Omikiroon: Mallattooleen Omikiroon beekamoon maal fa'i?

Dubartii maaskii kaawwachuu haxxifachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haxxifachuun qorannoo kana dura godhame irraa ka'amuun yoo ilaalamu mallattoo Omikiroon tahuu mala

Gosti Covid-19 Omikiroon jedhamu saffisa guddaan adunyaa irratti faca'uu isaan saayintistootni hanga ammaatti dhukkuba daddarbaa isa guddaadha jedhan.

Haa tahu malee mallattooleen isaa gosa vaayirasichaa isa duraa mallattoolee sasalphaa kan agarsiisudha. Utaalloo durumaan beekamu waliinis wal fakkaata.

Garuu saffisni inni itti daddarbaa jiru tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa uumuun dhukkubsattota haala hamaa irratti argamanii fi namoota hin talaalamneef yaaddoo guddaa taheera.

Haa tahu malee akkamiin garaagarummaa Covid-19 fi dhukkuboota hargansuu kaan himuu dandeenya?

Mallattoolee Omikiroon

"Omikiroon mallattoo sasalphaa namoota talaallii Covid-19 fudhatan irratti mul'atuun wal fakkaata, kan akka Deeltaa,'' jedhan Tiim Ispeekter, Kolleejjii Kiingi Landanitti piroofesera Epidomolojistiidha.

Ispeeketerii fi waahillan isaa namoota mallattoo isaan irratti mul'ate aappii irratti guutaman kumaatama irraa ragaa walitti qabachaa turan.

Qorattootni kunneen mallattoolee Deeltaa fi Omikiroon waliin wal fakkaatan qorachaa turan.

Mallattoleen beekamoon shanan adda bahan:

  • Furreessuu [dhangala'aan funyaaniin bahu baay'achuu]
  • Mataa bowwuu
  • Dadhabbii salphaa ykn cimaa
  • Haxxiffachuu
  • Dhukkubbii qoonqoo

Mallattooleen sasalphoon kun sababa irra caalaan namoota kanneenii talaallii argataniif yookaan ammoo madinummaa biraa waan qabaniifidha.

Narsii talaallii Covid-19 kennaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Narsii talaallii Covid-19 kennaa jirtu

Omikiroon namoota talaallii hin argannee fi warra madinummaan isaanii rakkoo qabu hammam miidha kan jedhu baruuf yeroo isaa miti.

Pirof Ispeekter mallattoleen Omikiroon amma himamaa jiran mallattoo utaalloo durumaan beekamu waliin wal fakkaatu jedhan. Kun ammoo namootni Covid-19 qabamuu isaanii akka hin hubanne taasiseera jedhan.

Naannolee Omikiroon itti babbal'ate keessatti namni mallattoo utaalloo of irratti arge Covid-19 qabamuun isaa waanuma beekamaadha. Akkuma magaalaa Landan bakka Omikiroon itti babbal'ate keessatti tahe jechuudha.

Vaayirasichaan qabameera jettee kan shakkitu taanaan waan qochuu qabdu-daftee qorannoo gaggeessudha. Yooma mallattoo salphaa tahellee jchuudha.

Covid-19 kana dura mallattoolee akka ho'a qaamaa, qufaa, miira dhamdhamuu dhabuu fi foolii fuudhuu dhabuu fa'a qaba ture.

Haa tahu malee akka pirofeserri Kolleejjii Kiingi himanitti ammoo namootni amma vaayirasichaan qabamuu gabaasaa jiran ''mallattoolee beekamoo duraanii'' kanneen hin qaban..

Namni tokko mallattolee akkamii yoo arge yaaddahuu qaba?

Tjaajila fayyaa Biyyaalessaa Biriiteen [NHS] mallattoolee kanneen beekuu qabna jedhe.

  • Qufaa adda hin citne tasa mudatu
  • Ho'a qaamaa ykn tempireechara akka malee dabaluu
  • Dhamdhama dhabuu ykn dhamdhamaa fi foolii fuudhuu irratti jijjiramni jiraachuu
Daandii Landan namoota baay'een guuteeru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Omikiroon gosa koronaa Landanitti akka malee bababl'atedha

Haa tahu malee namoota tokko tokkoof Covid-19 ''akka utaalloo hamaa'' tahuun mallattoolee akka mataa bowwuu, dhukkubbii qoonqoo fi furreessuu qabaachuu danda'a.

Ho'i qaamaa mallattoo sirrii koronaavaayirasiitii?

Ho'i qaamaa 37.8C ol tahe kamuu tempireechera guddaa jedhamee waamama. Ho'i qaamaa kan uumamu yeroo qaamni keenya faalama qaama keenyaa ittisuuf lolatti jirudha.

Kun ammoo Covid-19 qofa miti. Termomeetirii fayyadamuun safaruun gaariidha. Yoo hin qabdu tahe ammoo lapheekee irra ykn dugda kee irra harka kaa'uun ho'a sitti dhagahamu ilaaluu dandeessa.

Utaalloon ho'ina qaamaa fiduu danda'a.

Yoo ho'a qaamaa qabda tahe deemtee qoratamuun sirra jiraata.

Qufaasisuun mallattoo isa sirriidhaa?

Utaalloo qabda taanaan mallattoon nama qufaasisuu ykn kan biroo inuma jiraata.

Utaalloo hamaan ykn flu kan jedhamu tasa kan mudatu yoo tahu, dhukkubbii maashaa, mataa bowwuu, dadhabbii, dhukkubbii qoonqoo fi furrii qabaachuu danda'a.

Utaalloon suuta namatti jabaachaa kan deemu yoo tahu, dhukkubbiin isaa garuu laafaadha. Garuu qaamni keenya akka dhukkubbiin itti dhagahamu ni godhu.

Qufaasisuu cinatti ammoo haxxifachiisuu, dhukkubbii qoonqoo, qabaata. Ho'i qaamaa, dhukkubbiin maashaa fi mataa bowwuun garuu xiqqaadha.

Covid-19 garuu osoo adda hin citiin sa'aatii tokko kan tahufaaf qufaasisa. Sa'a 24 keessatti osoo adda hin citiin marsaa sadii hanga afurii ni qufaassa.

Nama Covid-19f qoratamuuf jedhu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gorsi waliigalaa yoo mallattoo isaa of irratti argite dhaqxee qoratamuu qabda kan jedhudha

Yoo dhamdhamni ykn foolii fuudhuu dadhabde maal hima?

Isaan kunneen mallattoo murteessoo Covid-19 waan tahaniif deemtee qoratamuu qabda.

Qufaa xiqqoos qabaachuu dandeessa. Kanaaf akka namoota kaanitti hin dabarreef qoratamuu qabda.

Yoo na haxxiffachiise koronaavaayirasiin qaba jechuudha?

Haxxiffachiisuun mallattoo koronaavaayirasii isa beekamaa miti.

Yoo ho'a qaamaa, foolii fuudhuu dhabuu fi fedha nyaataa dhabuu qabaatte malee jechuudha.

Haa tahu malee haxxiffachuun vaayirasicha baatee facaasuu waan danda'uuf sooftii ykn waan ittiin qabdee haxxiffattu qabaachuu qabda.

Yoo na furreessa tahe hoo?

Kun mallattoo murteessaa koroonaavaayirasii miti. garuu qorattootni baay'een namootni vaayirasichaan qabaman mallattoo akkasii qabu jedhu.

Garaa kaasuun mallattoo isaatii?

Ragaan Afrikaa Kibbaa irraa argame namootni Omikirooniin qabaman rakkoo daakamuu nyaataa akka qaban himaniiru jedha.

UK keessatti garuu mallattooleen omikiroon kan gosa vaayirasichaa duraan mul'ataniin wal fakkaata, jechuun sirna hargansuu miidhu jedhan pirof Tiim ispeekter.

Omikiroon dhukkubbii qabaa?

Qorannoon jalqabaa akka mul'isutti Omikiroon kun gosa isaa duraan turan irra dhukkubbiin isaa salphaadha.

Hundaan ol talaallii fi madinummaa qaamaa uumamaan kan ittisamudha.

Haa tahu malee saffisni Omikiroon itti daddarbu hanga ammaatti isa saffisaa tahuu isaan dhiibbaa guddaa uumeera.

Namoota durumaan dhukkuba qaban balaarra buusa.

Namootni koronaavaayirasii qaban mallattoolee salphaatii hanga ulfaataatti qabaatu. Gariin ammoo mallattoo homaatuu hin qaban, garuu vaayirasichaan qabamaniiru.

Erga qabamanii torbanoota lama booda mallattooleen isaa mul'achuu jalqabu. Irra caalaa garuu guyyaa shan booda.

Rakkoo hargansuu qabaachuun mallattoo isaa isa jabaafi hamaadha.

Odeessalee Omikiroon kaan: