WHO'n akaakuu koronaavaayirasii haaraa hordofaa jiraachuu ibse

Nama talaallii fudhachaa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO'n) akaakuu koronaavaayirasii haaraa UK keessatti argame ilaalchisuun qondaaltota biyyattii waliin xiyyeeffannaan mari'achaa jiraachuu ibse.

Akka qondaaltonni UK jedhanitti akaakuun koronaavaayirasii inni haaraan kun kan duraan ture caalaa tatamsa'aa jiraatus, garuu kan duraa caalaa rakkoo hammaataa qaqqabsiisa jedhamee hin amanamu.

Magaalaa Landan dabalatee magaalonni kibba baha Ingiliiz hedduun sababa facaatii vaayirasii jaaraa kanaa uggura cimaa keessa seenanii jiru.

Akaakuun koronaavaayirasii haaraan UK keessatti argamuusaan walqabatee Nezalaandis balaliinsa gara biyyattiitti taasiftu dhaabuushee beeksifteetti.

Dhorkaan balaliinsaa kunis Dilbata har'aa irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta'u, hanga Amajjii tokkootti akka turu mootummaan Daach beeksiseera.

Biyyattiin murtee kanarra kan geesse erga saamudi gosa koronaavaayirasii haaraa UK keessatti argamee fakkaatu biyyattii keessatti mul'ateeti.

Haala vaayirasii Uk keessatti argamee irratti ibsa bal'aa argachuuf si'oominaan eegaa jiraachuu kan ibsu mootummaan Nezarlaandis, ''hanga dandeenyetti akaakuun koronaavaayirasiin haaraan UK keessatti argame gara biyya keenyaatti akka hin ceene ni hojjenna'' jedheera.

Akkaataa balaa akaakuu koronaavaayirasii haaraan mudachuu malu hambisuun danda'amurratti biyyoota Awurooppaa kaan waliin akka hojjetus ibseera mootummaan Daach.

Waa'ee akaakuu koronaavaayirasii haaraa maal beekna?

Osoo kan duraaf malli hin dhawamin akaakuun koronaavaayirasiin kan dhibiin argamuun addunyaaf rifaatuu guddaa ta'eera.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO'n) waa'ee vaayirasii kanaa qondaaltota UK waliin gadi fageenyaan mari'ataa akka jiruuf itti dhiyeenyaan horodfaa akka jiru twitter isaarratti barreesseera.

Akka dhaabbati kun jedhutti UK'n waa'ee akaakuu koronaavaayirasii haaraa kanarratti waan qorattee bira geesse hundaa gabaasaafii jirti.

Waa'ee vaayirasichaa odeeffannoo bal'aa fi qulqulluu ta'e hawaasa addunyaan akka ga'uuf jirus ibse dhaabbati kun.

Waan ifatti mirkanaa'ee beekame jiraachuu baatus, akka Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan jedhanitti akaakuun koronaavaayirasii haaraan kun kan duraa caalaa harka 70 saffisaan tatamsa'a.

Haata'u malee nama ajjeesuudhaan kan duraa caalaa daran balaafamaa ta'uusaa fi talaalliiwwan haaraa argamaa jiran kan dandamatu ta'uunsaa wanti mirkanaa'e hin jiru jedhu qondaaltonni UK.

UK fi Ameerikaan talaallii koronaavaayirasii Pfizer fi BioNTech'n badhaadhe kennuu eegalaniiru.

Talaallii nama koronaavaayirasiin qabame fayyisuunsaa harka 95 mirkanaa'e kana kennuudhaan UK'n addunyaarraa biyya jalqabaati.