Covid: Omicron saffisa hin eegamneen tatamsa'aa jira jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa

Akaakuun vaayirasii Omicron jalqaba Afrikaa Kibbaatti argame

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Akaakuun vaayirasii Omicron jalqaba Afrikaa Kibbaatti argame

Akaakuun Koronaavaayirasii haarofti Omicron jedhamu saffisa hin eegamneen addunyaa waliin ga'aa jira jechuun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) akeekkachiise.

Vaayirasiin kun yeroo ammaa biyyoota 77 waliin ga'eera.

Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom vaayirasii kana sirnaan baruun ammallee rakkisaa ta'uu mala, garuu vaayirasicha qolachuuf hojii ga'aan hin hojjetamne jedhan.

"Haala jirurraa kaanee hagam vaayirasii kana salphisnee ilaalaa akka jirru hubanna. Omicron balaafamaa ta'uu yoo baatellee, akkaataan ittiin tatamsa'aa jiru sirna fayyaa irratti dhiibbaa guddaa kan uumuudha,'' jedhan.

Akaakuun koronaavaayirasii Omicron jedhamu jalqaba ji'a Sadaasaa keessa Afrikaa Kibbaatti argame.

Biyyattiin ergasii weerara hamaatti seente, pireezdant Siiriil Raamaafoosaa vaayirasichaan qabamanii amma yaalamaa jiru.

Vaayirasichi erg Afrikaa Kibbaatti argamee booda biyyoonni hedduun uggura imalaa biyyattiirra kaa'aniiru.

Garuu haalli kunis vaayirasichi akka addunyaa maratti hin tatamsaane gochuu hin dandeenye.

Erga weerarri Omicron eegalee as biyyoonni addunyaa hedduun talaallii dandeettii ittisa dhibee qaamaa cimsu kennaa jiru, Dr Teedroos garuu kunis bifa walfakkaataadhaan kennamaa waan hin jirreef karaa biyyoota hedduutiin vaayirasichi yaaddoo guddoo uumaa jira jedhan.

''Talaallii dandeettii ittisa dhibee cimsu kennuun tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuu keessatti ga'ee guddaa qaba, garuu dhimma dursa kennamuuftu jira.''

"Hunduu toora qabachuu qaba. Namoota xiqqoo dhibamaniif talaallii kennuurra kanneen akkaan dhukkubsataniif dursa kennuutu fala ta'a. Lammiileen talaallii jalqabaallee dhabanii du'aa jiran osoo jiranii kanneen dhibecha hin qabneef talaallii kennuun furmaata hin ta'u,'' jedhan Dr Teedroos.