Walitti bu’iinsi kun MM Abiy Ahimad xiyyeeffannoo isaanii waraana Kaaba Itoophiyaa dhiiga hedduu dhangalaaserraa gara dinagdeefi hariiroo warra Lixaa waliin tolfachuutti yeroo deebi'anitti mudate.
Waa'ee dargaggoota Amaaraa meeshaa hidhatanii waggoota muraasa dura mootummaa waliin hiriiranii TPLF waraanan, amma garuu mootummaarratti ka’anii kana ammallee wanti ifa hin taane hedduu jira.
Qabxiileen ijoo shan waa’ee hidhattoota Faannoofi waan adeemaa jiruurratti qixeessine kunooti. Dhihaadhaa!
Ajajaa waliigalaa qabuu?
Sochiin Faannoo ummata Amaaraa keessa waggaa hedduu dura akka jalqabe himama. Faannoo jechuun dargaggoo 'fedhii saba ofii tiksuuf fedhiin hidhate' ta’uu yoo dubbatan dhagahamu kanneen garee kana deeggaran. Akka 'gaachana ummata Amaaraatti' ibsamu.
Haata'u malee faallaa kanaan hidhattoonni kunneen naannichaafi naannolee ollaatti badiiwwan jajjaboo raawwachuun himatamu.
Hidhattoonni kunnen ummata Itoophiyaa kaan biratti kan baraman garuu gara caalu yeroo mormiin ummataa bulchiinsa ADWUI irratti ka’edha.
Dhiheenya ammoo keessumaa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa humnoonni TPLF gara Naannoo Amaaraa yeroo ce’anitti maqaan isaanii bal’inaan dhagahame.
Hidhattoonni gara caalu Naannoo Amaaraa keessa sosso’an kunneen ajaja waliigalaa (chain of command) qabaachuun isaanii ifatti hin beekamu. Wanti beekamu ajajoonni garagaraa jiraachuudha.
Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa waliin tibbana gaggeessaniin kanneen kallattiin qooda qaban jedhaman keessaa as bahuun kan dubbatan hin jiran.
''Hooggansa akka qabu ni tilmaamama. Eenyuun hoogganamaa kan jedhu garuu ifatti beekuufis dubbachuufis xiqqoo ni rakkisa,’’ jedhu namni siyaasaa buleessi siyaasa Amaaraa hordofan.
Kana dura BBC’n ajajoota hidhattoota kanaa yeroo dubbiseetti, Faannoon Gondar, Goojjam, Shawaafi Walloo jedhamaniifi gareen afur ta’an akka jiran odeeffateera.
Kunneen ‘tokkummaa waloo’ qabna jechuun himu. Kanneen itti dhiheenyaan isaan hordofan garuu 'ajajaa tokko jala taliigamaa hin jiran' jechuun ibsu.
Kana jechuun garuu qaamni anatu waliigalaan ajajaa jira jedhu hin jiru jechuu miti.
Gareen Isikindir Naggaan akka hoogganamu ibsameefi Amhara Popular Front ofiin jedhu waan adeemaa jiru anatu harka keessaa qaba jedhee ibsee ture. Qeeqxonni kana ija shakkiin ilaalu.
Mootummaan maqaa isaanii maaliif lagate?
Hidhattoota kana mootummaan Faannoo jedhee hin waamu. Kana dura qondaalli Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ''qaamota maqaa Faannoon sosso’an’’ jechuun ibsan.
Mootummaan hidhattoota Amaaraa ammoo, ''qaamota al - idilee’’ jechuun waama. Yeroo walitti bu’iinsi hammaatetti ''garee saamtotaa, aangoo dheebote’’ jechuun badiin himate.
Ajjeechaa qondaalota mootummaa akka hidhattoota kanneen raawwataman ittiin shakkaman yeroo mudatus aangawoonni, ''qaamolee hin beekamneen'' raawwatuu ibsaa turan.
Garuu hidhattoota Faannoo jedhanii of waaman kanneen mootummaan maaliif lagate?
Akka qeeqxonni jedhanitti, kun dudduubee sochii Faannoon walqabatuu mala. Kanneen yeroo ammaa humnoota mootummaa lolaa jiran 'Faannoo miti' ergaa jedhu dabarsuuf mootummaan kana godha kan jedhan jiru.
Namni dhimma isaanii itti dhiheenyaan hordofu gama isaan‚ hawaasa keessatti Faannoon gaarummaan waan ilaalamuuf kana lagatuuf ta'a yaada jedhu qaba. Ta'us yaadni kun qabatamaa ta'u miseensa hawaasaa walabaa irraa hin mirkanoofne.
Mootummaan hidhattoonni kunneen ajaja aangawootaan ala socha'aa jiraachu ibsuun, durumaa seera-maleessummaa babal’isaa akka jiran himachuun akka yaaddootti isaan ilaalaa ture.
Tibba waraana Kaaba Itoophiyaa yeroo isaan leellisaa ture mootummaan Faannoo jedhee isaan waamaa turuun ni yaadatama.
Mootummaan maqaasaanii lagatuun haaraa miti. Kana duras badii ittiin himatamaniin walqabatee aangawoonni maqaa isaaniin isaan waamaa hin turre.
Hidhattoonni kunneenis Naannoo Amaaraan ala keessattuu badii Naannoo Oromiyaatti ittiin himatamaniin, aangawoonni ‘’finxaaleyyii’’ naannoo Amaaraa jechuun isaan waamu. Haalli akkanaa kunis siyaasa Itoophiyaa keessa waan hin baratamne miti.
Aangawoonni hidhattoonni 'hundee ummataa akka hin qabne ibsuuf yookiin ummata keessa yoo jiru ta’e adda baasuuf [othering]' itti dhimma bahuuf kana godhu kanneen jedhanis jiru.
'Ka'umsi Amaaraa, galmi Itoophiyaa' maali?
Gaaffiin hidhattoonni Faannoo dhiheessan bal’aadha. Galmi isaaniis naannicharra kan ce’ee akka ta’e ibsu. Akkuma gaaffii kaasan, kanneen gaaffii irratti dhiheessan hedduudha.
Hidhattoonni qawweefi alaabaa Itoophiyaa urjii hin qabne qabatanii lafa nu duraa qabame deeffanna jechuun irra deddeebiin yoo dubbatan mul’atan kun yaaddoofi badii himatu.
Hundeen gaaffii hidhattoota kanaa sabboonummaa (nationalism) Amaaraa waliin walqabata jechuun hayyuuleen ibsan jiru.
Namni siyaasaa gameessi BBC’n dubbiseefi siyaasa ummatichaa itti dhiheenyaan hordofan gaaffiin ijoo hidhattoota Faannoo kan eenyummaafi daangaa ta’uu ibsu.
Akka gaazexeessaa Faasikaaw jedhutti, hidhattoonni kun bulchiinsi Ministira Muummee Abiy ‘ummata Amaaraa miidhaa jira’ jedhanii amanu.
Qonnaan bultoonni Naannoo Amaaraa dhiheessii xaa’oo komataa turan. Mootummaan rakkinich kan biyyaa ta’uu ibsuun ummataaf akka hin geessine rakkoon nageenyaa danqaa ta’uu himata.
Ummanni Amaaraa naannichaan ala jiran fakkeenyaaf Oromiyaa keessatti argaman ajjeechaafi buqqaatiif saaxilamuu, mootummaanis eegumsa gochuu dhabe jechuun komatu.
Haa ta’u malee, aangawoonni Naannoo Oromiyaa ajjeechaan saba bu’ureeffate akka hin jirreefi ummanni Oromoos hidhattoota Faannootiin ajjeechaafi buqqaatiif saaxilamuu ibsu.
Haleellaawwan saba Amaaraa irratti raawwatame Oromiyaa keessatti raawwatame jedhameef hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jechuun shororkeessummaan labseetu himatama. Hidhattoonni kunneen garuu ni waakkatu.
Akkasumas ummanni Amaaraa naannawa Finfinneerra buqqaafameera, gara Finfinnees akka hin seenne danqamuufi butamuus jechuun komatu.
Mootummaan garuu manneen seeraan ala ijaaraman diiguun ala namni saba isaa bu’uureeffate manni jalaa diigame akka hin jirre himuun himannicha morma.
Kanneen Finfinnee akka hin seenne dhorkamanis rakkoo nageenyaa akka hin uumamne to’achuuf tarkaanfii fudhatame ta’u mootummaan ibsee ture.
Haata’u malee, hidhattooni Faannoo miidhama ibsan kun mataan isaanii badii jajjaboo saboota kaan irratti raawwachuun himatamu.
Keessumaa badii godinaalee Oromiyaafi Benishaangul Gumuuz Naannoo Amaaraa daangessanitti akkasumas Godina Addaa Saba Oromoo Naannoo Amaaraa jirutti mudateef maqaansaanii adda durummaan ka'a.
Bakkeewwan kanneenitti hidhattoonni Faannoo kunneen ajjeechaa, saamicha, buqqaatiifi qabeenya mancaasaniiru jechuun jiraattonni kana dura BBC’n dubbise himunsaanii ni yaadatama.
Hidhattoonni Faannoo gamasaantiin, badii kanaaf ka’umsi hidhattoota WBO kan ummata Amaaraa irratti xiyyeeffataniiru jedhan himatu. Hidhattoonni WBO kana ni hin fudhatan.
Gama kaaniin, kan humnoonni Tigraay Lixa Tigraay jedhan kan humnoonni Amaaraa Walqaayit jedhanii waamaniifi irratti waldhabanitti dhalattoota Tigraay 'sanyii dhabamsiisuun' gareewwan mirga namoomaa isaan himatu.
Akkasumas tibba waraanni naannoo Tigraayitti gaggeeffameettis hidhattoonni Faannoo, hidhattoota milishaa naannichaafi loltoota Ertiraa waliin sarbama mirga namoommaa raawwachutti maqaansaanii eerameera.
Gaaffileefi komiin 'ummata Amaaraa' jedhaman mootummaan amma osoo aangootti hin dhufin duras kan ture ta’us, amma wantoonni hammeessan akka jiran xiinxaltoonni ni ibsu.
Keessumaa komiin kun waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti Sadaasa 2022 keessa mallattaa’e booda cime.
Mootummaa waliin TPLF lolluus waliigaltee keessatti garuu ‘Amaarri hin hirmaanne, walii galticharrattis komii’ qabna jechuun hojiirra oolmaa isaarrattis shakkii qabaachuu ibsaa turan.
Ta’us, koree nagaa mootummaa bakka bu’e hirmaate keessa pirezidantiin I/Aanaa naannichaa dabalatee Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaafi namoonni siyaasaa Amaaraa kaanis turan.
Marii nagaarratti namoonni siyaasaa Amaaraa dhaaba biyya bulchuun ala jiran hin hirmaanne.
Hidhattoonni kuniifi deeggartoonni isaanii qondaalota dhaaba Badhaadhinaa Amaaraa balaaleffatuun beekamu.
Osoo kun kanaan jiruu baatii Ebla keessa mootummaan humnoota addaa naannollee diiguun caasaa nageenyaa kaanitti gurmeessuuf sosso’uu hordofee walitti bu’iinsi ifatti eegale.
Walitti bu'iinsa dura naannichatti mormiin daandiirraafi lagannaan taasifamaa ture.
'TPLF meeshaa waraanaa hin hiikkanne,' kan jedhan hidhattoonni kunneen, mootummaan ‘Amaara balaa dabalataaf saaxiluufi laaffisuuf’ tarkaanfii kana fudhate jechuun himatu.
Waraana biyyaa cimaa ta'e tokko ijaaruuf akka tarkaanfii kana fudhate kan ibse mootummaan, himannaa kana ni balaaleeffata.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hidhattoonni Faannoo haleellaa akka irratti banuu ibsuun tarkaanfii akka fudhatu erga akeekkachiise booda walitti bu’iinsi hammaate.
Mootummaan hidhattoonni kun magaalota naannichaa tokko tokko to’achuufi magaalota gurguddoo seenuun lola banuu ibse. Kana to’achuufis Labsii Yeroo Muddamaa labse.
Mootummaan kaayyoon hidhattoota Faannoo ''mootummaa Naannoo Amaaraa humnaan fonqolchuun sana booda gara mootummaa federaalaatti darbuudha,’’ jedhe.
Hidhattoonni kunis yeroo adda addaatti 'bulchiinsi MM Abiy diigamuu qaba' jechuun ifatti dubbataa turuun ni yaadatama.
Keessattuu gareen Isikindir Naggaan akka hoogganamu ibsame, ''Bulchiinsa Badhaadhinaa farra Amaaraafi farra Itoophiyaa ta’eefi michoota isaa qabsoo ummataan balleessuudha,’’ jechuun kaayyoo isaa ibsa baasen himee ture.
Gareen kun ‘dura egeree Amaaraa, eegasii egeree Itoophiyaa mirkaneessuu’ jechuun galmi isaanii maal akka ta’e himan.
Namni siyaasaa BBC’n dubbisees kaayyoon isaanii kanarraa fagoo akka hin taane ibsan. Garuu Itoophiyaan gareen kun ijaaruuf dhaadatu irratti xinxaltoonni siyaasaa gaaffii kaasu.
Akkamiin michuun lamaan walitti garagalan?
Kana dura hidhattoonni Faannoo ‘dheekkamsi mootummaa bira akka hiriiran’ isaan kakaasu himan waggaan booda ‘mootummaatti dheekkamuu’ dubbatan.
Isaanis ummanni Amaaraa hubameera, balaaf saaxilameera, akkasumas humnoonni nageenyaa mootummaas ummata tiksaa hin jiran jechuun himatu.
Isaan kana haa jedhan malee Itoophiyaatti ajjeechaan namoonni nagaa kan saba Amaaraa qofaarratti raawwatamu miti. Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, ummattoota kibbaa fi eddoowwan garaa garaatti haalli wal fakkaatu saba kaan irratti raawwatamu ni dhagahama.
Haata'u malees, kana dura BBC’n yeroo ajajoota Faannoo dubbise yaada wal darbu dubbatan.
Yeroos Faannoo Walloorraa namni dubbate raayyaa Ittisa biyyaa irraa deeggarsa akka argatan hime. Yeroos Raayyaan Ittisaa waan jedhe hin qabu.
Ajajaa Faannoo Goojjam yookiin Amhara Popular Force ta'uu kan himu Zammana Kaaseen garuu deeggarsa ummata biraa akka argatan hime.
Duruu ummata keessa hidhannoon jiraatus waraanni Kaaba Itoophiyaa milishoonni Faannoo meeshaa dabalataa akka hidhatan, humna akka jabeeffatan isaan gargaareera.
Yeroo waraanni cimeetti qaami meeshaa humnoota TPLF irraa booji’e akka ofiif fudhatu mootummaan naannichaa ajaja dabarsee ture.
Meeshaan ala hidhattoonni kun bakkeewwan TPLF yeroo aangorra turan nu duraa fudhate jedhan deebisanii humnaan to’ataa turan.
Erga mootummaafi TPLF gidduu waliigalteen nagaa mallattaa’e booda ‘dhiiga keenya dhangalaasnee lafa deeffanne deebiisanii kennuuf’ jechuun komii kaasan.
Sababa kanaaf humnoota mootummaa federaalaa himachuu, balaalleefachuufi hadheessuun yeroo dheeraaf adeemaa ture.
Mootummaa biyya bulchaa jirus kan saba tokkorraa ijaarame, Raayyaan Ittisa Biyyaas kan saba tokkoof dhaabate jechuun himatu.
Dabalataan, hidhattoonniifi deeggartoonni Faannoo ummata Oromoo maqaa ummatichi itti of hin waamneen waamuun mufii uumaa tureera.
Kana malees, aangawoonni naannichaa fi humnoonni nageenyaa naannichaas yeroo garagaraatti ‘qaamota hin beekamne’ jedhameen ajjeefamuu mootummaan naannichaa ibseera.
Kanneen lubbuu dhaban keessaa Hoogganaan Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashixilaa keessatti argamu. Ajjeechaan aanga'oota mootuummaa kunis hanga yeroo dhiyootti naannichatti itti fufuutu himama.
Mootummaan federaalaafi naannoo kanneen ajjeechaa raawwatan "humnoota seeraan alaa yookiin al-idilee" fi "humnoota finxaaleyyii" jechuun himatan.
Ministirri Nagaa Itoophiyaa Obbo Binnaalf Andu’aalam humna addaa Amaaraa keessaa kan Faannootti dabalame wayyaba ta’u dubbatuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Aangawoonni Naannoo Amaaraa sochiifi hidhannoo Faannoo kana dura ‘callisanii ilaalaa turan’ jechuun qeeqxonni ibsu.
Garuu mootummaan kana dura hidhattoonni Faannoo meeshaa akka hikkatan sochii taasiseen guutummaattis ta’u baatu hamma tokko akka milkaa’e ibsuun ni yaadatama.
Faannoon deeggarsa ummataa qabaa?
Xiinxaltoonni hidhattoonni Faannoo meeshaa jajjaboo kan hin qabneefi sirnaan ijaaramuu yoo dhabanillee, yoo qabsoon isaanii deeggarsa ummataa qabaate mootummaaf akka yaaddo ta’u ibsu. Garuu ammatti waan naanichatti qabatamaan lafa jiru baruun ni rakkisa.
Adeemsi humnoonni nageenyaa hordofan egeree naannichaa keessatti qooda akka qabu xiinxalaan lammii Faransaay siyaasa Itoophiyaa hordofan Lene Refort ibsu.
Akka fakkeenyaattis waan Naannoo Tigraay keessa ta'e kaasan. 'Badii raawwatetu dhalattoota Tigraay humnoota mootummaarratti kakaase,' jedhan.
Ammatti lakkoofsa hidhattoota Faannoo meeqa akka ta'e, meeshaa hidhatan, egereen sochii isaaniifi kaan ifa miti.
Hidhattoonni kunneen keessumaa qeeqxota Ministira Muummee Abiy biyyoota alaa jiraatan irraa deeggarsa qabu. Mootummaanis biyya keessa caasaa qabu jedhe kanneen shakku akka hidhaa tureefi hidhuu akka itti fufu ibseera.
Kanneen hidhaman keessaa Miseensi Paarlaamaa kana dura MM Abiy aangoorraa akka bu’an gaafatan Obbo Kiristiyaan Taaddalaa tokkodha.
Kanaan ala caasaa Paartii Badhaadhinaa Amaaraa keessas deeggarsa akka qaban qeeqxonni himan jiru.
Nami siyaasaa buleessi BBC'n dubbise ‘’Faannoon deeggarsa ummataa bal’aa qabaatee sosso’aa jira. Garuu kan isaan balaaleeffatus jira.
‘’Deeggarsi kan ummata hundaati jechuun hin danda’amu. Ummata keessaa keessumaa dargaggootarraa deeggarsa bal’aa qabu,’’ jechuun himan.
Hidhattootnn Faannoo osooma rakkoon hammana hin hammaatin durallee aangawoota Paartii Badhaadhinaa Amaaraa ifatti balaaleffachuun beekamu.
Walitti bu’iinsi hammaatee naannichi mootummaa federaalaaf birmannaaf osoo hin dhiheessin dura Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa yaaddoo ibsan.
Dubbii isaaniin ‘gaaffileen jijjiirami ni deebisa jedhanii eegan akka jiruufi hin deebine’ akka jiran ibsan. Ta’us, kunneen maal akka ta’e hin ibsine.
Dhimma hidhattoonni kun kaasan guddisanii kan mul’isaniifi gaaffichi kan ummataa ta’u kan ibsan immoo Obbo Gadduu Andaargaachoodha.
Obbo Gadduun waggoota shaniif naannoo Amaaraa bulchaniiru. Ministira Dhimma Alaa, darbees gorsaa nageenyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadis turan.
Qondaaltonni paartii mormituu naannichaas yaada wal fakkaataa dhiheessan.
Hayyuun BBC’n dubbise gaaffiilee ka’an mootummaan kan Faannoofi hidhattoota qofa jedhee yoo fudhate ‘dogongora ni raawwata’ jechuun ibsu.
''Dheekkamsi ummataa olaanaan jira. Gaaffileen akka deebi’an ummanni barbaadu jiru. Hanga gaaffileen kun hin deebineetti hooggansa [naannichatti] tasgabbaa’e ijaaruun waan rakkisu natti fakkaata,’’ jedhan.