Manneen seeraan ala jedhaman kam fa’i? Mirgi jiraattotaa hoo hanga maaliitti?

Magaalaa Shaggar dhiheenya hundeeffame keessatti manneen 'seeraan ala‘ jedhaman diiguun kan itti fufe yoo ta’u, jiraattoonnis haala hin malleen manni jalaa diigamuu himatu.

Naannoolee Magaalaa Shagar jalatti argaman kan akka Sabbataa, Buraayyuu, Laga Xaafoo, Laga Daadhii, Suluultaa, Galaaniifi kaanitti kanneen mannisaanii jalaa diigame, osoo akeekkachiis duraa tokkoo hin kennamneefi loogiidhaan manneen seera qabeessa ta’an dabalatee akka jalaa diigame BBCtti himan.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman kan akka Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa fa’is adeemsi manneen diiguu kan adda baasuu sirriin hin taasifamne, akeekkachisi duraa gahaan kan hin kennamneefi loogii qabaachuu gabaasaa isaatiin kaasee ture.

Adeemsi jiraattoota kaasuu keessattis humni humnootiin nageenyaa fayyadaman kan hin gitne ta'uufi kanaanis lubbuun namaa darbuu, akkasumas muddama namoota mannisaanii akka hin diigamnee gaafataaniifi humnoota nageenyaa gidduutti mudateen jiraatoonni rakkachuu, hidhaafi miidhaa qora-qalbiitiif saaxilamuu ibsan.

BBCn aanga’oota Magaalaa Shaggar dubbisuuf yaaliin guyyootaaf taasise hin milkoofneef.

Haata’u malee, manneen 'seeraan ala‘ jedhaman diiguun bal’inaan kan itti fufe ta’u aanga’onni miidiyaalee biyya keessatti dubbataniiru.

Haaluma kanaanis ragaa aanga‘oonni manneen diigamaa jiran kanneen ilaalchisuun kennaniin, adeemsii manneen diiguu kun kanneen kaartaa qilleensaarraa dabalatee ragaa abbummaa seeraa hin qabne, kanneen qabeenyaa qonnaan bulaatiin ala ta’aniifi keessattuu haala murtee kanneen ALI bara 2005 booda ijaaraman hundi akka diigamaniif darbeetiin jedhan.

Jiraattooni manni jalaa diigameefi BBC dubbise garuu kaartaa qilleensarraa dabalatee sanada seeraa tajaajiilaaf itti kanfalaniif raggaa ittiin bitan kan qaban ta’u dubbatu.

''Kan diigame shiftaan osoo ta’ee hin gadduun ture''

Jiraataan waggoota 15 darbaniif Laga Daadhii Laga Xaafoo jiraachuu dubbataniif nageenya isaaniif jecha maqaansaanii akka dhokfamuuf BBC gaafatan tokko, “akeekkachisa duraa tokko malee seeraan alaan manni koo najalaa diigameera‘‘ jedhan.

Ammatti naannichatti diiguun manneenii cimaan gaggeeffamaa jiraachuufi kanaanis namoonni hedduun mana jireenyaa malee hafuu dubbatan.

ALI bara 2000 looltoota dhalatootta naannichaatiif beenyaa dhiigaa jedhamuun lafti kaaree meetira 500 kennamuuf kan kaasan jiraataan kun, yeroo sanatti loltoonni lafa yoo gurgurataniitti kan karaa seeraatiin irraa bite hunda jalaa manni diigameera jedhu.

“Loltoonni amma yoo jiraatan jalaa hin diigamu. Kan isaan irraa bitan jalaa garuu ni diigama‘‘ jedhan.

Namni kun garuu waggootaan dura qonnaan bulaa iraa bituun kan ijaaran jalaa diigameera jedhan.

Abbaa ijoollee lamaa kan ta’an jiraataan kun, dhorkaa baasuuf gara mana murtiitti imalanilleen, lafaafi menneen ilaalchisee galmeen omtu akka hinsaaqamneefi iyyanni akka hin fudhatamne itti himamuu kaasu.

Kana ilaalchisuun kan BBCn gaafate Manni-Murtii Waliigala Oromiyaa garuu dhimma kana “ilaalchisee odeeffannoo omaatu hin qabu,’‘ jedheera.

Jiraattoonni “manneen yoo diigaman akeekkachiisni duraa nuuf hin kennamne. Erga manneen diigamanii booda qorqorroo ni fudhatu,"‘ jedhu.

Jiraataan naannoo marsaaa 44ti jedhan ammoo, deeggarsa Oromoota naannoo Somaaleetii buqqaafaman dabalatee sochiilee misooma naannoo keessatti hirmaataa akka turan dubbatu.

“Kun kan raawwatame osoo shiftaa ykn diinaan ta’ee hin gadduun ture. Mootummaa kootiin ta’uu baayyeen gadda," jedhen.

Jiraataan naannoo kanaa maqaasaanii nageenyaaf jecha hin eerres, duula amma gaggeeffamaa jiruun hedduun mana malee hafaniiru jedhu.

“Nammeen hedduutu diigame. Diigamuuf kan adda baafamanis jiru. Kaartaaleen qabu. Kan hin qabnes diigamaa jiru. Mi’asaanii baafachuu dadhabanii mana diigamee irratti sharaa uwwiisuun kan dahatanis dirqamaan baasaa jiru," jedhan.

Jiraataan ofiisaaniin bara 2000tti sanada seeraa qabu bitaniifi kaartaa qilleensarraa akka qaban kan ibsan jiraataan, tajaajilawwan akka ibsaa, bishaaniifi kaaniif kaffaltii raawwatanii tajaajila argachuuf eeggataa osoo jiranuu mannisaanii diigamuu himu.

Jiraataan kun akka jedhaniitti, haal-dure tokko malee ganama keessaa sa’aatii 1:30 akka tasaa diigamee jedhu.

“Haati-warraakoo reefuu deesse. Yeroonsaas sooma. Kiraan manaa baayyee ulfaataadha. Jireenya burjaajii keessa seenne,‘‘ jechuun dubbatu.

“Akkan waan biyya keessa hin jirreetti natti dhagahame. Haati-warraa koo biyya Arabaatti hojjattee maallaqa walitti qabatteefi anis kanan waggootaaf dafqee argadheen ijaarrannee. Garuu daqiiqaa muraasa keessatti barbadeessan. Osoo gurguramee miiliyoona afur baasa ture," jedha.

Xinxallli Komishinii mirga namoomaa maala adda baase?

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa dhimma kanarratti Bitooteessa 29, 2023 baaseen, naannoolee manneen diigamaniitti, dowwannaa dirree taasisuu ibsuun, qabxiilee adda baaseera jedhe ifa taasise Isaan keessayis:

  • Adeemsi mana diiguu kann adda hin baafamneefi akeekkachisa duraa gahaa malee
  • Tarkaanfiichi kann loogii qabuudha.
  • Manneen ALI bara 2005 dura ijaaraman gama ilaallatuun, haala labsii lafa magaalaa liiziidhaan qabachu ilalaallatuun gara ijaarsa idileetti akka naanna’aniif manneen ulaagaa guutan illeen diigamaniiru.
  • Manneen akka diigaman taasifaman keessaa kann kaartaa idilee, kaartaa qilleensarraa fi dabtara magariisa qaban akkasumas manneen akka hin diigamneef dhorkaa mana murtii qaban hundi diigamaniiru.
  • Adeemsicha keessatti humnoota nageenyaa humni wal hin ginnee fayyadamaniiru.

Manni seeraan ala jedhamu kan akkamiiti? Mirgi jiraattotaa ammoo hanga maaliitti?

Ogeessi seeraa Taammiraat Kidaanemaariyaam akka jedhutti ALI Adoolessa 19 bara 1967 erga labsiin bahee booda bakkaafi lafti magaalaa kan mootummaadha.

Akka seera kanaatti manni seera qabeenna miti jedhamu osoo mootummaan hin kenniin lafa akkasumaan qabatamerratti ijaaramedha. Kun maqaan baramaan ittiin waamamu ‘manneen Caraqaa’ jedhama.

Mootummaanis maneen akkasiirratti yeroodhuma sana battalumaan tarkaanfii irratti fudhachuuf aangoo ni qaba.

Haata’u malee, mootummaan osoo tarkaanfii hin fudhatiin turee manichi mootummaatiin galmaa’ee gibirri itti kaffalamaa kan ture taanaan gariin seera kan guute, gariin ammo seera kan hin guutiin (makaa) akka jedhamu ogeessi seeraa kun ni ibsa.

Isaan boodas ibsaafi bishaan yeroo galuuf, sararri bilbilaa yeroo galuuf, akkasumas adeemsaseera qabeessa keessatti kaartaan yeroo kennamutti mana seera qabeessa ta’a.

Osoo kaartaan hojjetamaa jiruu (lakkoofsa Kaadaastaraa) kan kennameef garuu ammoo mirkaneessituun abbummaa kan hin kennamneef gariin osoo hin taane seera-qabeessummaadhaaf waan hedduu mana guttate jedhama.

Akkas taanaan kan mootummaan diiguudhaaf aangoo irratti qabu mana akkamiiti?

Obbo Taammiraat akka jedhanitti, mootummaan seeraan ala jedhee diiguu kan danda’u osoo mootummaan hin ramadiin ykn hin kenniin lafa akkasumaan qabataman irratti maneen ijaaraman ta’ee kanneen baayyee hin turreefi adeemsa seeraa keessa warra hin galiinidha.

Mootummaan erga turee booda akka tasaadhuma ka’ee maneen diiguufi bahaa jechuun bu’uura seeraa akka hin qabne ibsa Obbo Taammiraati.

“Kan waan tokkoyyu hin guutne, gandis kan hin galmeessiin, kaartaas kan hin qabne, mana haaraa lakkoofsi manaa hin kennamneef taanaaniyyu diiguudhaaf adeemsa seeraa mataasaa qaba,” jedha ogeessi kun.

Kan jalqabaa abbootiin mana sanaa akka ofii isaaniitiin diiganiif yeroo kennuufiifidha.

Yeroo kennameefiif keessatti diiguu hin dandeenye taanaan baasii mootummaatiin akka diigamu taasifama. Wanti diigames mootummaa bira taa’a. Wanti diigame mootummaa bira taa’us garuu abbaan qabeenyummaa isaa ammallee kanuma warra manaa sanaati.

Kanaaf, baasii manicha diiguudhaaf bahe kaffalee qabeenya isaa fudhachuu ni danda’a jechuudha.

“diiggaa manaa amma jiru kanaan, seer ani guuta kan jedhame dabalatee diiguufi kan diigames fudhachuu hin dandeessan jedhanii dhowwachuun bal’inaan mullachaa jira,” kan jedhu ogeessi seeraa kun, “kun dogoggora guddaafi sarbama namoomaadha,” jechuun abaara.

Manneen sanadawwan seeraa qaban hoo?

Akka Obbo Taammiraat jedhanitti, maneen sanadawwan seeraa qaban diiguudhaaf lafa biraa bakka bu’u qopheessuun dirqama akka ta’e seerri ni ajaja.

“Manneen sanada seera qabeessa ta’e qaban mootummaan galmeesseera. Galmeessuu isaatiif mootummaan itti gaafatamummaa isaa fudhachuu qaba.

Manichi seera qabeessa kan hin taanedha taanaan jalqabumayyu diigsisuufi dhaabsisuun osoo irra jiruu seera qabeessa taasisee galmeessee erga tureen booda akkasumaan lafaa ka’ee diiguun isaa sirrii miti,” jedha Obbo Taammiraat.

Kana waan ta’eef, maneen akkasii kara seera qabeessummaatti deebisuu ta’uu baannaan beenyaan kennamee ykn ammoo maneen mootummaa kan akka kondomiiniyeemiin kennamee keessumsiifamuu akka qaban ibsa.

Kana ta’uu baannaan hoo?

Ogeessi seeraa kun akka jedhutti, warri miidhaan irra gahe dursa akeekkachiifni kennamnaaniif dursanii mana-murtiitti himatanii akka hin diigamne dhorkisiisanii falmuu ni danda’u.

“Amma halkaniifi akka tasaa deemanii kan diiganiif miidhamtoonni mirga isaanii akka hin fayyadamne gochuuf fakkaata,” kan jedhu ogeessi seeraa kun akkas gochuun ammoo “gidirsaa, sirrii kan hin taane, mirga namoomaa kan faallessu, dhala namaarraa kan hin eegamneefi gocha seeraan alaati,” jechuun balaaleffate.

Ta’us garuu warrii tarkaanfii akkasiin miidhaan irra gahe ammallee mirga furmaata eeggachuu akka qaban eera ogeessi seeraa kun.

Karaa dhaabbata Abba-gaarii, Komishinii Mirgoota Namoomaa, akkasumas dhaabbilee paarlaamaatiin hundaa’anitiin dhimmi isaanii akka qulqullaa’uuf mirga eeggachuu qabu.

Akkas ta’ees furmaata hin arganne taanaan filannoo seeraa akka jiruufi hanga manni-murtii mirgoota namoomaatti dhimmicha geessuu akka danda’amu ogeessi kun ni gorsu.

“Kun mootummaafi biyya kan himachiisu ta’a,” kan jedhu ogeessi seeraa kun osoo kanarra hin ga’iin qaamni dhimmi ilaallatu sirreessuu akka qabu akeekkachiise.