Shakkamtoonni miseensa garee ajjeechaa namoota 28 duuba jiruu jedhaman akkamiin to'ataman?

"Osoo abbaan warraa taa'ee ilaaluu haadha warraa gudeedu. Osoo abbaafi haati ilaalanii ijoollee durbaa isaan biratti gudeedu," angawaa mootummaa.

Obbo Girmaa Warqinaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Noolee Kaabbaatti jiraataa ganda Guddattuu Haroo turan.

Bara 2017 guyyaa tokkotti halkan keessaa naannoo sa'aa 4:00 yemmuu ta'u shakkamaan Daani'eel Tsaggaayee jedhamufi waahillansaa gara mana Obbo Girmaa Warqinaa ol seenan.

Itti aansuunis Daani'eel, haadha warraa Obbo Girmaatiin 'Nyaata fidi' jechuun ajaje, nyaannis dhiyaatefii sooratan. Itti aansunis "mootummaaf odeeffannoo laatta waan ta'eef si ajjeesufin dhufe' jechuun Obbo Girmaa Warqinaa ajjeesa. Itti aansunis haadha warraa isaanii battalumatti ajjeesa.

Dabalataan daa'imman shan maatiin kun horatan keessaa isa hangafaas rasaasaan rukkutuun miidhaa qaamaaf saaxiluusaa Itti Gafatamaa Waajjira Nagaafi Milishaa Aanaa Noolee Kaabbaa kan ta'an Obbo Girmaa Mazgabuu BBC'tti himan.

"Daa'imman shan abbaafi haadha malee bakkeerratti hambise" jechuunis angawaan kun himu.

Noolee Kaabbaa hanga Shaggaritti

Maqaa Jaal Wasarbii jedhuun socho'aa kan ture Daani'eel Tsaggaayee fi waahillisaa shakkamaan lammafaa Addisuu Bashaa kan maqaa Jaal Kotooboo jedhuun socho'aa ture lachuu dhalattoota Godina Wallagga Lixaa Aaanaa Noolee Kaabbaatti.

Shakkamtoonni kun waahillansaanii kan amma lubbuun hinjirrefi kaan immoo kan hin to'atamne waliin waggaa torba dura ALI bara 2011 aanaa Noolee Kaabbaa keessa sochii eegaluusaanii ragaan poolisii agarsiisa.

Itti Gaafatamaa Kutaa Qorannaa Yakkaa Poolisii Aanaa Noolee Kaabbaa kan ta'an Itti aanaa Inispeektaraa Lammaa Magarsaa, "Hooggansi isaanii nama Saamu'eel Caalaa jedhamufi maqaa Jaal Imaanaa jedhamuun ofwaamaa kan turedha. Yoo xiqqaate hanga namoota torba of jalatti ijaareti kan inni socho'aa ture" jedhan.

Haaluma kanaan miseensonni garee kanaa aanaalee Godina Wallaga Lixaa shan: Haaruu, Noolee Kaabbaa, Sayyoo Noolee, Ganjii fi Hoomaa keessa naanna'anii ajjeechaa, gudeeddii fi saamicha raawwachaa turuu himaniiru.

Namoonni kun "Abbaa manaafi haadha manaa ajjeessanii daa'imni waggaa tokkofi ji'a lamaa reefa hodhaa bulte" kan jedhan Itti Gafatamaan Waajjira Nagaafi Milishaa aanichaa Obbo Girmaa Mazgabuu, shakkamtoonni kun guyyaa tokkotti abbaa warra, haadha warraa, daa'ima fi keessummaa mana ture waliigala nama afur ajjeesuusaanii himu.

Waliigalattis shakkamtoonni kun aanicha keessatti namoota 28 ajjeesuusaanii qondaalli kun himaniiru.

Kana malees haawwanfi daa'imman dubartoota umrinsaanii gaa'elaaf hingeenyerratti gudeeddii raawwachuunis yakkoota miseensonni garichaa ittiin shakkamanidha.

"Osoo abbaan warraa taa'ee ilaaluu haadha warraa gudeeduun jira. Osoo abbaafi haati ilaalanii ijoollee durbaa isaan biratti gudeeduun jira. Dabalataan osoo abbaafi haati duukaa boo'anii fuudhanii bosona geessanii ijoollee durbaa gudeedaa bulu. Kuni gandoota akka Guutee Xiiqii, Nya'aa Doggii fi Guddattuu Haroo keessa bal'inaan raawwatameera" jedhu angawaan aanichaa.

Dabaluunis "Nama butanii bosonatti galchuun hanga birrii kuma 400 fi kuma 500 kaffalchiisaa turan.

Qonnaan bulaa birrii kaffalachu hindandeenyemmoo daa'imasaa otoo inni ilaaluu biratti gudeedu. Abbaan warraa taa'ee osoo ilaaluu haadha warraa biratti gudeedu. Safuu ummata Oromoo cabsanii ummanni naannoo sana jiru sababa isaaniin mataa gadi qabate" jedhan.

Shakkamtoonni kun miseensota caasaa nageenyaafi maatii isaaniirrattis yakkoota suukkanneessaa raawwachaa akka turan kan himan Obbo Girmaan, taatee ALI bara 2016 raawwatame akka fakkeenyaatti kaasu.

"Ganda Guutee Xiiqii keessatti milishaa Caalii Taasisaa jedhamu qabanii erga ajjeessanii booda haadha warraasaammoo 'qaama nageenyaa duukaa deemte' jechuun ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwatan.

Qaama saalaashee sibiilaan wawwaraananii ajjeechaa suukkanneessaa ajjeesanii buna keessatti fannisan" jedhan.

Ijoolleen lamaan maatiin kun hortan yeroo ammaatti mana namaatti guddachaa akka jiranis qondaalichi himu.

'Guyyaa gammachuu'

Hogganaa garee yakkoota suukkanneessoon komatamu kanaa kan ta'efi maqaa Jaal Imaanaa jedhun kan of waamu Saamu'eel Caalaa bara 2016 keessa waljijjiiraa dhukaasaa qaamolee nageenyaa waliin taasifameen ajjeefamuusaa Obbo Girmaan himaniiru.

Miseensonni garichaa kunneen hafanis hanga yeroo dhiyootti gochoota olitti eeraman raawwachuu itti fufuu isaaniis kaasu.

Haa ta'u malee Daani'eel Tsaggaayeefi Addisuu Bashaa yeroo ji'a tokkoo as Godina Wallagga Lixaa gadhiisuun waraqaa eenyummaa Naasir Mahaammad Huseen fi Kadir Huseen jedhamu qabachuun Magaalaa Shaggar keessa jiraachuu eegalan.

"Maqaa jijjiiratanii achi keessa jiraachaa osoo jiranuu ummanni kanaan dura qe'ee isaaniirraa buqqa'anii baqatanii achitti galan eeruu kennaniin qabaman" jedhan Obbo Girmaan.

Shakkamtoonni lamaanis ALI Amajjii 2, 2018 Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furii keessatti kan to'ataman yemmuu ta'u, gara aanaa Noolee Kaabbaatti geeffamuun qorannoon irratti adeemsifamaa akka jiru Itti Gaafatamaa Kutaa Qorannaa Yakkaa Poolisii Aanaa Noolee Kaabbaa kan ta'an Itti aanaa Inispeektaraa Lammaa Magarsaa himaniiru.

Gara aanichaatti erga geeffamanii boodas shakkamaan Daani'el Tsaggaayee jedhamu meeshaa waraanaa kilaashii tokkofi rasaasa kaartaa sadi iddoo itti awwaalee akka baasu taasifamuunsaas himameera.

Wayita shakkamtoonni kun gara aanichaatti geeffaman jiraattonni aanichaa kumaan lakka'aman daandiitti bahuun gammachuusaanii ibsataniiru.

"Kanaan dura hawaasni bahee galuu hindanda'u, gadi bahee dallaasaa ilaallachuu hindanda'u, sangaa furdisees gurgurachuu hindanda'u. Hoolaa qali jedhu, hindaaqqoo qali jedhu, birrii haganaa fidi jedhu. Kanaaf ummanni gaafa isaan qabaman bahee gammachuusaa ibsate" jedhan Obbo Girmaan.

Gama biraatiin "namoonni kun garee lamaan barbaadamu. Qaama mootummaatiin ni barbaadamu, qaama Waraana Bilisummaa Oromoo bosona jiru ABO Shanees ni barbaada jara kana" kan jedhan qondaalichi, "Jarri kun shiftummaafi diinummaadhaani kan bosonatti galan. Faayidaa dhuunfaa yookiin garaa isaaniif jecha kan isaan ummata dararaa jiran" jedhaniiru.

Gama biraatiin waahillan shakkamtoota kanaa kan ta'an namoonni lama ammallee to'annoo jala akka hinoolle kan hime poolisiin shakkamtoonni hafan barbaadamaa jiraachuu himeera.