Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Yugaandaa dhuguma 'bara dhumaa baqatanii' Itoophiyaa galanii?
Lammileen Yugaandaa dhibbaan lakkaa'aman qabeenya isaanii gurguranii bakki bu'an erga dhibee ji'a lama ture
Waa'een jara kanaa naannawaa jiraatan keessatti qofa osoo hin taane guutummaa biyya Yugaandaa keessatti ijoo dubbii ta'eera.
Namoonni Yugaandaa kun ka'umsi isaanii kutaa gama Baha biyyatiitti argamtu aanaa Seereree keessaa yoo ta'u, hundi isaanii miseensa garee amantii Kiristaanaa hordofaniifi sadarkaa hawaasummaattis kan walitti dhufeenya qabanidha.
Poolisiin Baha Yugaandaa Keyoogaa jalqaba dhimmi hordoftoota amanitichaa 100 ta'an bakki bu'an dhibamee ilaalchisee qorannoo jalqabuu kan beeksise Guraandhala dhuma irra ture.
Jarri kun bakki buuteen isaanii kan himame miseensonni waldaa Kiraayist Disaayipils Charch (CDC) jedhamu aanaa Seereree jedhamu bakka gara garaa keessaa kan baba'an yoo ta'u, namoota kana keessatti aanga'aan mootummaa bakka sanaa maatii isaa dabalatee akka waliin jiru gabaafameera.
Lammileen Yugaandaa kun tasa bakki isaan bu'an dhabamuun ijoo dubbii ta'uu isaatiin alatti, eessa akka dhaqan beekamuu dhabuun isaa ammoo jiraattota bakka sana jiraniifiyyu yaaddoo nageenyaa uumuu danda'a jedhamee sodaatamee ture.
Guyyaa dhuma biyya lafaa baqachuumoo ergama amantiidha?
Gareen amantii miseensota 250 of keessaa qabu imala gara Itoophiyaatti taasisuun isaa kanaan dura dhaga'amee kan hin beekne ta'us, aanga'aan naannawaa sanaa garuu waan haaraa akka hin taane dubbata.
Saba-himaaleen Yugaandaafi mootummaan Itoophiyaa jarri kun imala kana kan taasisan "badiinsa guyyaa dhuma biyya lafaa baqachuunidha," jedhu.
Itoophiyaatti bulchaan itti-aanaa aanaa Nyangaatom Lokinyaaniigaa Murillee imalli jara Yugaandaa irraa dhufanii kanaa dhugaa ta'uu himan.
Lammileen Yugaandaa 277 ta'an dubartoonniifi daa'imman keessatti argaman yeroo ammaa kana waldaa kiristaanaa bakka itti keessummaa simataniifi mana-jireenyaa dhuunfaa keessa akka qubatanii jiran BBCtti himan aanga'aan kun.
Bakka lammileen Yugaandaa irraa kanitti dubbi-himaa Waldaa Gosaa kan ta'e BBCtti akka himetti, imaltoonni kunneen maatii isaaniitti waan tokko osoo hin himiin miliquun isaanii yaaddoo kan uume yoo ta'u, qabeenya isaanii gurguranii maallaqa qabatanii imaluun isaanii ammoo poolisiin namoota seeraan ala namaoota daddabarsan harka galuu malu shakkii jedhu godhateera.
Hordoftoonni amantaa jedaman kun erga gara Itoophiyaatti imaluun isaanii beekamee booda gama mootummaa Itoophiyaatiin osoo waan tokkoyyu hin himamiin torbanootaf ture.
Dhuma irratti garuu torban darbe keessa dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam mirkaneessaniiru.
Lammileen Yugaandaa dhibbaan lakkaa'aman, "badiisa guyyaa dhuma biyya lafaa baqachuudhaan" karaa naannoo Kibba Itoophiyaatiin gara biyyattiitti seenuu eeruun, yeroo ammaa kana bakka Keeniyaa waliin waldaangessu Nyangaatom bakka jedhamu jiru jedhan Ambaasaaddarichi.
Imalli lammilee Yugaandaa kanaa "badiinsa guyyaa dhuma biyya lafaa baqachuu" miti kan jedhan, Obbo Lookinyaaniigaa, kanaan duras namoonni afaan tokko dubbatan Keeniyaa Turkaanaa irraa, Sudaan Kibbaafi Yugaandaa irraa dhufanii akka turan dubbata.
"Isaan kan dhufan seenaaniis hawaasni Nyaangaatom Yugaandaa irraa dhufan jedhanii waan amananiif naannicha ilaaluudhaaf dhufan," jedhan.
Taatee poolisiiniyyu walii wallaale
Dubbi-himaan Baha Keeyoogaa yeroo wanti kun ta'etti akka jedhetti, miseensonni waldaa Kiristiyaanaa kanaa bakki bu'an dhabamuu kan eegale ji'a Guraandhalaa keessa ture.
Bu'aan qorannoo jalqabaa poolisiin taasise akka agarsiisutti, miseensonni waldaa Kiristiyaanaa kanaa badiinsi dhuma biyya lafaa kan jalqabu bakka isaani jiran irraa akka ta'u amanuun bakka sana gadhiisanii akka deeman ragaaleen mullisan argateera.
Lammileen Yugaandaa miseensa waldaa CDC kunneen gaggeessitoota amantichaatiin yeroo dhiyoo keessatti naannawaan sun du'aan akka rukkutamuufi jiraattonillee akka dhuman itti himamee ture.
Kana hordofees faana namoota badanii kanaa suuta suutaan argachuufi bakka gahan baruudhaaf na gargaara jechuun gaggeessaa waldattii kan ta'an Luba Jams Eniyaankuu fi Awugistiim Oraagoo gargaaramuun barbaadaa tureera.
Boodarra ammoo gaggeessitoonni Waldaa Kiristaanaa kanaa "hordoftoonni gara Itoophiyaatti imaluun wangeela akka baballisan Waaqayyo karoora akka qabu," ibsuudhaan isaan amansiisaniiru odeeffannoo jedhu poolisiin argateera.
Namoota kanneen keessaa harki caalaan yaada kana fudhatanii naannawaa sanaa dhabamuu isaanii dubbi-himaan poolisii Oskaar Ageechaa dubbataniiru.
Haata'u malee, haala kana keessatti lammiileen Yugaandaa meeqa akka kana irratti hirmaatan baruufis yaalii taasisaa tureera.
Imala amantiidha jedhame kanaaf tokkoo tokkoo nama imala irratti hirmaate kanarraa ragaalee imalaafi kaan qixeessuuf shilingii Yugaandaa miliyoona lama (dolaara 530) akka barbaachisus barameera.
Maallaqa kana argachuuf ammoo imaltoonni kunneen loon, lafaafi meeshaaleen manneen keessaa dabalatee qabeenya isaanii hanga gurguruutti gahuu isaanii poolisiin eereera.
Imala kana dura taasifame
Namoonni achi buuteen isaanii hin beekamu jedhaman hordoftoonni amantii Kiristaanaa kanaa, Waldaan Aadaa fi Sabootaa Iteesoon namoonni 270 tahan gara Itoophiyaa deemuusaanii mirkaneesseera.
Dubbii himaan waldichaa Gaabri’eel Oppooloot namoonni badan jedhaman 273 saboota daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa jiran firooma qabna jedhanii amananiitti ergama Kiristiyaanaa fi nagaaf imaluu isaanii himan.
Godina Kibba Oomootti bulchaan aanaa Nyaangaatoom Obbo Lookinyaanigaa Muraalee gama isaaniin lammiileen Yugaandaa gara aanichaa kan dhufan,’’iddicha ilaaluufi ergaa mana Kiristiyaanaa fiduufi,’’ jechuun BBCtti himan.
Obbo Gaabri’eel saboota gidduutti saamichaafi ajjeechaa hambisuuf jecha saboota wal-fakkaatan gidduutti ‘’aadaa wal barsiisuufi amantii Kiristaanaa babal’isuun,’’ kana duras taasifamee ture jedhan.
Dubbii himaan kuni hawaasa firooma sabaa qaban kan Yuugandaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa wal-saamicha loonii gidduu isaani adeemu hambisuuf qaama tattaaffii nagaa taasifamudha.
Yaaddoo bara dhumaafi imala seeraan alaa
Lammiileen Yugaandaa kuneen karaa kiloomeetira dhibbaan lakkaa’amu qaxxaamuruun dabalataan Itoophiyaa biyya isaanii waliin daangaa hin hirmaanne gahuuf karaa Keeniyaa ykn Sudaan Kibbaa qaxxaamuruun irra jiraata. Tahus daangaa kamiin qaxxaamurani lafa Itoophiyaa amma jiran akka qaqqaban hin beekamne.
Gama tokkoon gareen imaltootaa kuni gara Itoophiyaa kan deeman dhimma amantiif tahuu yoo ibsamu, gama kaaniin immoo naannoo isaaniitti ‘’barri dhumaa dhufuufi’’ jedhamuusaan baqa akka imalan himamaa jira.
Gaazexaan Yugaandaa Moonitar jedhamu, hogganooti mana amantii isaanii itti himaniiru akka jedhame amantoonni Itoophiyaa gahanii jiran, firoota isaanii biyyatti hafanitti bilbilanii ‘’guyyaan dhumaa sun mudateera,’’ jechuun gaafachaa jiru jedhe.
Lammiilee Yugaandaa kunneen mootummaan Itoophiyaa haala hin beekneen kara seera alaan gara daangaa biyyattii kan galan yoo tahu, kan booda haala kamiin dhimm isaanii akka ilaalu waan beekamu hin jiru
Godina Kibba Oomoo, bulchaan aanaa Nyaangaatoom Lookinyigaa Muraalee BBCtti akka himanitti, lammiileen Yugaandaa kuni gara naannichaa galuu isaaniin wal-qabtee Mootummaan Federaalaatti qondaaloti nageenyaa odeeffannoo funaananiiru jedhan.