Covid: Biyyoonni Awurooppaa gosa Covid haaraa UK’tti argameef jecha imala dhorkan

Madda suuraa, PA MEDIA
UK’tti gosti koroonaavaayirasii ''to’annoon ala ta’ee'' fi saffisaan daddarbu mul'achuu isaatiin biyyoonni Awurooppaa dhorkaa imalaa kaa’aa jiru.
Aayerlaandi, Jarman, Faransaayi, Xaaliyaan, Neezarlaandis fi Beeljiyam balallii gara UKtti taasifamu addaan kutaniiru.
Tarkaanfiiwwan kunneen garaagarummaa kan qabaniifi jalqabarra yeroo muraasaaf kan turan ta’anus, gama Faransaayiin imala bishaanirra taasifamus nidabalata.
Wal-ga’iin Gamtaa Awurooppaa Wiixata ganama taasifamu deebii qindaa’aa kennuu irratti ni mari’ata.
Dhibeen haaraan kun Landaniifi kibba-baha Ingilaanditti ariitiin tatamsa’ee jira.
MM Booriis Joonsan dhorkiiwwan afur naannolee sanatti kan labsan yoo ta’u, kabaja ayyaana Qilleef jecha dhorkaa laaffachuuf tures akka iddootti deebi’u taasifamuu beeksisani.
Anga’oonni fayyaa biyyattii gosti Covid-19 haaraa kun hammaataa ta’uusaaf yookaan talaalliiwwan kennamaniif amala addaa agarsiisuu isaaf ragaan qabatamaa hin jiru yoo jedhan, vaayirasiin kun %70'n isa duraa caalaa kan daddarbu ta’uun mirkanaa’eera.
Ministirri Fayyaa UK Maat Haankook gosti vaayirasichaa haaraan kun ‘‘to’annoon ala ta'eera. To’achuun nurraa eegama, bara haalaan rakkisaa ture kana daran rakkisaa taasisuun dhumuufi jedhani’’.
Biyyoota kamtu tarkaanfii akkamii fudhate?

Madda suuraa, PA Media
UK’n dhibeen kun mudachuu erga ibsitee sa’aa muraasa booda Neezarlaandis balallii hunda hanga Amajjii 1’tti addaan kutuushee beeksifte.
Dilbata kaleessaas imala namootaa karaa bishaaniis dhorkuu yoo labsitu, geejjibni meeshaalee garuu itti fufa jette.
Biyyattiitti dhorkiin cimaan Mudde 14 rraa kaasee taasifamus, Dilbata kaleessaa namoonni haaraa 13,000 ta’an Covid-19’n qabamuu beeksifte, kunis riikoordii haaraadha.
Faransaayi, Aayerlaandi, Jarman, Beeljiyam, Xaaliyaan Ostiriyaa, Bulgaariyaafi Tarkiin biyyoota imala gara UK’tti akkasumas achii gara biyyoota isaaniitti taasifamu biyyoota dhorkan keessaa yoo ta’an, tarkaanfiiwwan fudhataman yeroo hagamiif akka turan biyyarraa biyyatti adda addadha.














