Covid-19: Adunyaan koroonaavaayirasii haaraa Omicron to'achuuf muddamatti jirti

Madda suuraa, Reuters
Biyyootni adunyaa imala gara biyyoota Kibba Afrikaatti taasifamu dhorkuun gosa koroonaavaayirasii haaraa mul'ate Omicron ittisuuf hojjechaa jiru.
Tarkaanfiin kun erga vaayirasichi ifatti qondaalota fayyaan moggaafamee fudhatamuu jalqabe.
Vaayirasiin Omicron qaccee hedduu kan qabu yoo tahu, ragaaleen WHO kan agarsiisan carraan irra deebiin vaayirasichaan qabamuu guddaa tahuu isaati.
Namootni dhibbaan lakkaa'aman Afrikaa Kibbaa irraa Amisterdam galan vaayirasii kana irraa bilisa tahuun isaanii qoratamaa ture.
Namoota 61 keessaa namootni lama balalii daandii xiyyaaraa KLMn achi galan koroonaan qabamanii hoteela naannoo buufata xiyyaara jiru keessatti adda baafamaniiru, jedhan qondaalonni Nezerlaands.
Imaltootni Keep Taawon irraa ka'uun Amisterdaam irra goruun gara Maanchisteriti imalaa turan BBCtti akka himanitti Buufata Xiyyaaraa Shiipol kan Amisterdaam jiru keessatti sa'a afuriif tursiifamuun booda achii bahan.
Nezerlaandis tibbana lakkoofsi namoota vaayirasichaan faalamanii daballaan rakkataa jirti.
Uggura gar-tokkee, manneetii dhugaatii, manneetii nyaataa fi suuqotni yeroodhaan akka cufaman Dilbata irraa eegaltee hojiirra oolchiti.
Vaayirasiin Omicron jalqaba kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf gabaafame Sadaasa 24dha. Kana malees Bootswaanaa, Beeljiyeem, Hoongi Koongii fi Israa'el keessattis mul'ateera.
Imaltootni Afrikaa Kibbaa, Namiibiyaa, Zimbaabuwee, Bootswaanaa, Leseetoo fi Iswaatiinii UK akka hin galle dhorkamaniiru. Yoo lammilee UK, Ayerlaandi yookaan jiraattota UK tahan irraa kan hafe.
Ameerikaanis biyyoota kanneen dabalatee imaltoota Maalaawii fi Moozaambik irraa deeman akka biyyashee hin galle dhorkiteetti.
Kun Wiixata irraa eegaluun hojiirra oola.
Awustiraaliyaan balaliin biyyoota kanneen irraa godhamu guyyoota 14'f akka dhaabbate ibsiteeti.
Jaappan ammoo biyyoota gara Kibba Afrikaa irra caalaa irraa namootni biyyashee galan guyyoota kudhaniif adda bahuun akka tursiifaman jette. Akkasumas walumaagala qorannoo si'a afurii taasifamuufii akka qabu ibsite.
Iraan, Biraazil, fi Kanaadaan akkasuma namoota biyyoota jaha Kibba Afrikaa irraa dhufan akka biyya isaanii hin seenne yeroof dhorkuu himaniiru.
WHO'n dhiibbaa vaayirasii haaraan kun qabu hubachuufi hammam akka namarraa namatti darbu adda baasuuf torbanota muraasa fudhata jedheera.
Qondaalonni fayyaa UK ammoo talaalliin kennamaa jiru vaayirasii haaraa kana irratti sirriitti hojjechuu dhiisuu danda'a jedhan.















