Komii diigamuu manneen amantaa irratti mootummaan maal jedhe

Ijaarsi seeraan alaa magaalaa Shaggar keessaa diigame amantaa bu’uura godhachuun miti jedhan Itti-gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa.

Obbo Haayiluun qaamoleen biyya keessaa fi alaa dhimma diigumsa ijaarsa seeraan alaa kana dhimma siyaasaaf oolchuuf carraaqaniiru jedhan.

Hogganichi kana kan jedhan tibbana magaalaa Shaggar keessa manneen amantaa seeraan ala ijaaraman jedhaman diigamuu fi mormii ka’e hordofeeti.

Kongireensiin Federaalistii Oromoo ibsa baaseen mootummaan osoo uummata hin mariisisiin, akeekkachiisa gahaa osoo hin kenniin manneen jireenyaa namoota dhuunfaa fi manneen amantaa diiguun isaa seeraan ala jedhe.

Jimaata darbe Masjiidotni magaala Shaggar keessa jiran‚akeekkachiisa tokko malee diigaman jechuun hordoftootni amantichaa Finfinnee naannoo Markaatootti mormii dhageessisanii ture.

Kana hordofee miidhaan qaamaa poolisoota 50 ol irra gahuu fi namootni nagaa lama ajjeefamanii afur ammoo madaa’uu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Manneen diigaman kan amantaa Ortodoksi Tewaahidoo, waldaalee Pirotestaantii, Masjiidotaa fi Waaqeffannaa akka tahe himameera.

Obbo Haayiluun ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin mootummaan Naannoo Oromiyaa walqixxummaa amantaaleetti kan amanu, kan kabajuufi beekkamtii kan kennudha jedhan.

Kanas, dhimmoota naannoofi biyyaa irratti dhaabbilee amantaa waliin hojjechuun, rakkoowwan dhaabbilee amantaa keessatti uumaman karaa nagaafi qajeelfama amantaa eegeen akka furaman tumsuun, dhaabbileen amantaa bakka itti waaqeffatan akka qabaataniif lafa karaa seeraa kennuun qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan.

Haa tahu malee, Manni Maree Dhimmoota Islaamaa waa’ee diigamuu masjiidaa ilaalchisee mootummaa naannoo Oromiyaaf xalayaa barreesinee deebii hin arganne jechuun komateera.

Dhimmi ijaarsa seeraan alaa diiguu addatti Mazjiida irratti kan xiyyeeffatee fi Magaalaa Shaggar qofa keessatti hojiirra oolaa kan jiru osoo hin taanee magaalota naannichaa 600 ol ta'an keessatti karaa heeraa fi seera bu'uura godhateen gaggeeffamaa jira jedhan.

''Adeemsa seeraan alaa hordofuun seera kabachiisuu hin danda’amu''-KFO

Magaalaa Shaggar keessaa dhiyeenya manneen jireenyaa namoota dhuunfaa ‘‘ijaarsa seeraan alaati‘‘ jedhamuun kumaatamaan diigamaa jiraachuu jiraattotni magaalittii himaa turan.

Mootummaan manneen diigaman maaster pilaanii magaalaan ala, dabalataan ammoo eeyyama kan hin qabnedha jedha.

KFO’n gama isaan ibsa baaseen ‘‘diiggaan manneen jireenyaa fi dhaabbilee amantaa Magaalaa Shaggar keessatti itti fufee jiru seera qabeess kan hin taane, imaammata dogoggoraa irratti kan hundaa’e, haala yeroo ammaa kan hin hubanne, furmaata filannoo (alterative options) kan hin hammanne, bifa loogii qabuun kan raawwatamaa jiru yoo ta'u; lammiilee kuma hedduu rakkoo diinagdeefi hawaasummaaf kan saaxile gochaa seeraan alaati,‘‘ jedhe.

KFO’n diiggaa manneetii kanaan jiraattonni kumoota kudhaniin lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii mana dhabdoota ta'anii hafanii jiru jedhe.

‘‘Lakkoofsi isaanii gargar ta'us, Masjiidoonni, Manneen amantaa Kiristaanaa fi Waldoonni Pirootestaantii hedduun bifa mirgoota amantaa sarbeefii haala safuufi duudhaa hawaasaa faallesseen akka diigaman godhamaniiru.‘‘

Dabalataan hojiin manneen dhuunfaafi dhaabbilee amantaa diiguu kun yeroo jalqabamu qorannoo fi qo'annoon gahaan waan hin jirreef, manneenii dhuunfaafi dhaabbilee amantaa seeraan ijaaramaniifi seeraan ala ijaaraman adda utuu hin baasin jumlaan akka diigaman taasiseera jedhe.

Haa tahu malee BBC’n manneen amantaa seeraan ijaaramanii diigaman kan jedhu irratti ragaa argate hin qabu.

Haa tahu malee, Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa akeekkachiisaa fi odeeffannoo malee diigaman jechuun komateera.

KFO'n akka hanqinaatti kan kaase gara biraan manneen dhuunfaas tahe manneen amantaa osoo hin diigamiin dura abbootii amantaa fi abbaa qabeenyaa manichaa waliin marii barbaachisaa fi gahaa ta’e osoo hin raawwatiin gaggeeffamuu isaati.

‘‘Adeemsi isaas malaammaltummaa fi loogiidhaan kan guuttame ta'uu isaa komii jiraattotaa fi odeeffannoo dhaabbilee mirga namoomaa irraa ba’aa jiru irraa ni hubatama.‘‘

‘‘Qaamonni mootummaa kallattiifi al-kallattiin ijaarsa manneen dhuunfaafi dhaabbilee amantaa har’a akka seeraan alaatti diigamaa jiran keessatti hirmaataa osoo jiranii; qaamolee kanneen irratti tarkaanfii seeraa osoo hin fudhatamiin manneen diiguun seera qabeessummaa dahoo godhachuun dogoggora ofii dhoksuuf yaaluudha‘‘ jedhe KFO’n.

Manneetiin diigaman hedduu erga keessa jiraatamuu jalqabee kan bubbulee fi bu’uuraalee misoomaa mootummaan dhiyeessu kan akka ibsaa fi bishaaniillee kan argatan akka tahe namootni manni jalaa diigame himaa turan.

Mootummaan ammoo saamicha lafaa seeraan ala gaggeeffamaa jiru waan taheef tarkaanfii fudhachaan jira jedhe.

KFO’n mootummaan qaawwa seeraa mudatee jiru cufuuf hawaasaa fi dhaabbilee amantaa Waliin mari’achuun rakkoo kana hiikuu qaba jedhe.

Dabalataan mormii naannoo Masjiida Anuwaar Markaatoo jirutti mudatee lubbuu namaa galaafate qaamni walabaa akka qoratu gaafateera.