Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbootiin amantaa Tigraay jila Abuuna Maatiyaas Maqaleetti imale hin argin hafan
Dureewwan amantaa Ortodoksii Tigraay jila abbootii amantii qulqulluu Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaasin durfamu ganama har’aa Maqalee galee waliin wal arganii dubbachuu diduun himame.
Jilli abbootii amantichaa ganama kana gara magaala guddoo naannichaa Maqaleetti kan imale, miidhaa tibba waraanaatti naannichatti qaqabeef deeggarsa taasisuuf akkasumas abbootii amantaa naannichaa waliin mari'achuuf ture.
Abbootiin amantaa naannoo Tgraay tibba waraanaatti Sinidoosiin jidduugalaa nu waliin hin dhaabannee jechuun komachudhaan addatti Mana Lubummaa Waliigalaa Salaamaa Kasaatee Birhaan jedhamu hundeessuun isaanii ni yaadatama.
Jilli abbootii amantaa Abuuna Maatiyaasiin durfame wayita naannicha qaqabeetti qoondaaltoota olaannoo naannichaatiin simannaa taasifameefiira. Haata'u malee, abbootiin amantaa bataskaana Ortodoksii Tigraay osoo hin argamin hafaniiru.
Jilli qulqulluu Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Qulqulluu Abuuna Maatiyaasin durfamu kunis deeggarsa birrii miiliyoona digdamaa kanneen sababii waraanaatiin qe'eesaanii irraa buqqa'aniif oolu pirezidantii naannichaa yeroo kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaatti kennaniiru.
Qulqulluu Abuuna Maatiyaasis, abbootiin amantaa naannichaa isaaniifi jilasaanii waliin wal arganii mari’achu diduusaanii ilaalchisuunin, ‘‘haalli Tigraay mudatee ture hundi keenyayyuu addunyaarratti mudateeraa jennee of gaafataa turre.
''Wanni mudatee ture baayyee cimaa ture. Haala sanarratti Sinodoosiinis yaa’iisaa dhiheenyaatiin dhiifama gaafateera. Garuu nagaa barbaachaafi nageenyaaf jecha wal arganii waliin mari’achuun gaarii ture,’’ jedhan Abuuna Maatiyaas.
Torban darbe ammoo Sinodoosiin waraana Tigraay keessatti mudateef abbootii amantaa fi uummata naannichaa bira dhaabbachu hafuusaatti dhiifama gaafatee turetti, abbootiin miseensi abbootii amantichaa naannichaa tokko, dhiifama jechuun waan gaarii ta’e garuu badii qaqabeef kan wal gituu miti jechuun saanii ni yaadatama.
Qulqulluu Abuuna Maatiyaas itti dabalunis, ‘‘Nutis erga akkas ta’ee mee deemnee mari’achuun gaariidha jennee garana dhufnee turre. Kan ta’e ta’us waliin mari’achuun waan hamaa hin turre. Namni yaadasaa ibsachuufis ta’e, waliigaluu ykn waliigaluu diduuf wal arganii waliin mari’achuun waan hamaa hin turre,’’ jechuun abbootiin amantaa naannichaa hafuusaanii ibsan.
‘‘Abbootiin amantii naannichaa sababii maaliitiif akka nun wal arguurraa hafan illeen nuti wanti beeknu hin jiru kan jedhan Qulqulluu Abuuna Maatiyaas, wal arganii miidhaa qaqabee hubachiisuufi ni ta’a lakkii hin ta’u jechuun mataasaa waan tokko ture jedhan.
Qaamaan bakkichatti argamun isaanii miseensoonni jilichaa miidhaan naannoo Tigraay irra qaqqabe hangam cimaa akka ta’e waan hubachiisee natti fakkaata kan jedhan dureen amantichaa Abuuna Maatiyaas, haalichis kan duraan tureerra amma fooyya’usaatti gammanneera jedhan.
Jilli marii Piritoriyaa keessa turan gahee bahaniin amma Maqaleetti wal arguu akka danda’an kaasuudhaan, nagaan kun akka ittifuuf ammoo kadhannaafi hawwii hundasaanii ta’u dubbatan.
Obbo Geetaachoon maal jedhan?
Pirezidantiin naannichaa Obbo Geetaachaw Radda agama isaanitiin haasaa sirnicharratti taasisaniin, deeggarsichi turee kan taasifame ta’ulleen, yaaliicha haala gaariin akka ilaalan ibsanii, bulchiini isaanii dhimma amantaa jidduu kan hin seennee ta’u caqasan.
Akkasumas, ‘‘haaloofi wal dhabdeen ummattoota jidduu jiru mariidhaan akka furamuuf yaaliin Qulqulluun Sinodoosiin eegalee barbaachiisaadha’’ jechuusaanii miidiyaan bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa gabaaseera.
Kana malees Obbo Geetaachoon, bataskaaniitiin tibba waraanaatti warra buqqiisaa turan maddii dhaabbattee jirti koomiin jedhu jiraachu ibsuun, ‘‘komichi kan ummataa waan ta’ef rakkinicha irratti wal amanuufi waliigaluun barbaachisaadha’’ jechuun dubbatan.
Waraana wal walii wagga lamaaf gaggeeffameen keessattuu Tigraayiitti badii olaanaa kan qaqabsiise yoo ta’u, lubbuun namoota kumaatamaan lakkaa’amanis akka bade himama.
Waraanichaan wal qabatees komiin abbootii amantaa batasikaanichaa jidduutti waan umameef qoodiinsaaf karra bane ture.
Haata’u malee, torban darbe keessa Sinoodoosiin bataskaanitiin tibba waraanichaatti waraanni akka dhaabbatuuf waamicha waan hin taasiifneef, abbootii amantaafi ummata naannichaa qaamaan waan hin gaafatiiniif akkasumas waan hin jajajbeesiin hafteef dhiifama gaafachun ishee ni yaadatama.
Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Manbara Salaamaa Ortodoksii Tawaahidoo Tigraayiifi Hojii gaggeessaan Kutaa Lallaba Biyyaa Shiree Inda Sillaasee Nibura’id Tasfaay Tawalda ‘‘dhiifamni jalqabbii gaarii ta’ulleen, garuu gahaa miti’’ jedhanii ture.
Haata’u malee dhimma dhiifamaa kanarratti miseensi manni lubummaa naannichaa addati yaadni kennaniin alatti abbootii amantaa naannichaa ifatti kan jedhan hin jiru.