Waa'ee akaakuu koroonaavaayirasii haaraa maal beekna?

Vaayirasiin amala jijjiirrachuun yeroo dheeraaf namoota hubaa turuu danda'a

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Vaayirasiin amala jijjiirrachuun yeroo dheeraaf namoota hubaa turuu danda'a

Tatamsa’inni saffisaa koroonaavaayiras haaraan UK’tti mudate Ingilaandi, Iskootilaandi, fi Weelsiitti tibba ayyaana Qillee dhorkaan cimaan akka kaa’amu taasisuurra darbee biyyoonni biroos UK irratti dhorkaa imalaa akka baasaniif sababa ta’eera.

Ji’oota muraasa dura akaakuun koronaavaayirasii duraan hin turre kun akkamiin kutaalee Ingilaandi keessatti tatamsa’e?

Gorsitoonni mootummaa vaayirasichi kuuwwan caalaa akka tatamsa’u amantii qabu.

Hojiin reefuu eegalame, waan fuulduratti ta’u beekuunis rakkisaa dha, gaaffileen hin deebine hedduunis jiru.

Maaliif yaaddoo ta’e?

Wantoonni sadii gaditti eeraman vaayirasichi beekamtii argachaa jiraachuu mul’isu:

· Gosoota vaayirasichaa warra kan saffisa cimaan bakka bu’aa jira

· Jijjiiramni agarsiisu vaayirasichi akka irratti xiyyeeffatamu godheera

· Jijjiiramoota sunneen keessaa muraasni seeliiwwan caalaatti akka miidhan laaboraatoorii keessatti mirkanaa’eera

Dhimmoota kunneen walitti yoo fidnu vaayirasichi salphaatti akka tatamsa’u agarsiisu danda’u.

Haata’u malee wanti sirriitti beekame hin jiru.

Saffisa hagamiin tatamsa’aa jira?

Jalqaba kan mul’ate Fulbaana keessa ture. Sadaasa keessa garuu namoota Landanitti vaayirasichaan qabaman keessaa harki 1/4ffaa vaayirasii haaraa kanaan kan hubaman ta’ani. Walakkaa Mudde keessas gara harka 2/3ffaatti ol siqe.

Vaayirasiin amala jijjiirratee dhufe kun saffisa bu’aawwan laaboraatooriiwwan qorannoo keessaa ba’an irratti dhiibbaa hagamii akka fide arguun nidanda’ama.

Hagam tatamsa’ee jira?

Vaayirasiin amala jijjiirrate kun dhukkubsataa UK keessa ture yookaan biyya jijjiirama amalaa koroonaavaayiras to’achuu hin dandeenye keessaa akka dhufetti yaadama.

Ayerlaandirraa kan hafe UK guutuutti jiraachuu mala. Baay’inaan kan argamu garuu Landan, Kibba Bahaa fi Baha UK’tti. Baay’inni namoota vaayirasichaan qabamanii kutaalee biyyattii biroo keessatti dabalaa hin jiru.

Odeeffannoon koodii qaccee sanyii vaayirasii haaraa kanaa hordofuun argame akka mul’isutti, Deenmaarki fi Oostiriyaatti kan mul’ate UK irraa akka dhufe agarsiisa. Neezarlaandisis vaayirasichaan namoonni qabaman jiraachuu beeksiftee jirti.

Kana dura kun ta’ee beekaa?

Eeyyee.

Vaayirasiin duratti Wuhaan Chaayinaatti argame, kan kutaalee addunyaa hedduutti argamaniin wal hin fakkaatu.

Vaayirasii amala jijjiirratee Awurooppaa ga’etu addunyaatti tatamsa’e.

Vaayirasiin biraan A222V jedhamu ammoo Ispeenitti namoonni boqonnaa birraatiif wayita ba’anitti dhalatee kan Awurooppaatti tamsa’edha.

Eessaa dhufe?

Dhibeen haaraan kun haala hin baramneen jijijjiirama.

Ibsi ammaaf kennamuu danda’u vaayirasiin haaraan kun nama dandeettii dhukkuba ittisuu laafaa qabufi vaayirasicha qolachuu dadhaberraa akka ka’edha.

Inumayyuu qaamni isaanii bakka wal-hormaataa vaayirasichaa ta’anii ta’uu mala.

Dhibeen kun daran hamaadhaa?

Amma yoonaatti ragaan kana mirkaneessu hin jiru, haata’u malee hordofamuu qaba. Ta’uu baannaan tatamsa’inni olaanaan mataasaatti hoospitaalotaaf mataa bowwuu ta’uu mala.

Dhibee haaraa kanaan namoonni hedduun saffisaan qabaman jechuun wal’aansa hoospitaalatti barbaadu echuudha.

Talaalliiwwan vaayirasii kana yaaluu danda’uu?

Eeyyee, yoo xiqqaate ammaaf.

Talaalliiwwan sadan haga ammaatti hojjataman vaayirasii haaraa kanarratti hundaa’uun waan ta’eef gaaffiin kun kan ka’u.

Talaalliiwwan qaama vaayirasichaa hedduu akka haleelaniif kan shaakalan yoo ta’u, vaayirasichi haga ta’e bifa jijjiirratullee talaalliin ni hojjata.

"Garuu daran bifa akka jijjiirratu hayyamnaaf taanaan, yeroos yaadda’uu eegalla," jedhu Piroofeesar Guptaan.

"Vaayirasichi talaalliiwwan jelaa miliquuf karaarra jira, ammumayyuu gara sanatti deemee jira." Jedhu piroofeesarichi.

Talaallii jalaa miliquu jechuun vaayirasichi dhiibbaa talaallii Sanaa dandamachuun namoota miidhuu yoo itti fufudha.

Kanatu amala vaayirasichi agarsiisaa jiru ilaaluun akka yaaddessu taasisaa ira.

Vaayirasiin haaraan kun hagam koroonaavaayirasiin nuwaliin madaqee guyyaadhaa guyyaatti hedduu keenya hubaa akka deemu kan agarsiisudha.