Filannoo fi muudama Ephis Qophosootaa Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa qoraa jiran

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf biyyattii goolaa ture booda rakkoolee jajjaboo biyyattii qoraa jiran keessaa tokko raafama mana amantii Ortodoksii keessatti mudatedha.

Dureewwan fi hordoftoonni amantii Ortodoksii Naannoo Tigraay tibba waraanaa sana addatti of baasanii komii dhageessisaa yoona gahan.

'Muudamni' Ephis Qophoosotaaf tasa Oromiyaa keessatti kenname jedhame ammoo rakkoo biraa dhale.

Abbootiin amantaa Tigraayitti argaman bataskaanattiin waraanicha balaaleffachuu dhabuu, akkasumas lubootaafi hordoftoota amantichaaf eegumsa gochuu dhabuu eeruun ceepha'aa turan.

Kanarraa ka'uun Amajjii bara darbee abbootiin amantaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Naannoo Tigraay jiran kan akka Itoophiyaatti jirurraa adda bahuun kutaa lallabaa kan mataasaanii akka hundeeffatan ibsanii turan.

Manni amantii Ortodoksii Itoophiyaa wayita waraanni gaggeeffamaa turetti mootummaa federaalaa cinaa hiriirteetti jechuun himatan abbootiin amantii naannoo Tigraayitti argaman.

Haata'u malee, Paatriyaarkiin bataskaanattii Abuuna Maatiyaas yeroo garagaaraatti miidhaa waraanichi qaqqabsiise eeruun nagaan akka bu'u waamicha dhiheessaa turan.

Isaaniis waa'ee waraanichaa akkaataa irraa eegamuun dubbachuuf haala isaaniif eeyyamu keessa akka hin turre dubbatanii turan.

Gaaffii hammatamuu

Itoophiyaa keessa hordoftoota hedduu kan qabdu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa, qormaata bara kana ishee mudatan keessaa tokko, 'muudama' Ephis Qophoosota 26 naannoo Oromiyaa, Kibba-lixa Shawaatti ALI Amajjii 14, 2015 gaggeeffamedha.

Muudama beekamtii bataskaanittiin ala raawwate kana kan dursan Abuuna Saawiroos, bataskaanni kun hordoftoonni amantichaa afaan isaaniin akka sirna kadhannaa raawwatan gochuu hin dandeenye jechuun himatanii gaaffii hammatamuu kaasanii turan.

Kana hordofee Qulqulluun Sinodosii yaa'ii ariifachiisaa gaggeesseen muudamni gaggeeffame faallaa amantii, qanoonaa fi bulchiinsa mana amantittiiti jechuun, abbootii muudama kennan fi fudhatan jedhaman dhiifama gaafatanii hanga deebi'anitti aangoo isaanii gonofee ture.

Sababa kanaan walqoollifannaa bakkeewwan garaagaraatti mudaterraa ka'uun jeequmsa dhalate tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhataniin namoonni rasaasaa fi reebichaan ajjeefamuu akkasumas hedduun hidhamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsee ture.

Rakkoon mana amantiittii mudate kun jaarsummaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin durfamuun furamee, abbootiin amantii dhiifamaan akka deebi'an taasifamee, gaaffiin dhihaates akkaataa seera ittiin bulmaataa bataskaanattiin deebii akka argatu waliigalamee ture.

Dhiifama bataskaanaa

Itti aansee xiyyeeffannaa bataskaanattii kan ture hariiroo abbootii amantii Naannoo Tigraay waliin adda citee ture deebisuudha.

Kanaaf tarkaanfiin jalqabaa hordoftootaa fi abbootii amantichaa dhiifama gaafachuudha.

Qulqulluun sinoodosii wayita waraanni Tigraay gaggeeffamaa ture bataskaanattiin ''waraanni akka dhaabbatu gaafachuun ibsa baasuu dhabuu, amantoota, abbootii amantii fi uummata hubachuu fi jajjabeessuu dhabuudhaan mufannaa fi waldhibdee uumameef,'' dhiifama gaafateera.

Dhiifama bataskaanattii booda jilli paatiriyaarkichaan durfamu abbootii amantii fi qondaaltota naannoo Tigraay waliin walarguuf garas imalanis kan isaan yaadan hin milkoofne.

Abbootiin amantii naannoo Tigraay kunneen sirna kamirrattuu jila kana waliin osoo wal hin argin hafuu fi jilli kun wayita gara bataskaana naannichaa deemu cufaa ta'uusaan paatiriyaarkiin balbala irratti deebi'an.

Kun kan agarsiisu gaaffiin dhiifamaa qaama olaanaa bataskaanichaa kan ta'e Qulqulluu Sinodoosiin dhihaate abbootii Tigraay biratti fudhatama dhabuudha.

Dureewwan amantichaa Naannoo Tigraay jiran caasaa bulchiinsaa 'Mambara Salaamaa Kasaate Birihaan' jedhamu hundeessuu ibsaniiru.

Miseensa hojii raawwachiiftuu qaama bulchiinsa kanaa kan ta'an dureen amantii tokko ''jalqabbiin kun gaarii ta'us garuu kan barfatee fi ga'aa kan hin taanedha,'' jechuun BBC'tti himan.

Muudama Ephis Qophoosotaa

Muudama Ephis Qophoosota 26 seeraa fi adeemsa bataskaanattiin ala raawwatame jedhameen walqabatee Qulqulluun Sinoodosii baatii Caamsaa keessa walga'ii yeroo dheeraaf ture gaggeessee ture.

Haala kanaan Ephis Qophoosota sagal filachuun ALI Adoolessa 09, 2015 akka muudu beellama qabate.

Jilli Abuuna Maatiyaasiin durfamu ALI Adoolessa 09, 2015 Tigraay ga'ee erga deebi'ee booda, abbootiin naannichaa ammoo guyyaama sana Ephis Qophoosota mataasaanii filachuuf akka murteessan ibsan.

Jilli Qulqulluu Sinoodosii komii ture hiikuuf socho'aa ture, abbootii fi barsiisonni amantii naannoo Tigraay ''carraa nagaa fi mariin rakkoo hiikuuf argame fayyadamuu diduun caaseffama mana amantichaa sarbaniiru,'' jechuun ibse.

Mootummaan federaalaa fi mootummaan yeroo Tigraay gocha kana akka dhaabsisan gaafateera jilli kun.

Filannoon gaggeeffamu kun ''seera bataskaanaa kan hin kabajne, giddugaleessummaa bataskaanaa kan sarbu fi tokkummaa mana amantittii kan hubuudha,'' jechuun adeemsa kanarra dhorkaa kaa'aniiru.

Komii fi rakkoo jiru mariidhaan hiikuudhaaf waamicha kan dhiheesse Qulqulluun Sinoodosii, ''nageenyaan kan beekamtu bataskaanni kun nagaa barbaaduunshee kan adda hin citne ta'us, milkaa'uu dhabuunshee gaddisiisaa dha,'' jedhee ture.

Tattaaffiin nagaaf taasisu yoomuu akka adda hin citnes ibse.

Finfinnee fi Aksum

Muudama kanaan duraan walqabatee rakkoo mudate ilaalchisee Qulqulluun Sinoodosii tarkaanfii fudhatee fi filannoo gaggeesseen Ephis Qophoosoti sagal filatamanii turan muudamaniiru.

Muudamni kun Dilbata ALI Adoolessa 09, 2015 Mambara Paatiriyaarkii Gadaamii Qulqulluu Maariyaam Finfinneetti argamutti raawwatame.

Sagantaa kanas Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaasitu gaggeesse.

Ephis Qophoosonni muudaman kunneen kutaalee lallabaa naannolee Oromiyaa fi kibba biyyattiitti kan ramadamanidha.

Ephis Qophoosota kutaalee lallabaa biyyattii hafaniif barbaachisan ammoo yaa'ii Qulqulluu Sinoodosii bara dhufu gaggeeffamutu murteessa.

Gama kaaniin dureewwan Naannoo Tigraay ALI Adoolessa 09, 2015 kaadhimamtoota Ephis Qophoosota isaanii ta'an bataskaana seena qabeettii Aksum Tsiyoonitti adda baasaa turan.

Haala kanaan Ephis Qophoosota shan naannichatti, shan ammoo biyyoota alaatti kan tajaajilan, waliigalatti kudhan filachuun, sirna itti aanurratti muuduuf akka jedhan ibsaniiru.

Haalli kun waamicha nagaa fi gaaffii dhiifamaa, akkasumas walqoqqooduurra walitti dhihaachuuf waamicha Qulqulluun Sinoodosii dhiheesse bu'aa malee hafuusaa sirriitti mul'isa.

Hariiroon Sinoodosii giddugaleessaa fi abbootii Tigraay gidduu jiru daranuu laafaa akka jiru kan agarsiisuudha.

Filannoon Ephis Qophoosotaa naannoo Tigraay kun madaallii kamiinuu fudhatama akka hin qabne, Paatiriyaarki Abuna Maatiyaas muudama Finfinneetti Dilbata gaggeeffamerratti haasaa taasisan keessatti ibsaniiru.

‘’Barmaati ofumaan of muuduu dhaabsifamuu qaba,’’ jechuun mariin akka furamuufi kan miidhames akka kiisamu Abuuna Maatiyaas himan.

''Kanaan ala badiirratti badiin raawwatee gochi egeree bataskaanichaa qoru dhaabsisuu qabna,’’ jechuun akeekkachiisan.