Ameerikaatti talaalliin Covid19 lammaffaan hayyama argachuutti dhiyaate

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Talaalliin Covid19 dhaabbata Moderna jedhamuun hojjetame miidhaa kan hin qaqqabsiifne fi %94 milkaa’aa ta’uusaa to’attoonni dawaa Ameerikaa himan.
Talaalliin kun bulchiinsa dawaa fi soorataa Ameerikaa (FDA) yoo faayidaarra akka oolu hayyama argaate, talaallii koronaavaayirasii biyyattiin hayyamte lammataa ta'a.
Ameerikaatti talaalliin Pfizer-BioNTech lilmoon waraannachuun erga jalqabamee guyyaa lama guutera.
Ragaan yuunivarsiitii Joon Hopkiins baase akka agarsiisutti, Ameerikaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’aanii 300,000 wayita caaletti oduun kun dhaga’ame.
Argannoon isaanii maal agarsiisa?
Barreeffamni fuula 54 qabu dhimma kanarratti bahe akka agarsiisutti, talaallin kun ‘’miidhaa qaqqabsiisu mala jedhamee adda baafame hin qabu.’’
Xumura torban kanaatti gartuu ogeeyyii fi hogganaa bulchiinsa dawaa fi soorataa Ameerikaan yoo mirkaneeffame talaallicha geejjibuun sa’aatii 24 keessatti eegalama.
Talaallichi namoota 30,000 irratti wayita yaalametti %94.1 milka’aa ta’usaa bulchiinsa dawaa fi soorataa irra qaqqabeera jedha dokimantiin gadhiifame.
Miidhaan dabalataa talaallichi hordofsiisuu danda’u kanneen akka mataa bowwoo, dhukkubbii maashaa fi ho’uu qaamaa ta'u ibsameera.
Torban darbe bulchiinsi dawaa fi soorataa eeyyama kennurratti Pfizer ragaa kanaan wal fakkaatu dhiyeessee ture.
Kampaniin Moderna bara 2010 kan hundaa’e yoo ta’u, amma yoonaatti oomisha jaarmiyaa to’annoo dawaa fi soorataan eeyyama argate hin qabu.
Maaltu kan Pfizer irraa adda godha?
Talaallin Modernaa wayita geejjibamu -20C keessa tursiisu kan barbaachisudha. Kunis, diilalla kottoleessituu baratame qabuun walfakkaata.
Talaalliin Pfizer garuu geejjibuuf diilalla -75C keessa tursiisuun kan barbaachisuu fi geeejjibsisuuf caalaatti ulfaata jedhameera.













