Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bara 2014 Itoophiyaa akkamitti dabare?
Bara 2014 ALI'tti yeroo eegaltu Itoophiyaan waraana keessa turte. Filannoon biyyaalessaa gaggeeffamee paartiin Badhaadhinaa teessoo mana mare bakka bu’ootaa harka caalu argachuun isaa yeroo itti beekame ture.
Humnoonni Tigraay ammoo magaalota akka Waldiyaa fi bakkeewwan biroo yeroo itti to’ataniidha.
Biyyattiin waraana keessa taatee filannoo gaggeeffameen paartiin Badhaadhinaa mo’atee Ministeerri Muummee Abiy Ahimad aangoo kan itti qabatan dhuma ji’a Fulbaana bara 2014 ture.
Osoo baay’ee hin turiin humnoonni Tigraay gara magoota Walloo Kibbaa fi naannoolee birootti haleellaa isaanii cimsinaan Manni Maree Ministeerotaa Onkoloolessa 23, 2014 labsii yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti labse.
Bakkeewwan humnoota Tigraayiin qaban harkaa baasuf humna ittisaa, milishaawwan naannoolee biraa biyyattii fi Fannoon waliin akka duulan ta’e.
Humnoonni Tigraay magaala Kombolchaa erga gahanii booda dubbii himaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin wal qunnamuu himan.
Minisirri Mummee Abiy Ahimad lola humnoota Tigraay waliin taasifamu ofii gaggeesuuf dirree waraanaa qaamaan deeman.
Humnoonni Tigraay Finfinnee irraa fageenya km 130 irratti kan argamtu Dabra Birhaan erga gahanii booda duubatti deebi’uun hanga Allaamaaxatti akka deebi’an godhaman.
Waraanni mootummaa bakkeewwan duraan TPLFn qabaman erga to’ateen booda loltoonni gara Tigraay akka hin seenne ajaja dabarseera jedhee beeksise.
Komishiniin walabaa hundaa’uu
UN'tti Komishiniin Mirga Namoomaa sababa waraanatiin sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaatti raawwate kan qoratu komishinii kan hundeesse baruma 2014 kana ture.
Kana hordofee mootummaan Itoophiyaa komishinii hundaa’e mormee ture. Ji’oota muraasa booda garuu komishinichi mootummaa irraa eeyyama argachuu fi Itoophiyaa keessa bakkeewwan garaa garaa deemuuf fedha akka qabu aangawoota mootummaa wajjin haasa’uu mirkaneesse.
Deeggarsi namoomaa gara Tigraay akka dhaqqabuuf jecha mootummaan Itoophiyaa waraana dhaabuu kan labse Amajjii 15, 2014 waraana dhaabuu labsuun isaa ni yaadatama.
Humnoonni Tigraayis deeggarsi namoomaa dhuguma Tigraay kan gahu yoo ta’e haa ta’u jechuun waraana dhaabutti waliif galan.
Hidhaa gaazexeessitootaafi eenyummaa irratti xiyyeeffate
Itoophiyaan waraana wal waliin kanaan wal qabatee labsii yeroo muddamaa labsiteen gaazexeessitoota hidhuushee gareen mirga gaazexeessitootaf falmu CPJ’n gabaasee ture.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee keessumaa magaala Finfinneetti hidhaan “eenyummaa bu’uureffate raawwachuun na yaaddessa,” jedhee ture.
Kanneen hidhaaf saaxilaman keessaa gaazexeessitoota EBC Afaan Tigriffaa lama, qopheessaa Ubuntu TV, qopheessaa Olaanaa Tarara Network fi Rohaa TV warra hundeessan keessaa namni tokko.
Dabalataanis gaazexeessaa viidiyoo fi kaameeraa Asooshiyeetid Pirees fi gaazexeessan FBC Waraana Bilisummaa Oromoof gabaasitan jechuun hidhamanii turan.
Magaala Finfinneetti ijoolle fi dubartoota dabalatee dhalattoota Tigraay irratti kan xiyyeeffate hidhaan gaggeeffamaa akka ture Amanastii Intarnaashinaal gabaasuun ni yaadatama.
Manni mare bakka bu’ootaa labsii yeroo muddamaa Onkoloolessa 25, 2014 ji’a jahaaf akka turuuf labsee ture Amajjii 18, 2014 akka ka’u murteesse.
Haleellaa eenyummaa irratti xiyyeeffate
Bara kana irra deebiin kan mul’ate haleellaa sabaarratti xiyyeeffateedha.
Guraandhala 24, 2014 Naannoo Beenshangul Gumuuz, Godiina Matakkal Aanaa Ayisiid keessatti humnoota nageenya mootummaa fi hirmaannaa qaamolee birootiin ajjeechan lammiilee nagaarratti raawwachuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasee ture.
Akka gabaasa KMNI kanaatti, humnoonni nageenyaa tarkaanfii fudhataniin namoota to’annaa jala oolchan kudhan dhukaasanii ajjeesanii turan.
Tarkaanfii adeemsa seeraa hin hordofne ta’uu kan ibse KMNI nama tokko jiraatti gubuu dabalatee reeffa namoota du’anii hundi qaamolee nageenyan gubatan.
Naannoo Oromiyaa Godiina Gimbiitti Caamsaa 11, 2014 haleellaa hidhattonni fudhataniin namoonni nagaan 300 akka ajjeefaman ragaan mootummaa ni ibsa.
Ittuma fufee Caamsaa 27, 2014 Godiina Qeellam Wallaggaa Hawaa Galaanitti haleellaa hidhattootaan namoonni nagaan heddu ajjeefamanii turan.
Humaan Raayitis Waatch ammoo ibsa baaseen, haleellaa Gimbiitti raawwateen lammiilen saba biraa dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu fi mootummaan haleellaa kanarraa ittisuuf eegumsa cimaa akka hin taasifne ibsee ture.
Kanaafis mootummaan hidhattoota bilisummaa Oromoo yoo ta'u isaan garuu kan hin fudhata.
Hagayya 23 hanga Hagayya 25, 2014 Godiina Horroo Guduruu Aanaa Amuruutti halleellaa qaamoleen hidhataniin lammilee nagaa sabaan Oromoo ta’an 60 ol ajjeefamanii, 70 kan ta’an madeessuun, kannee kuma 20 ol ta'an qe’eesaanii irraa buqqaafamu KMNI ibseera.
Haleellaa Godina Horroo guduruu kanaaf kan himatame hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufan 'Faannoo' ofiin jedhan ta'utu jiraattoonni himu.
Haleellaa al- Shabaab
Gareen al-Shabaab magaalota daangaa Itoophiyaa fi Somaaliyaatti haleellaa baneen Adooleessa 13, 2014 lolli cimaan gaggeeffamee ture.
Haleellaa garichaa hordofee tarkaanfii waraanni Itoophiyaa fudhateen gaggeessitoonni al - Shabaab olaanon ajjeeffamuun ibsame.
Gaggeessitoota olaanoo al-Shabaab raayyaa ittisaa Itoophiyaatin ajjeefaman keessaa Fu’aad Mohaammad Kaahilaaf tokkoodha.
Gaggeessaa al-Shabaab kana kanaan dura Ameerikaan nama argeef doolara miliyeena 5 nan kaffala jettee barbaachisaa turte.
Gaaffii naannoo ta’uu
Aanan addaa Koontaa, Godiinni Oomoo Lixaa, Godiina Beench Shakkoo, Godiina Kafaa, Godiina Daawuroo fi Godiinni Shakkaa walitti dhufuun naannoo 11ffaa kan hundeeffatan baruma kana.
Godinaalen shanii fi aanan addaa tokko walitti dhufanii naannoo mataa isaanii hundeessuf riferandamii kan gaggeessan filannoon biyyaalessaa yeroo gaggeeffame ture.
Boordin Filannoo Biyyaalessaa filannoo murtee uummataa gaggeeffame ilaalchisee Fulbaana 28, 2014 bu’aa murtii uummataa akka ibsetti namoonni miliyeena 1.3 sagalee kennuuf galmaa’anii namoonni miliyeena 1.2 sagalee murtii uummataa kennan jedhe.
Bara kana gaaffilee naannoo ta’uu ka’an keessaa kan Godinaalee Walaayittaa, Geede’oo, Gaamoo, Koonsoo, Kibba Oomoo akkasumas kan aanaalee addaa Daraashee, Baaskeettoo, Allee, Burjii, fi Amaarroo waliin naannoo ta’uuf gaaffii dhiyeessaniidha.
Godinaale fi aanaalen addaa gaaffiin isaan dhiyeessan kun mana maree isaanitiin mirkanaa’ee Mana Maree Federeeshiniitif dhiyaatee fudhatama argateera.
Marii mootummaa federaalaa fi TPLF
Waraanni mootummaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamaa ture karaa nagaa akka xumuramuuf qaamolee garaa garaan dhiibban godhamaa ture.
Kana hordofee mootummaan haal-duree tokko malee marii gochuuf eeyyamamaa ta’uu beeksisee ture.
Kanaaf ammoo namoota gama mootummaatin marii irratti hirmaatu jedhe beeksise. TPLF gama isaatin waraana mootummaa Itoophiyaa waliin godhu karaa nagaa xumuruuf marii mootummaa Keeniyaatin gaggeeffamu nan fudhadha jedhe.
Mootummaan federaalaa ammoo mariachi Gamtaa Afrikaatin yoo gaggeeffame malee hin ta’u jedhe. Humnoonni Tigraay garuu Gamtaa Afrikaarraa shakkii qabna jechuun Uhuuruu Keeniyaataa maricha akka gaggeessaniif gaafatan.
Bakka bu’oonni mootummaa maricha irratti haa hirmaataniif MM Abiy Ahmad filatan torba mariin maal irratti xiyyeeffachuu akka qabu ifa godhanii turan.
Angawaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa garuu ibsa koreen marii mootummaan dhiyeesse hordofuun, “Koreen mootummaa Abiyyiin hundaa’e yaada wal-dhahaa dhiyeessun hawaasa idil-addunyaa burjaajessaa jira, gama biraan ammoo humnoonni mootummaa haleellaa nurratti gaggeessaa jiru” jechanii turan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa irra deebiin eegaluu
Waraanni mootummaa fi humnoota Tigraay gidduutti ji’ootaf qabbanaa’ee ture irra deebin eegaleera.
Ji’oota shaniif tasgabbaa’ee kan ture waraanichi Hagayya 18, 2014 irra deebin eegalee amma Naannoo Amaaraa fi Naannoo Affaar keessatti gaggeeffamaa jira.
Humnoonni Tigraay magaala Kaaba Walloo kan taate Qobboo irratti haleellaa garaa garaa gaggeessaniin “dhumaatii uummataa hambisuuf jecha” waraanni mootummaa gadi dhiisee bahuu beeksiseera.
Humnoonni Tigraay garuu waraana mootummaan nurratti bane ofirraa qolachuun magaala Qobboo fi naannoo ishee bakkoota heddu to’achuu isaanii akkasumas haleellaa guddaa raayyan ittisa biyyyaa, naannon Amaara fi Faannon narratti banan jedhu ofirraa faccisaa akka jiru ibseera.
Kanatti aansun Lixa Tigraay, Waag Himraa fi kallattii Ertiraatin waraanni eegalee gaggeeffamaa jira.