Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Ephis Qophosota sagal muudde
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Ephis Qophosota sagal muuduu beeksiste.
Kanneen haaraa muudaman sagal keessaa torba, Kutaa Lallaba Dirree Dhawaa dabalatee, Naannoo Oromiyaa keessatti akka ramadaman kana dura ibsameera.
Dureewwan amantaa yookiin Eephis Qophosoti kuni kanneen kana dura Qulqulluun Sinodosii jechuunis qaami olaanaa Mana Kiristaanichaa dorgomsiisee filatedha.
Sagantaan muudamaa kuni Dilbata har’aa ALI Adoolessa 09, 2015 Mambara Paatiriyaarkii Gadaamii Qulqulluu Maariyaam Finfinnee argamutti raawwatame.
Sagantaa kanas Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaasitu gaggeesse.
Dureewwan kunneen Oromiyaa keessa Kutaa Lallabaa Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Bunnoo Beddellee, Shawaa Lixaafi Harargee Bahaatiif muudaman.
Kanneen hafan Dirree Dhawaa, Gede’oo akkasumas Daawuroo Kontaaf kan filatamanidha.
Sagantaa kana irratti dureewwan mana kiristaanichaa olaanoo, abbootii amantaa, Dureewwan Phaphaasii, luboota, diyaaqonotiifi hordoftoonni amantichaa argamaniiru.
Haaraa kan muudaman keessatti dureewwan amantaa 26 kanaan dura beekamtii Mana Kiristaanaa malee muudaman jedhamuun wal dhabdee kaasee ture ni jiru.
Muudama kanaaf ka’umsa kan ta‘e gaaffii yeroo dheeraaf tureefi taatee baatii Amajjii darbe dureewwan amantaa sadii beekamtii Mana Kiristaanaa malee dureewwan amantaa muudu isaaniiti.
Dhimmichi Mana kiristaanaa darbees akka biyyaatti muddama uumee lubbuunis darbeera, qabeenyis manca’ee ture. Dhimmichi mana murtiis gahee ture.
Kanneen 'muudama seeraan ala' jechuun manni kiristaanaa balaaleeffatte keessa kan qooda qaban, Abuuna Saawiros fa’i boodarra Mana Kiristaanaa waliin waliigaltee raawwataniiru.
Koree Ephis Qophosota haaraa file keessas jiru.
Abuuna Saawuroos fa’i yeroos ummanni afaan isaatiin haala gahaa ta’en tajaajilamaa hin jiru, wiirtuuwwan Afaan Oromoon barsiisan akka cimaniifi kaan irratti gaaffii kaasan.
Akkasumas Qulqulluun Sinodoosii ''hunda-galeessa'' miti jechuun himatan. Manni Kiristaanaa himannaa kana ni mormiti.
Itoophiyaa keessatti hordoftoota hedduu kan qabduufi jaarmayaa guddaa kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti gaaffiin biraas Tigraay irraa irratti ka’eera.
Dureewwan amantaa kuni yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Manni Kiristaanaa dureewwan amantaa, manneen amantaa akkasumas hordoftoota hin tiksine jechuun qeeqaa turan.
Kanaanis hariiroon waajjira muummee bataskaanichaa Finfinnee jiru gidduu jiru laafee tureera.
Dureewwan amantaa Tigraay jiran bulchiinsa kan Manni Kiristaanaa beekamtii hin kennineef "Mana Lubummaa Mambara Salaamaa Kasaate Birhaan’’ jedhamu hundeessuu ibsaniiru.
ALI Adoolessa 09, 2015 Aksumitti Ephis Qophosota haaraa akka muuduuf jedhanis ibsaniiru.
Muudama kennina isa jedhanii ibsan kana Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa "seeraan ala’’ jechuun mootummaan gidduu akka seenu gaafatteetti.
Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanichaa komii mudate furuuf waamicha nagaa irra deddeebbiin taasisuu torban kana ibsa baasen beeksiseera.
Haa ta’u malee, dureewwan amantaa naannicha keessa jiran "balbala nagaafi marii itti dhimma bahurra caasaa bulchiinsaa diiganiiru,’’ jedha ibsi bahe.
‘Waajjira Kutaa Lallabaa Manbara Salaamaa Tigraay’ hundeessineerra jechuun "ibsa sirrii hin taane kennuurra darbee ephis qophosota muudna’’ jechuu isaanii qeeqe.
Manni Kiristaanaa torban dura yeroo waraanaa itti gaafatama kiyya hin baane jechuun ummata Tigraay "dhiifama" gaafatteetti.
Jilli Abuuna maatiyaasin hoogganamus gara Maqalee imaluun dureewwan Naannoo Tigraay jiran waliin marii gaggeessuuf yaalus hin milkaa’in hafun ni yaadatama.