Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon Covid'n qabaman

Imaanu'el Maakroon

Madda suuraa, EPA

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon koronaavaayirasiin qabamuun erga baramee booda hoggantoonni Awurooppaa hedduu isaan walin walitti dhufan adda of baasuuf dirqaman.

Maakroon, kan ganna 42, erga mallattoo ofirratti arganii booda qoratamanii vaayirasicha akka qaban baran. Guyyoota torbaafis adda of baasu jedhameera.

Masaraan isaanii ''ammallee hojjataa jiru'' jechuun Maakroon dalagaarra akka jiran ibse.

Pirezidantiin Kaawunsilii Awurooppaa Chaarlis Misheel fi Ministeerri Muummee Ispeen Pedroo Saanchez kanneen adda of baasuuf dirqaman keessaati.

Torban kana ture Faransaay uggura biyyaalessaa torban ja'aaf ture kan xumurte.

Erga weerarichi biyyattiitti eegale as namoonni miiliyoona 2.5'tti dhihaatan vaayirasichaan yoo qabaman, 59,400 ol immoo lubbuu isaanii dhabuu daataan Yunivarsiitii Joohn Hokiins agarsiisa.

Biyyattiin talaallii koronaavayirasii Muddee 27 jalqabdee kennuuf karoorfatteetti.

Vaayirasichaan qabamuun Maakroon erga dhagahamee booda hoggantoonni addunyaa Imaanu'el maakroonif jajjabina hawwaniiru.

Kanneen keessaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ni argamu.

1px transparent line

Hoggantoonni addunyaa eenyuu fa'iitu Covid-19'n qabame?

Hooggantoota addunyaa Covid-19'n qabaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hooggantoota addunyaa Covid-19'n qabaman keessaa muraasa
  • Ministirri Muummee Eswaatinii (duratti Siwaazilaand kan jedhamtu) Ambirosee Dilaaminii vaayirasichaan qabamanii torban afur booda Wiixata du'aan boqataniiru
  • Pirezidantiin US Donaald Tiraamp baatii Onkololeessaa keessa vaayirasichaan qabamani. Guyyaa sadii hospitaala erga turanii booda qoricha yaaliirra ture kennameefi Waayit Haawusitti deebi'an
  • Pirezidantiin Polaand Andiree Dudaa Onkololeessa keessa vaayirasichaan qabamanii adda of baasan.
  • Pirezidantiin AljeeriyaaAbdelmajid Tebbiune erga vaayiracihaan qabaman booda ji'a lamaaf hospitaala Jarman keessa turan. Yeroo jalqabaaf torban darbe as bahanii viidiyoorra mul'achuun Aljeeriyaatti yeroo dhihoo akka deebi'an ibsan
  • Pirezidantiin Guwaatimaalaa Alejandro Giammatte Fulbaana keessa pozatiiva ta'an. Garuu baay'ee itti hin hammaanne.
  • Pirezidantiin Biraazil Biraazil Bolsonaaro Adoolessa darbe pozatiiva erga ta'anii booda mana isaaniitti torban lamaan oliif adda of baasanii turan.
  • Pirezidantiin Burundii turtii aangoo isaanii xumuruutti turan Piyerree Nikurunzizaa dhukkuba Covid-19 ta'u mala jedhamee shakkameen lubbuu isaanii dhabaniiru
  • Ministeerri muummee Raashiyaa Mikhail Mishustin Ebla darbe erga vaayirasichaan qabamanii booda hospitaala seenuuf dirqamanii ture
  • Ministirri Muummee UK Boriis Joonsan Bitootessa darbe pozatiiva ta'un guyyoota sadiif kutaa gargaarsi addaa taasifamuuf (ICU) keessa turan. Boodarra gaafa itti wayyaa'e ogeeyyii fayyaa guddaa galateeffatan.