Koronaavaayiras: Biyyoota kudhan Covid-19 akka biyya isaanii hin seenne dhorkuu danda'an

Madda suuraa, Palau Hotel
Koronaavaayirasiin addunyaa hunda jechuun hanga danda’amutti biyyoota addunyaarratti tatamsa’eera. Biyyoonni 10 garuu Covid-19 irraa bilisa. Biyyoonni kunneen ammatti maal irra jiru?
Hoteelli Palaa’uu bara 1982 baname. Biyyi xiqqoon tun Garba Guddaa Paasifikiin kan marfamte yoo ta’u, tuuristoonni hedduus ishee daawwatu.
Bara 2019’tti biyyattiin daawwattoota 90,000 kan simatte yoo ta’u, lakkoofsi kunis lakkoofsa ummata biyyattii harka shaniin caala.
Bara 2017’tti turizimiin oomisha Waliigalaa Biyya keessaa (GDP) biyyattiif %40 gumaacheera jedha Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF). Ta’us, sun Covid-19 dura.
Biyyattiin dhuma ji’a Bitootessarraa jalqabdee daangaashee cufteetti. Biyyattiinis biyyoota miseensa guutuu UN ta’an biyyoota 10 Covid-19 irraa bilisa ta’an keessaa ishee tokko.
Palaa’uu vaayirasicharraa bilisa taatus sababa weerara koronaavaayirasiitiin hubamteetti.
Hoteelli Palaa'u erga Bitootessaatii cufaadha. Isa qofa miti, manneen nyaataa, suuqonnis cufaadha.
Biyyoota namoota Covid-19 qabaman hin qabne kunneen:
- Palaa’uu
- Maayikirooneezhiyaa
- Odoloota Marshaal
- Na’uuruu
- Kiriibaatii
- Odoloota Salamoon
- Tuvaaluu
- Samoo’aa
- Vaanu’aatuu
- Toongaa
“Garbi guddaa (qaama bishaanii) as jiru bakka biraa addunyaarra jiru caalaa bareeda,” jedha hogganaafi abbaan qabeenyaa Hoteela Palaa’uu Bireen Lii.
Hoteelasaa abbaa kutaa ciisichaa 54 qabu kana keessatti kutaaleen %70-80 ta’an keessumootaan qabamu ture dur, erga daangaan biyyattii cufamee booda garuu kutaalee hundi duwwaa ta’an.
Bireen mootummaa jiraattotasaaf gargaarsa maallaqa taasisuu hin komatu. Sababni isaa mootummichi vaayirasichi biyyattiitti akka hin seenne waan taasiseef.
“Waan gaarii hojjatan jedheen yaada.” Ta’us, hoteelli biyyattiif kan jalqabaa ta’e baraaramuu qaba yoo ta’e, wanti ta’e wayii jijjiiramuu qaba.
Irra deebiin banuu qabu jedheen yaada,” jedha Bireen.
Odoloonni Marshaal Garba Guddaa Paasifiik irraa gara Bahaatti fageenya km4,000 irratti kan argaman yoo ta'u, biyyattii keessatti namni Covid-19 qabame hin jiru.
Ta’us, garuu akka Palaa’uu namni vaayirasichaan qabame hin jiru jechuun rakkoon bira hin jiru jechuu miti.
Hoteelli Roobart Re’iimeers Covid-19 dura kutaaleen ciisichasaa 37 qabu keessaa %75-%88’tti kan ta'u keessumootaan guutamu ture.
Keessummoonni kunneenis Eeshiyaa, Paasifiik yookiin Yuunaayitid Isteetis irraati kan garas imalanidha.
Erga daangaan biyyattii jalqaba ji’a Bitootessaa cufameen booda garuu kutaalee ciisichaa hoteelichi qabu keessaa kan keessummootaan qabaman %3-%5’qofaadha.
“Keessummoota odolichaan ala dhufan qabna, ta’us baay’ee miti,” jetti hojjattuun hoteelichaa Soofiyaa Fowleer.
Odoloota Maarshaalitti namoonni 700 hojii ni dhabu jettee eegdi, kunis eega bara 1997 as biyyattiif kufaatii isa guddaadha.
Waan biyyoonni kun itti jiranirraa wanti hubannu vaayirasichi gara biyyaa kee akka hin seenne gochuu dandeessa, garuu injifachuu hin dandeessu. Covid-19 karaa adda addaan sitti dhufuu danda’a.
Soofiyaan bara dhufutti biyyattiifi hoteelichi haala duraatti deebi’a jettee “abdii” qabdi.

Madda suuraa, Mario Tama/Getty Images
Garuu yoo deebi’uu baatan hoo?
“Yoo akkas hin taane, kun nuuf salphaa miti,” jetti.
Biyyoonni daangaasaanii waan cufaniif diinagdeen isaanii miidhamuus, garuu biyyoota hundatu karri biyyootaa cufame akka banamu kan barbaadan.
Dr Leen Tariivoondaa Vanuu’aatuu keessatti daayirektara fayyaa hawaasaati. Biyyi Vaanu'aatu ummata 300,00 qabdi.
“Yoo isaanitti dubbate (Afaan Ambaa’eetiin), hedduunsaanii hamma danda’ametti daangaa cufaa jedhu,” jedha. Isaanis akkas jedhu: “Dhukkubicha hin barbaannu.”
Namoonni Vaanu’aatuu %80 ta’an baadiyaa jiraatu jedha Dr Leen. Jireenyi isaanis qonnarratti hundaa'e.
Ta’us, biyyattiin ni miidhamti. Baankiin Misoomaa Eeshiyaa akka tilmaametti Oomishni Waliigalaa Biyya keessaa biyyattii %10 gad bu’a.
Kunis, erga biyyattiin bara 1980 walaboomtee as isa guddicha ta’a.
Mootummaan dhiheenya kanatti hojjattoota 172 gara Naannoo Kaaba Awustiraaliyaa keessatti argamuu dhaqanii maangoo akka funaananii of jiraachisan eeyyameera.
Galiin maangoo funaananii qe'eeti ergan hamma tokko gaarii ta'us, biyya oomishni Waliigalaa Biyya keessaa %35 tuurizimiirraa argattuuf gahaa miti.
Wanti biraa, biyyoonni Covid-19 irraa bilisa ta’an of utuban jiraa?
Tarkaanfiiwwan yeroo gabaabaa hojjattoonniifi daldaltootaaf dinagdeen isaanii akka hin miidhamne tumsuudha.
Haata'u malee, furmaanni yeroo dheeraa hin jiru yoo talaallii koronaavaayirasii eegu ta'e malee.













