Koronaavaayiras: Balaan gosa Koronaavaayirasii haaraa saayintistoota dhiphisaa jiruu maali?

Madda suuraa, Getty Images
Akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaatti argame darbee biyyoota biroo kanneen akka UK keessattis babal'ateera.
Balaa vaayirasii haaraa kanaan dhufu baruuf saayintistoonni akkaan dhiphataniiru.
Akaakuun vaayirasii haaraan kun maali?
Vaayirasii dhibee Covid-19 fidu dabalatee gosoonni koronaavaayirasii hunduu maatii tokkorraa baayyataa dhufan.
Qacceen sanyii koronaavaayirasii kun weerarri erga dhalatee booda yeroo mara baayyata.
Vaayirasichi bifa weeraraan erga faca'ee booda bifa jijjiirratee, haaraa ta'ee marroo biraan weerara eegaluun amaluma isaati.
Vaayirasiin kun amalasaa keessatti wayita akaakuu haaraa uummatu, kaan kan duraa caalaa dhala namaa hubu, kaan ammoo jireenyuma vaayirasichaa mataasaa kan balleessuudha.
Yeroo ammaa akaakuun vaayirasichaa kumaan lakkaa'aman jiru, eksipertoonni garuu muraasa isaaniirratti xiyyeeffachuun qorachuu itti fufaniiru.
Isaan keessaa tokko akaakuu vaayirasichaa Afriikaa Kibbaa jiru, 501.V2 kan jedhamuudha.
Eksipertoonni maal jedhan?
Akaakuun vaayirasii inni Afriikaa Kibbaa seelii walhoru kan E484K jedhamu of keessaa qaba.
Kan tibbana UK keessatti argamee saayitistootaan qoratamaa jiruun adda addummaa qaba.
Lameenuu akkaan kan tatamsa'aniidha, daafoo kanaan uggurri hamaan hawaasarra kaa'amuu waan danda'uuf kunis rakkoo hamaa kan biraadha.
Akaakuun koronaavayirasii haaraan inni UK, 'Kent' keessatti argame bu'a qabeessummaa talaalliiwwan yeroo ammaa haaraa argaman irratti dhiibbaa uumu hin qabu, kan Afriikaa Kibbaa garuu ni sodaachisa jedhu saayintistoonni.
Haata'u malee vaayirasii haaraan kun talaallicha hojiin ala godha jedhanii dubbachuuf yeroon ganaadha, qorannoon haalaan barbaachisa.
Saayintistoonni akaakuu vaayirasichaa haaraa Afriikaa Kibbaa kan maqaa N501Y jedhamuun beekamu irratti talaallii Pfizer yaalaniiru, saamuuda dhiiga namoota 20 fudhachuun.
Akkaataa yaalii taasifame kanaan talaallichi vaayirasii haaraa kanarratti hojjeteera.
Garuu ammallee qorannoo hedduutu barbaachisa, sababiin isaa akaakuu haaraan Afriikaa Kibbaa keessa jiru kana qofa miti waan ta'eef.
Dr Simon Clarke Yuuniversitii Riidiing keessatti ogeessa seelii maayikiroobaayooloojiiti.
''Akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaa kan duraarraan waa baayyeen adda. Pirotiiniin vaayirasicha keessatti argamu guddaadha. Kun baayyee nu yaaddessa'' jedhan.
Pirotiiniin koronaavaayirasii qaama namaa keessa saffisaan akka seenuuf isa fayyada. Talaaliin vaayirasichaas pirotiinii kanarratti hundaa'uun hojjetama, gama kanaan vaayirasii haaraan kun yaaddoo guddaadha.
Pirotiiniin vaayirasii haaraa kun guddaa yoo ta'e talaallii haaraan kun akka gara dhiiga namaa seenee hojiisaa akka hin hojjenne danqaa waan ta'uuf humna talaallichaa laaffisuu danda'a jechuudha.
Yuuniversitiii Kolleejjii Landanitti dhimma Covid irratti kan hojjetan Pirofeesar Francois Balloux, "Akaakuun vaayirasichaa UK keessatti argame kan maqaa E484 jedhamuun beekamu, qaamni namaa haleellaa qaama halagaarraa dhufu hubatee akka ofirraa hin qolanne godha. Kunimmoo vaayirasiin yeroo ammaa addunyaa weeraree jiru, SARS-CoV-2 jedhamu akka madinummaa qaamaa mo'atuu fi talaalliis akka dadhabsiisu godha'' jedhan.
Baayyee balaafamaadhaa?
Akaakuun vaayirasii haaraan kun kan duraan ture caalaa balaafamaa ta'uusaa ragaan mul'isu hin jiru.
Vaayirasicha daran akka saffisaan tatamsa'u ogeeyyiin yaada kennu, garuu maloonni ittisaa kanneen akka harka dhiqachuu, walirraa hiiquu fi golgaa afaanii fi funyaanii(maaskii) uffachuu kanaafis ni gorfama.
Vaayirasiin kun yeroo ammaa Afriikaa Kibbaa keessatti, Bahaa fi Lixa Bulchiinsa Keep dhuunfateera.
Biyyoota akka Awutiraaliyaa, Noorway fi Jappaan keessattis mul'ateera.
UK keessatti namoonni lama akaakuu vaayirasichaa kan Afriikaa Kibbaan qabamuun mirkanaa'eera.
Namoonni qabaman lameenuu, namoota tibbana Afriikaa Kibbaarraa imalan waliin hariiroo kan qabaniidha.
UK'n maal gochaa jirti?
UK'n balalii xiyyaaraa Afriikaa Kibbaarraa gara biyyasheetti kallattiin taasifamu dhorkiteetti, kan gara Afriikaa Kibbaatti imalu ammoo dhaabdeetti.
Namooni dhiyeenya Afriikaa Kibbaarraa imalan yookiin ammoo kanneen imalan waliin tuttuqqaanqabaatan akka adda of-baasan itti himameera.
Jaarmiyaan Fayyaa Hawaasaa fi saayintistoonni biyyattii waliin ta'uun waa'ee akaakuu vaayirasii haaraa kana qorataa jiru.













