Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan lammileen Itoophiyaa kuma 131 ta'an Sa'ud Arabiyaa irraa deebisuu beeksise
Mootumman lammileen Itoophiyaa godaananii Sa'ud Arabiyaa turan kuma 131 deebisuu beeksise.
Karaa koree biyyaalessaa lammileen Sa'ud Arabiyaatti godaanan deebisuufi erga deebiyanii boodammoo dandamachiisuu hundeeffamee lammilee kuma 131 ta'an deebisuun akka danda'ame ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa ibsa Ebla 03, 2023 baaseen beeksiseera.
Koreen waajiraaleen mootummaa 16fi dhaabbileen michuu keessaa walitti dhufuun ijaarame kun waggaa tokko keessatti godaantota kuma 131 deebisuudhaan sagantaa inni qabate xumuramuu isaas ibseera.
Lammileen Itoophiyaa Sa'ud arabiyaa jiran gara biyyatti deebisuun Bitootessa 2022 ture namoota kuma 100 ol ji'a 7 hanga 11 gidduutti deebisuudhaaf ture kan jalqabame.
Godaantonni Bitootessa 03, 20233 deebiyan wayita buufata Xiyyaaraa Boolee Idil-addunyaa gahanitti De''etaan Ministiraa Dhimma Alaafi walitti qabduun koree biyyaalessaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo simataniiru.
Lammileen biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiraniif xiyyeeffannoo kennuun godaantota fedhii isaaniitiin deebisuudhaaf mootummaan Itoophiyaa murannoo agarsiisuu isaa Ambaasaaddar Birtukaan ibsaniiru.
Itti-dabaluum, namoota godaansa irraa deebiyan deebisanii dandamachiisuufi jireenya foyyaa'aa akka jiraatan gochuudhaaf ministeeri dhimma alaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuus dubbatan.
Ministeera Dubartootaafi Hawaasummaatti qindeessaan dhimma warra godaansarraa deebiyanii Obbo Asaalifawu Ahimaddin namoota Sa'udii irraa gara biyyaatti deebiyaa jiraniif mootummaan Itoophiyaa deeggarsa gara garaa taasisaafiif jiraachuu kanaan dura BBCf ibsaee ture.
Aanga'aan kun koreen ministira ittaanaan durfameefi ministeerota gara garaa keessaa walitti dhufee hundaa'uun dhimma kana hordofu jiraachuu yaadachuun, warra deebiyan buufata konkolaataa irraa fudhachuurraa kaasee hojiiwwan jiran akka hordofe eeraniiru.
Biyyi qabeenya boba'aafi zayita uumamaatiin badhaatuu taate Sa'ud Arabiyaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa lammileen Itoophiyaa jireenya isaanii foyyeessuuf deemanii hojii barbaaddatan keessaati.
Haata'u malee, mootummaan Sa'ud Arabiyaa yeroo gara garaati biyyattii keessatti hayyama hojiifi jireenyaa hin qaban jechuudhaan lammilee Itoophiyaa manneen-hidhaa baayyee rakkisuufi muddamaan guute keessa akka tursiifaman taasifamuun rakkoo fayyaatiif akka saaxilaman yeroo gara garaa BBCn lammileen mana-hidhaa jiran dubbisee gabaasaa tureera.
Namoonni manneen-hidhaa Sa'ud Rabiyaa keessa jiran nyaataafi wallaansa fayyaa gahaa waan hin arganneef haala baayyee rakkisaa ta'e keessa akka tursiifaman himatu.
Lammileen Itoophiyaa manneen-hidhaa kanneen keessa tursiiifaman haala rakkisaafi muddamaa ta'e keessa tursiifamuutiin alatti, eegdotaan hiraarfamuufireebamuun akka irratti raawwatamu Huumaan Raayits Waach ibsuun isaa ni yaadatama.
Manneen-hidhaa keessatti sibiila gommaatiin marameen reebicha eegdonni godaantota irratti raawwataniin godaantonni akka du'anillee himameera.