Gosa miseensota 53 qofa qabu keessaa afur Covid19n qabaman

Saba miseensota 53 qofa qaban keessaa afur Covid19n qabaman

Madda suuraa, Getty Images

Gosootni odola Andaamaan gidduugala Indiyaa irraa fagaatanii jiraatan ganda isaanii Covid19 galeera.

Gosa kana keessaa namni afur Covid19n qabamuu qondaaloti fayyaa BBCtti himaniru.

Afran isaanii keessaa immoo lama hospitaalatti yaalamaa jiru, kan hafan lama immoo akka adda bahan taasifameera jedhan.

Gosti Andaman Guddoo ykn 'greater Andaman' jedhaman kunneen miseensa 53 qofa qabu, odolawwan namoonni baayy'n irra jiraatan 37 keessaa isa tokkorra jiraatu.

Erga covid19 galee as odolawwan kunneen keessaa namoonni 2,985 Covid19 yoo qabaman 41 immoo lubbuu dhabaniiru.

Namni jalqabaa warra Andaman Guddoo dhukkubichaan qabame torbee darbe ture kan argame, jedhan qondaalli fayyaa gameessi naannichaa, Dr Aviijiit Rooy.

Ogeessoti fayyaa bidiruudhaan odola gosoota kanaa dhaqanii qorannoo taasisuun namoota qabaman adda baasuu himan hakiimtichi.

Dhiira gosa jaarawaa fuula isaa halluu dibate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhiira gosa jaarawaa fuula isaa halluu dibate

Miseensoti gosa kanaa gara magaalaa Poort Beel dhufuun hojii xixiqqoo hojjechuun gara odola isaanii waan deebi’aniif yeroos hin qabamiin hin oolle jedhu.

Dr Rooy hojiin dursa kennameef vaayirasichi gara odoloota birootti akka hin tamsaane to’achuu dha jedhaniiru.

‘’Sochii hoomaan godhamu to’achuufi bal’inaan qorannoo taasisuu irratti xiyyeeffannees,’’ jedhan.

Odola Andaamaans jedhamu kanarra, gosoota Jaaraawaa, Saboota Kaaba Sentiinlii, Andaamaan Guddoo, Ongee fi Shompeen jedhamantu jiraata.

Odolli Adamans gosoota afur kan sanyiin isaanii baduuf jedhu qaba

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Odolli Adamans gosoota afur kan sanyiin isaanii baduuf jedhu qaba

Jaaraawaa fi Sabooti Kaaba Sentiinlii uummata isaan kaan waliin hariiroo hin qaban. Warri Kaaba Sentiinlii inumaayyuu namni haaraa deemnaan ni lolu, odola isaanii irra jiraachuu nama haaraaf hin eeyyaman.

Bara 2018tti lammiin Ameerikaa isaan bira gahuuf deeme xiyyaan dhahame du’eera.

Akka dhaabbatni dhimma saboota badaa jiranii himutti, sabooti Andaamaan Guddoo yeroo Biriiteen 1850 keessa Indiyaa yoo koloneeffattu lakkoofsi isaanii 5000 ture.

Yeroo dheeraaf dhukkuba weerara Biriteen waliin dhufeen rakkachaa turan, kanumaan lakkoofsi isaanis hir’ise.

‘’Sabooti kunneen Covid19 qabamuun nama rifaasisa. Weerarichi saboota isaanii akka badan gochuu akka danda’us ni hubatu,’’ jedhan qorattuun gameettii waa’ee saboota kanaa qoratan Soofii