Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalli namaa waggaa 3000 dura paaspoortii fayyadamuu akka eegale beektuu?
Paaspoortin sadarkaa isaa eeggateefi istaandaardii idiladdunyaa qabatee yeroo jalqabaaf kan hojiirra oole Waraana Addunyaa Tokkoffaa (WWI) boodadha.
Paaspoortiin jaarraa 20ffaa keessa hojiirra ooluu eegale kun addunyaa marattuu odeeffannoo wal-fakkaataa qaba: maqaa guutuu, guyyaafi bara dhalootaa, iddoo dhalootaa, suurafi kkf fa'aa qabata. Bifa amma jiru kana qabaachuu baatus, dhalli namaa paaspoortii itti fayyadamuu kan eegale waggaa 3500 dura.
Paaspoortiin akka mallattoo eenyummaa namaa adda baasutti hojiirra ooluu kan eegale Masirii durii keessatti ta'uu himu baruuwwan durii qorachuun kan beekaman Pirofeesar Paatrik Biksibeey. Pirofeesar Paatrik waa'ee sanadoota dhalli namaa itti fayyadamaa tureefi bifa kamiin fayyadamaa akka tures kitaaba License to Travel: A Cultural History of the Passport jedhu barreessaniiru.
"Itti fayyadamni paaspoortii kan eegale seenansaa Dhaloota Kiristoos dura jaarraa 14ffaa keessa waggaa 3500 dura Masirii durii keessatti," jechuun BBCtti himan.
Akka isaan jedhanitti namoonni bakka tokko bakka biraatti moototaan ykn nama isaan bulchuun yeroo ergaman, nama seera qabeessa ta'uufi ergaan isaanii sirrii ta'uu kan adda isaan baasu sanada suphee ykn dhagaa bocamerratti barreeffamee qabatanii deemu.
Paaspoortin bifa ammayyaa qabatee dhufuu kan eegale jaarraa 19ffaa keessa ta'us akka garuu yeroo sana sadarkaa idiladdunyaan wal-fakkaataa akka hin taane kaasu Pirofeesar Paatirik.
"Paaspoortiin jaarraa 19ffaa suura kan qabu hin turre. Garuu funyaan, ijji, fuulli fa'aa maal akka fakkaatu barreeffamaan ni ibsama. Garuu afaan ittiin ibsamu bakka hundatti tokko miti," jechuun paaspoortiin suura qabuufi sadarkaa idiladdunyaan wal-fakkaataa ta'e yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa hojiirra ooluu akka eegale kaasu.
Waraanni Addunyaa Tokkoffaan akkuma eegaleen, mootummoonni basaastonni biyya biraa isaan gidduu seenanii odeeffannoo hin sassaabnef paaspoortii suura qabu gaafachuu eegalan.
Waraana Adduntaa lammaffaa booda bara 1920tti League of Nations paaspoorttin sadarkaa idiladdunyaatti odeeffannoo ykn ragaa wal-fakkaataa akka qabaatu seera tume. Seerota tumaman keessaa: paaspoortin fuula 32 akka qabaatu, yoo xiqqaate affaan lamaan akka barraa'u, fuula duraa irratti maqaan biyyaa akka barraa'ufi asxaan biyyaa akka taa'u faa'adha.
Kuni ammoo paaspoortin bifa ammayyaa akka qabaatuf bu'uura ta'e.
Paaspoortin bifa garaa garaa maaf qabaate?
Yeroo ammaa ulaagaa paaspoortin tokko guutuu qabuufi odeeffannoo akkamii qabaachuu akka qabu qaamni to'atu Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idiladdunyaa jedhama. Dhaabbanni kun qaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) yoo ta'u, nageenya aviyeeshinii kan tiksuudha.
Paasportin odeeffannoowwan bu'uuraa akkamii ofirraa qabaachuu akka qabbuufi imalarratti ulaagaa akkamii guutuu akka qabu kan murteessu dhaabbata kana. Garuummoo qolli paaspoortii biyyootaa maal fakkaachuu akka qabu hin murteessu.
Qolli paaspoortii maal fakkaachuu akka qabu kan murteessu biyyootuma jechuudha. Fakkeenyaf, paaspoortiin Itoophiyaa qollisaa diimadha. Fuula irratti gararraatti maqaan biyyaa Ingiliffaafi Amaariffaan barraa'era: FEDERAL DEMOCRATIC REPUBLIC OF ETHIOPIA (የኢትዮጵያ ፌደራላዊ ዲሞክራሲያዊ ሪፐብሊክ) kan jedhu ofirraa qaba.
Gidduutti asxaa urjii alaabaa Itoophiyaarra jiru kan ofirraa qabu yoo ta'u, gajjallaatti ammoo PASSPORT kan jedhu qubee guddaan barreeffameera.
Paaspoortiwwan biyyootaa hedduun halluu sadi qaba: diimaa, cuquliisafi magariisa. Biyyoonni erga hundaa'anii bara dheeraa hin taane hedduun paaspoortii haluu cuqiliisaa qabu. Biyyoonni tokko tokko ammoo kan halluu diimaa qabu.
Biyyoonni paaspoortii halluu diimaa qaban kanneen sirna siyaasaa komunizimii hordofaa turan ykn jiran akka ta'etu tilmaamama.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni akka Raashiyaa, Chaayinaa, Joorjiyaa, Siwzarlaand, Laatviyaa fa'aa paaspoortii halluu diimaa qabu.
Itoophiyaan ammatti sirna komunizimii hordofuu baattus, bulchiinsi Dargii sirna siyaasaa komunizimii deeggara ture. Halluu diiman mallattoo sirni komunizimii ittiin beekamuudha.
Biyyoonni hordoftoonni amantaa Islaamaa itti hedduummatan baay'eensaanii ammoo paaspoortii halluu magariisaa qabu.
Amantaa Islaamaa keessatti halluun magarsiisni hiika guddaa akka qabutu himama. Biyyoonni paaspoortii halluu magariisaa qaban keessaa: Saawudii Arabiyaa, Biyyoonin Arabaa hedduun ammoo paaspoortii halluu magariisaa qabu.
Jijjiirama siyaasaafi haala garaa garaan biyyoonni yeroo garaa garaatti halluu paaspoortii isaanii ni jijjiiru.
UKn Gamtaa Awurooppaa keessaa erga baatee booda paaspoortiishee halluu Gamtaan Awurooppaa fayyadamu irraa kan dur fayyadamtu cuquliisatti deebifteetti.
Suura paaspoortii duriifi ammaa
Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda suurri paaspoortii irra jiraachuu akka qabuufi odeeffannoon eenyummaa nama dhuunfaa ibsu jiraachuu akka qabu Leagu of Nations tumus, hanga yeroo dhiyootti suurri paaspoortii ulaagaa wal-fakkaataa hin qabu ture.
Kolfaa, mataatti 'kofiyyaa' godhatanii, miira gammachuun ka'uun ni danda'ama ture. Gara cinaatti jallatanii mudhii qabatanii, miilla walirra kaawwatanii ka'uu waanti nama dhorku hin turre.
Ijoollee xixiqqoo harma hootu ammoo xuuxxoo afaan kaa'aniituu suura kaasanii paaspoortif itti fayyadamuun ni danda'ama ture.
Oduufi seenaa akkanaa argachuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.