Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababoonni bu'uuraa rakkoo Bataskaana Ortodoksii duuba jiran maali?
Manni Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa jaarmiyaan amantii hordoftoota miiliyoona hedduu qabdu, darbees dhimma hawaasummaafi siyaasaa biyyattiirratti dhiibbaa guddaa uumtudha.
Manni Kiristaanaa kuni bu’aa hedduu keessa dabarte. Yeroo tokko siyaasa biyyattiirratti dhiibbaa guddaa kan qabaachaa turte manni amantii kuni garuu yeroo ammaa qoodi ishee laaffataa dhufeera.
Haalli siyaasaa biyyattii keessatti mudatan qooda ishee jijjiiraa jiru. Waggaa kana keessammoo gama lamaan gaaffiin irratti dhihaatee ture.
Inni tokko deebii argatuun isaa yoo ibsamu kan lammaffaa ammallee furmaata hin argatiin jira.
Pirofeesar Teerii Osteboo, Wiirtuu Qorannoo Afrikaafi Amantii Yunivarsitii Filoridaa argamu keessa qorannoo gaggeessu. Amantaa Itoophiyaa keessa jiran waggoota dheeraaf qoratan.
Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti waldhabdeen amma mul’atu kana dura mudatuu dhabuun isaa ‘’waan ajaa’ibu,’’ jechuun ibsu.
Sababi isaan kaasan waaggoota 30 darba siyaasi Itoophiyaa kan sabarratti hundaa’e ta’uu isaati. Kunimmoo akka isaan jedhanitti amantiiwwan ijoo biyyattii keessa jiran irratti dhiibbaa uumeera.
Dr Takkaaliny Naggaa, yeroo ammaa Yunivarsitii Finfinneefi Mana Barnootaa Afuuraa Itoophiyaa keessatti barsiisu.
Hayyuu digirii sadaffaa isaanii dhimma amantii irratti dalagan kanaaf Mana Kiristaanattii irraa adda bahuun waan haaraa miti.
Yeroo weerara Xaaliyaanii paatiriyaarkiin Masriirraa muudaman ka’anii bakka isaanii Itoophiyaa irraa akka muudaman taasifamuu dubbatu. Kuni kan ta’e beekamtii Koptikii Masriin aladha.
Ertiraan walabummaa yoo gonfattuufi Qul. Sinodoosii haaraa yoo hundeessitu Sinodoosii kana dura keessa turterraa beekamtii dhabuun ‘’rakkoo guddaa uumee ture,’’ jechuun himu.
Bara Mootii H/Sillaasees ta’e bara bulchiinsi Dargii aangootti bahe muudamoonni beekamtii hin arganne taasifamuu isaanii dubbatu.
Oromiyaafi Tigraayitti
ALI Amajjii 14, 2015 ‘’Sinodoosii Oromiyaafi Sabaaf Sablammootaa’’ jedhu hundeessuu ibsamee ture.
Phaaphaasonni duree sadii kana dura Mana Kiristaanaan muudaman Qul. Sinodoosii Mana Kiristaanichaa ‘’hunda-galeessa’’ miti jechuun komii ibsanii Ephis Qophosoota haaraa muuduu beeksisan.
Rakkoon muuddama jabaa uume jaarsummaa Ministira Muummee Abiy Ahimadin gaaffiiwwan dhihaatan seeraafi danbii Mana Kiristaanaan deebii akka argatan waliigalteerra gahamee furmaata argate.
Gama kaaniin waraana waggaa lamaan dhiiga dhangalaaseefi Tigraayitti taasifame qaamni olaanaa Mana Kiristaanichaa, Qul. Sinodoosii, mootummaa federaalaa maallaqaafi kaaniin tumsaa ture jechuun dureewwan Naannoo Tigraay qeeqa dhiheessan.
Naannoo Tigraayitti manneen amantaafi hordoftoonni yoo miidhaman Manni Kiristaanaa callisteetti jechuun himatan.
ALI Adoolessa 16, 2015 qaami bulchiinsaa haaraa dureewwan naannichaa hundeessaniifi Manni Kiristaanaa beekamtii dhowwuu himte, ‘’Manbara Salaamaa Kasaate Birahaan’’, Ephis Qophosoota jaha Aksumitti muuduu beeksise.
Gaaffiiwwan naannoolee lamaanitti ka’an ‘barsiifata amantaarraa kan madde’ osoo hin taane ‘bulchiinsa waliin kan wal qabatu’ akka ta’e Dr Takkaaliny himu.
Dhimma kana itti dhiheenyaan hordofaa akka jiran kan himan Siwidiinitti tajaajilaa Bataskaana lammiilee Ertiraa kan ta’an Qees Yoonaas gama isaaniin maddi waldhibdee kanaa ‘kan hidda fageeffate’ jechuun ibsu.
Akka luba kanaatti rakkoon Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qunname kan bubbuleefi bu’aa himamsa seenaallee dabalata.
Dabaluunis, erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahanii booda dureewwan amantii ala turan deebi’uu isaanii qaamoleen mormaa turan rakkoo yeroo waraanaa mudatan jedhan waliin ida’amee rakkoon akka as bahu taasise jechuun ibsu.
Dhiibbaan siyaasaallee akka jiru ibsuun ‘’dhuguma Afaan Amaaraa Itoophiyaa keessatti olaantummaan tureera,’’ jechuun ibsu.
Kitaabonni amantii Afaan Gi’iziin barraa’an gara Afaan Amaaraa, Afaan Oromoofi Afaan Tigree hiikamuu isaanii eeruun ‘’sababa afaaniin bataskaana adda baatu miti.
‘’Afaan sababa ijoo waldhibdee ta’e natti hin mul’atu,’’ jechuun yaada isaanii ibsu.
Rakkoo Tigraay keessa mudateef ‘namoonni hedduu’ qaamolee lama sababa jedhanii akka amanan Dr Takkaaliny kaasu.
Inni jalqabaa ‘’dhiibbaa siyaasi sabarratti hundaa’e qabudha jedhu. Kaan immoo sochii dhoksaa tahaaddisoo (Manni Kiristaanattii) barsiifata pirotestaantiidhaan akka of jijjiirtu fedhanidha,’’ jechuun ibsu.
Dhimmicha irratti dureewwan Tigraay irratti mormiin dhagahamuu dhabuu eeruun dureewwan amantaa ‘hubamaniiru’ kan jedhurraa eegalee ‘osoo hin hubamiin hirmaatani’ jedhanii kan amanan jiru jechuun kaasu.
Kan deeggaran immoo Sinodoosii aadaa, seenaafi afaaniin hariiroo hin qabne darbes ‘’bakkee biraa dhufe jalatti buluun sirrii miti,’’ jechuun kan bira dhaabbatan akka jiran himu.
Waraana Kaaba Itoophiyaa tureen walqabatee ‘’dureewwan amantaa waan hin eegamneen hanga duguuggaan sanyiif kakaasaa turan komiin jedhus jira. Kuni hammi komii akkam akka hidda fageeffate mul’isa,’’ jedhu.
Dhimmi Tigraay kan Oromiyaa irraa kan adda bahu ‘namoonni hedduu ofiin miseensa hawaasa Tigraay godhanii lakkaa’an’ balaaleeffachuu isaanii akka ta’e Dr Takkaallinya eeru.
‘’Gama Oromiyaa garuu qaamoleen gama lamaanuu dhaabatan turani,’’ jedhani.
Mootummaan Naannoo Tigraay gidduu hin seenu jechuun isaa ‘’afaan dippilomasiitiin waan gochuuf deeman akka hin goone dhorkaa homaatu hin goone kan jedhudha,’’ jechuun ibsu.
Mootummaan federaalaa dhimmicharratti gidduu akka seenu Qul. Sinodoosiin yeroo gaafatamu callisuun isaa tokko tokko ‘haalicha waan jibbu miti akka jedhan taasiseera,’ jedhu.
Bataskaana Qul. Maaramii Dabra Tsiyoon Awustiraaliyaa argamuti bulchaa kan turan Abbaa SaraqaBirahaan W/Saamu’el erga Finfinnee gahaan booda gara Maqaleetti imaluu dhorkamuu ibsanii turan.
Kunimmoo, ‘’adeemsa adda bahuu [dureewwan Tigraay] deeggareera [mootummaan] jedhanii dubbachuuf kan rakkisu godha,’’ jechuun Dr Takkaaliny ni ibsu.
Amantiifi siyaasa
Akka yaada Luba Yonaas yoo ta’e, sababi ijoo Mana Kiristaanaa raasaa jiru daangaan amantaafi siyaasaa sirriitti eegamuu dhabuudha.
‘’Kanatu Mana Kiristaanattii jeeqaafi raasaa kan jiru,’’ jechuun ibsu.
Wiirtuu Qorannoo Afrikaafi Amantiiwwan Yunivarsitii Filoriidaa argamutti kan qoratan Pirofeesar Teeri Osteebon yaada kanaan waliigalu.
Lubi Yonaas yeroo waraanaa ejjennoon Manni Kiristaanaa qabatte siyaasi isaa akka caalsisu ibsuun mootummaan gama garagaraan harka seensisuun isaa rakkoo uumameef sababa akka ta’e kaasu.
Seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaafi Manni Kiristaanaa waan walitti fidu mul’ataa akka ture ibsuun ‘Badhaadhinni [paartii biyya bulchu] yoo dhufu rakkinichi kan itti fufe’ ta’e mul’ateera jedhu.
Pirofeesar Teerii MM Abiy erga gara aangootti dhufan booda dhimmi amantii ajandaa marii ta’uu kaasu.
Kanarra darbees ‘’ergaan ayyaana amantaa tokko tokkorratti dabarsaniifi dubbii erga taasisan booda ‘Uumaan Itoophiyaa haa eebbisu’ jechuun isaanii ADWUI kan amantaa waliin dhibdee qabu fakkaaturraa addadha,’’ jechuun ibsu.
Kuni manneen amantaaf ofitti amanamummaa dabaluurra kan darbe ‘’qaamoleen amantaa tokko tokko waa’ee siyaasaa akka dubbatan waan godhe natti fakkaata,’’ jechuun dubbatu.
Dureewwan Naannoo Oromiyaa sochii yeroo taasisan ifattis ta’u baatu mootummaan Phaaphaasotaaf gaaddisa kennuu isaa ibsuun kuni deeggaruu isaa mul’isa jechuun yaada kennu.
Qorataan kuni xiyyeeffannoon ijoo siyaasa Itoophiyaa saba ta’u eeruun ‘’sabiifi amantiin wal deeggaruu danda’anis akkatti waldarbuu qabanis waan jiruuf haala walxaxaa uumeera,’’ jedhu.
Abdiifi yaaddoo
Barsiisaan amantii Dr Takkaaliny dhimmichi garamitti qajeela kan jedhu ilaaluun dura wantoota sammuutti qabachuun barbaachisu akka jiru eeru.
Keessumaa dhimma dureewwan Tigraay irratti waan ta’uf deemu, fedhii hawaasi naannichaa dhimmichaaf qabu dabalatee ilaalcha keessa seenuu qaba jedhu.
Mootummaan federaalaas kana dura MM Abiy‚ ‘’muddamni akka itti fufuufis ta’e dhaabsisuu keessatti gahee olaanaa bahaniiru.
''Sababa kanaaf mootummaan giddugaleessaa haala kamiin dhimma kana faana bu’a kan jedhu waan guddaadha,’’ jedhu.
Deeggarsi manneen Kiristaanaa Masrii, Raashiyaafi Sooriyaa jiran kennanis bakka guddaa kan kennamuufidha jechuun ibsu.
Qorataan kuni Qul. Sinodoosii dhimmoonni dhiifama itti gaafate jira. Kanaan walqabatees namoonni tokko tokko ‘’eenyu kan hin balleessine jira’’ jechaa jiraachuu eeruun dhimmichi hammaachuu akka malu yaaddoo ibsu.
Dabalataan, sadarkaa namoota dhuunfaan dhiifama akka gaafatan carraan osoo uumame tarii muddama tasgabbeessuuf gahee guddaa gumaatuu akka malu ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti fedhiifi dhiibbaan mootummaa naannoofi federaalaa guddaa ta’us ibsu.
Muddamni mudate jabaa ta’u kan kaasan Lubi Yonaas ‘’Manni Kiristaanaa waan ta’u hin qabne… sababootni balaa diddiigamuuf akka saaxilamte agarsiisu mul’ataa jiraachuun hin shakkisiisu,’’ jedhu.
Dabalanis, namoonni siyaasaa waraana hoogganan ta’anii yeroo mari’atan ‘’abbootiin Mana Kiristaanaa fakkeenya araaraafi hooggansaa ta’u qaban walirraa fagaachuun isaanii sirrii ta’e natti hin mul’atu,’’ jechuun yaaddoo ibsu.
Dr Takkaaliny biyyoonni sabaafi sablammoota danuu qaban aadaa, afaaniifi amantiin akka walitti isaan hidhu kaasu.
Halli amma jiru ‘’riqichoonni hawaasummaa Itoophiyaa keessa jiran suuta suuta caccabaa akka jiran agarsiistuudha.’’
Amantiin ala qaamoleen hunduu siyaasa keessa jiran gara gidduu dhufanii mari’achuu qabu yaada jedhu qabu Pirofeesar Teerii Osteeboon immoo.
‘’Amantiifi sabni Itoophiyaa keessatti agarsiistuu eenyummaafi walitti dhufeenya ta’anii walitti hidhamaniiru. Sababa kanaaf hunduma irratti xiyyeeffachuu qabna natti fakkaata,’’ jedhan.
Quba walitti qabuun dhimmicha akka hammeessuu danda’u kan ibsan Dr Takkaaliny, mariin akka jiraatu qabus eeru.
‘’Ejjennoon Qulqulluu Sinodoosii qabatuufi obsi agarsiisu gahee ni qabaata,’’ jechuun yaada isaanii ibsu.
Mootummaan dhimma amantii irratti gidduu hin seenu jedhamuus, wantoonni amantii waliin walqabatanii dhufan guddaa akka ta’u malan dubbatu.
Sababa kanaaf, mootummaan gidduu dhaabatee lamaanuu gara mariitti fiduuf itti gaafatama olaanaa qaba jechuun himan.
‘’Manni Kiristaanaa mallattoo jaalalaafi nagaa ta’u waan qabduuf, keessumaa Sinodoosiin yeroo waraanaa ejjennoo qabate garaa guutuun irra deddeebiin dhiifama gaafachuu qaba.
‘’Beenyaa gahaas kanfaluu qaba. Dureewwan amantaa yeroo waraanaa waan hin eegamne dubbachaa jibbaafi waraana hammeessaa turan irratti adabuu qaba,’’ kan jedhan immoo Luba Yoonaasidha.
‘’Badiin ummataafi Mana Kiristaanaa irratti dhaqqabe guddaas ta’u gama dureewwan amantaa Tigraayiinis akkuma Kiristoos dhiiga isaan dhiifama akka nuuf godhe dhiifama gochuu qabna.
‘’Gara araaraafi nagaa dhufuu qabu,’’ jechuun gorsu.