Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wallagga Lixaatti 'hidhattoonni WBO' hojjettoota Itiyoo Telekoomii fi dhaabbata Chaayinaa ZTE 11 butan
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
Tibbana Wallagga Lixaatti hidhattoonni 'WBO' hojjettoota dhaabbata Itiyoo Telekoom jalatti babal'ina neetwoorkii 4G irra turan 11 butuu maddi amanamaan dhaabbaticha keessaa tokko BBCtti himan.
Nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne kan gaafate maddi Itiyoo Telekoom tokko BBCtti akka himetti Jimaata darbe, Amajji 9 bara 2026 Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa, bakka Hulaa Naboo ykn Lalisaa Sooyyomaa jedhamutti hidhattoonni hojjettoota torba fudhatanii deeman.
''Jimaata gara sa'a 10:00 yeroo tahu osoo isaan hojiirra jiranii ukkaamsanii fudhatanii deeman. Meeshaa isaanii fi konkolaataa hojiif itti fayyadaman achumatti dhiisanii fudhatanii deeman. Hanga ammaa eessa akka geessan odeeffannoo arganne hin qabnu'' jedhan maddi kun.
Hojjettoonni butaman kan dhaabbata Itiyoo Telekoomii fi dhaabbata ZTE jedhamuu yoo tahan babal'ina neetwoorkii irratti hojjechaa turan.
Hojjettoonni butaman kunneen : Amsaluu Malkee –hojjetaa dhaabbata Itiyoo-Telekoom
Teedii Huseen – ZTE
Taakkalee Kindee – ZTE
Addsuu Saxxany – ZTE
Ashannaafii Taganuu – ZTE
Kiruubel Dani'eel – ZTE
Niksann Tsegayee – Konkolaachisaa
Dabalataan bulee isaa gaafa Amajji 10 bara 2026 Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Dirmajjii bakka Gidaanoo Kiing jedhamutti hojjettoonni afur hidhattootan butamaniiru jedhan.
''Hojjettoota arfan Boojjii Dirmajjiitti butaman kanaaf hidhattoonni butan tokko tokko isaaniif Birrii Miliyoonotaan gaafataniiru. Dhaabbata ZTE jedhamutti bilbilanii Birrii gaafataniiru.''
Maddi BBC akka himanitti: Kinfemikaa'el Mulunee – Itiyoo Telekoom
Tasfaayee Bafiqaaduu – ZTE
Dojamo Doallaa – ZTE
Gulilat Jemanee – ZTE- Kanneen jedhaman akka butaman himan.
''Aanaa Qilxuu Kaarraatti hojjetaa dhiisanii deeman hin qaban. Odeeffannoo qabnu hidhattootuma WBO naannoo sana keessa socho'an tahuu isaaniiti,'' jedhan maddi BBC kun.
Mootummaan hojjettoota butaman kanneen gadhiisisuuf maal hojjechaa jira jennee gaafachuuf gara bulchiinsa godinichaatti bilbillus ammatti hin milkoofne.
BBC'n maaliif gochaan kun akka raawwate gaafachuuf ABO-WBO gaafachuuf tattaaffii taasise haga ammaatti hin milkoofne. Ibsa baasanis hin qaban.
Dhaabbanni Itiyoo Teelekoom tajaajila neetwoorkii Wallagga Arfan, Shawaa Lixaa fi Beenishaangul Gumuz keessaa hanga Kamaashiitti jiru fooyessuun gara 4Gtti guddisuuf hojjetaa ture.
Tajaajilli kun kana dura godinaalee kanneen keessatti %5- %12 hin caalu ture kan jedhan maddi BBC kun gara %82tti guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Uummanni godinichaa tajaajila interneetii gahaa argataa akka hin turreefi waggoota 10 as tajaajilichi ammayyeessamee akka hin beekne himan.
Kanaaf meeshaleen hunduu meeshaalee ammayyaan bakka buufamuun haareffamanii uummanni tajaajila interneetii fi neetwoorkii saffisaa akka argatan taasisuuf hojjetaa jiru.
Tajaajila uummataaf oolu kana babal'isuuf Itiyoo Telekoom dhaabbata Chaayinaa ZTE jedhamu waliin hojjechaa jira.
Hojiin kun kan jalqabe ji'a lama dura. Hojii kanaaf doolaara miliyoona 26 oltu baasii taheera.
Meeshaleen barbaachisan biyya alaatii bitamuun karaa buufata doonii Jibuutii fe'amanii galuun magaalaa Naqamteetti buufamuun ariitiin hojjetamaa ture.
Kontiraata isaa kan fudhate ammoo dhaabbata Chaayinaa ZTE jedhamudha.
Babal'ina pirojeektii kanaaf Itiyoo Telekoom meeshaa dhaabbata ZTE kana fayadama.
''Lammiileen Chaayinaa Wallagga keessa naanna'uun hojjetan baay'eedha.
Lammiileen Itoophiyaa hojii kana keessa jiranis gara 500 ol tahu.
Magaalaa Finfinnee irraas kan dhufan garee 100 ol tahu. Gareen tokko gara afurii ykn shanii qaba. Isaan jalattis hojjettoonni humnaa hojjetan biroos jiru,'' jedhan maddi BBC dubbise.
Hojiin pirojeektii kanaa jalqabee gara %80 tahu hojjetamee xumurameera jedhan. Magaalota akka Naqamtee, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Shaambuu fa'aa keessatti diriiree xumurameera.
Eebbi pirojeektii kanaa Amajji 15 dhufu kanaaf qophaa'amaa ture.
Haala kana keessa osoo jiraniiti hidhattoonni Boojjii Dirmajjii fi Qilxuu Kaarraatti hojjettoota kudhan tahan kan butan.
Qilxuu Kaarraatti hojjettoota torba butaman keessaa ''tokko hojjetaa Itiyoo Telekoomidha. Kaan hojjettoota kaampaanii ZTEdha. Lammiileen alaa keessa hin jiran.''
Maddi kun erga butamanii karaa dhaabbata ZTE Birrii miliyoonotaan lakkaa'amu gaafachuu himan.
Hojjettoonni kunneen namoota siyaasaa osoo hin taane kanneen ogummaa isaaniin tajaajila uummataa diriirsuuf hojjetanidha.
Mootummaan maal jedhe?
Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa waa'ee hojjettoota hidhattootaan butaman jedhamanii yoo gaafataman akkas jedhan.
''Kana dura dhaabbata Itiyoo Telekoom damee Naqamtee waliin taanee hojjechaa turre.
Yeroo hojiin jiru dursanii nu beeksisaniiti kan eegumsa goneefii hojjechaa turan.
Sararri ibsaa hidha Haaromsaa irraa ka'u yeroo diriiru akkasuma Dhidheessaa hanga laga Daabbusitti eegumsa barbaachisu gochuun hojjetamee xumurame.
Warri kun ammoo osoo nu hin beeksisiin callisanii hojiitti erga galanii butamuu isaanii dhageenye'' jedhan.Obbo Taliilaan.
Itti dabaluun odeeffannoon qaban hojjettoota Itiyoo Telekoom nama sadii tahuu qofa himan. Dhaabbanni ZTE hojjettoonni isaa butamuu akka itti hin gabaasnes himan.
Obbo Taliilaan guyyuma hojjettoonni kunneen butaman jedhamee qabuun hojiin hordoffii taasisuu hojjetamaa jiraachuu BBCtti himan.
Konkolaataan hojjettoonni fayyadamaa turan bakkuma turan dhaabbattee argamuus himaniiru.
Waggaa guutuu Itiyoo Telekoomii waajjirri isaa Naqamte jiru waliin hojjechaa turre kan jedhan Obbo Taliilaan aanolee Wallagga Lixaa hedduu keessatti nagumaan hojjechaa akka turan himan.
''Godina keenya keessa shiftaan waan jiruuf dursanii nu beeksisaniiti eegumsa goonefii kan hojjechaa turan. Keessumaa naannoo gaarreenii fi bosonaa keessa yaaddoo waan qabuuf eegumsa gochaafii turre,'' jedhan.
Hojjettooni amma butamuu dhageenye ammoo dursanii waan nu hin beeksifneef erga dhabamanii qofa odeeffannoo alaan dhageenyee hordoffii jalqabne jedhan.
Dhiyeenyatti haalli akkasii mudatee akka hin beekne kan himan maddi keenya kun waggoota muraasa dura garuu hanga lubbuun namaa darbuutti yeroo gaheeru akka jiru BBCtti himan.
Konkolaatonni gubatanii eegdonni yeroo ajjeefaman ture jedhan.
Dhiyeenyas Wallagga Bahaa aanaa Jimmaa Arjootti abbootii alangaa Oromiyaa nama afur hidhattoonni WBO butan keessaa sadii gadhiifamuun maatii isaaniitti galaniiru.
Abbaan alangaa tokko guyyichuma dhukaasa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota gidduutti ture keessa rukutamuun du'uu himamee ture.
Abbaan alangaa biraas erga rasaasaan rukutamee lubbuun oolus namoonni biroo lama guyyoota sagal tahaniif harka hidhattootaa turuun gadhiifamuu BBC gabaasee ture.
WBO abbootii alangaa kanneen eeruu waan qabnuuf qorannee gadhiisuuf to'anne jedhe. Namoonni lamaan gadhiifaman Birrii homaa akka hin gaafatamnee fi miidhaan biraa irra hin geenye BBCtti himanii ture.
Garuu hojjettoota Itiyoo Telekoomii fi ZTE maaliif akka butan hanga ammaa hin ibsine.