Weerarri Omicron salphaa ta'us garuu addunyaan yaadda'uu hin dhiifne

Madda suuraa, Getty Images
Akka ragaa qorannoo duraa UK fi Afrikaa Kibbaatti gaggeeffameetti weerarri akaakuu koronaavaayirasii Omicron salphaadha.
Ragaan qorannoo duraa kun namni vaayirasiin Omicron irratti argame barbaachisummaan hospitaala seenee yaalamuuf qabu kaan irraa harka 30-70 gadi bu'a.
Garuu ammallee yaaddoon jiru-Omicron hagam takka salphaa ta'ullee namoota hedduu qabaa waan jiruuf namoonni hospitaalatti heddummaatu kan jedhuudha.
UK keessatti guyyaa tokkotti namoonni 100,000 caalan qabamuutu gabaafame, kunimmoo lakkoofsa guddaa yeroo jalqabaaf biyyattii keessatti galmaa'edha.
Miidhaa Omicron qabu gadi fageenyaan hubachuun addunyaan qixa sirrii ta'een akka ofirraa qolattuuf gargaara.
Qorannoon Iskootlaand keessatti gaggeeffamaa jiru, namoota koronaavaayirasiin qabamanii fi kanneen akkaan dhibamanii hospitaala ciisan hordofaa jira.
Akka qorannoo kanaatti Omicron yoo akkuma Delta ta'e biyyattii keessatti namoonni 47 hospitaala seenuu qabu, yeroo ammaa namoota 15tu hospitaala seenan.
Garuu yeroo ammaa namoonni vaayirasichi irratti argame barbaachisummaan hospitaala seenuuf isaanirra jiraatu harka lama-sadaffaan hir'ateera jedhe qorannochi.
Akaakuun vaayirasii Omicron yeroo ammaa addunyaarratti garmalee kan tatamsa'aa jiruudha, kanaafuu vaayirasichi dhukkubbii salphaa kan fidhu ta'uunsaa oduu dansaa ta'us saffisaa fi baay'inaan faca'uunsaammoo yaaddoo guddoo ta'eera.
Akaakuun vayirasii kun booddana barfatee mul'achuu fi erga dhalli namaa talaallii fudhachuun dandeettii vaayirasicha ofirraa ittisuu gabbifatee dhufuunsaa akka miidhaa salphaa qofa qabaatu godheera jedhan qorattoonni.
Bakka argama Omicron kan taate Afrikaa Kibbaatti qorannoon gaggeeffames vaayirasichi miidhaa salphaa akka qaqqabsiisu eereera.
Miidhaan isaa kan gosoota kaaniin dhufu irra akkaan salphaa ta'uu ibse qorannoon kun.
Qorannoon kun Jaarmiyaa Ittisaa fi To'annoo Dibeewwan Daddarboo Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaan qoratame, garuu hanga yoona bu'aansaa dhaabbilee fayyaa biroon hin qoratamne.
Akka qorannoo kanaatti Onkoloolessa tokko irraa kaasee hanga Sadaasa 30tti namoota walumaagalatti koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala seenan keessaa kanneen gosa Omicron kanaan qabaman lakkoofsi isaanii harka 80n gadi bu'a.















