Koronaavaayiras: 'Eezhiyaa keessatti namni akka kiyya dhukkubsate hin jiru'

Isteefan eega Covid-19 qabamee ji'oota lama hospitaalatti gargaarsa veentileetariin hospitaala ture sanitti carraan lubbuun hafuukee %10 jedhamee ture.
Innis biyyasaa Iskootilaand osoo hin taane Veetinamaitti ture kan yaala argataa ture.
"Dhiigni kiyya ititee ture, kaleen kiyyas hojii dhaabdee turte, kutaan qaamaa kiyya biroos hojii dhaabanii turan, sombi kiyya %10 qofaan tajaajila kennaa ture," jedha Isteefan Kaameroon.
Dhukkubni Covid-19 itti hammaatee doktoraan, qondaltoota fi miidiyaalee Veetinamiin hordofamaa ture.
"Yeroo sanitti Eezihiyaa keessatti namni akka kee dhukkubsate hin jiru naan jedhanii turan."

Bayyanachuuf "yeroo dheeraa" itti fudhata jedhu doktoroonni isaa.
"Miidhaa koronaavaayirasiin geessisu beekuuf ani fakkeenyadha, vaayirasichis dhugaadha," jechuun siree hospitalaa Iskootilaanditti argamurraa BBC'tti himeera.
Hamaan ni dhufa jedhanii eeguu

Madda suuraa, Cho Ray Hospital
"Yeroo ta'e hiriyyaan kiyya Kiraag carraan lubbuun hafuu kiyya %10 akka ta'e itti himamee ture, kanaaf wanti hamaa dhufuu danda'a jedhee eegaa ture."
"Saanduqa keessa kaa'amee dhufa jedhee waan namni tokko godhuu qabu hojjataa ture," jechuun hospitaalaa magaalaa Hoo Chii Miinh irraa BBC'tti himeera.

Madda suuraa, Vietnam government
Isteefan dhukkubbii keessa jiraatus Veetinamitti dhukkusachuusaatiif carra qabeessadha ofiin jedha. Veetinam biyya ummata miiliyoona 95 qabduu fi namoota Covid-19 qabaman 420 qofa qabdudha.
Biyyattiinis dhukkubsattoota Covid-19 kutaa yaala addaa ICU keessatti argaman muraasaa kan qabdu yoo taatu namni sababa Covid-19 du'e tokkollee hin jiru.
"Osoo bakka biraa ta'ee nan du'a ture," jedhe ji'a Waxabajjii keessa.
"Kunuunsa ummanni Veetinam naa godheen baay'ee gammadeera. Doktoroota harka isaanitti akka hin duuneef hojjataa turaniif kabaja guddaa qaba."
'Akka nama maaratoonii fiiguuti'
Dr Maanish Paatel gorsaa sirna hargansuu fi doktora eega Isteefan Kameeroon Iskootilaanditti deebi'e booda hordoffii taasisaaniifi jiraniidha.
Isaanis yeroo dheeraa eega koomaa keessa ture booda lubbuun hafuusaa "waan addaati" jedhu.
"Namoonni dhukkubsataan yeroo kutaa ICU galan akka nama maaratoonii fiiguuti jedhu. Taateen Isteefan mudate immoo maaratoonii maaratoonii caaludha," jechuun Dr Maanish BBC'tti himaniiru.
Isteefan yeroo koomaa keessa ture sanitti kg30 hir'iseera. Ammas ta'u dhaabbatee deemuuf rakkachaa jira.
"Yeroo jalqaba koomaa keessaa bahu, irra deebi'ee deemuu danda'aa laata? jedhee yaada ture. Sababa miilli kiyya akka jiru hin beekneef Kana booda miilli kiyya waan deemuu natti hin fakkaanne ture," jedha.
Kaayyoon Isteefan "jalqaba waggaa itti aanutti" irra deebi'ee xiyyaara balaliisuudha. Sababa weerara koronaavaayiras hojiin isaas rakkoo keessa galeera.

Madda suuraa, AFP
Dhukkubbii Covid-19 haaraa
Veetinam biyyoota koronaavayiras ittisuuf tarkaanfii gaarii fudhatan keessaa ishee tokkodha. Ta'us garuu eega magaalaa Daa Naang kan daawwattootaan beekamtutti namoonni haaraa afur Covid-19 qabaman booda mootummaa deeggarsa taasisaa jira.
Namoonni haaraa qabaman kunneen isaa biyyoota biroorraa dhufan osoo hin taane isaanuma biyya keessa jiraniidha.
Guyyaa Wiixataa MM Nguyen Xuan Phuc jiraattoonni Daa Naang irra deebiidhaan fageenyasaanii akka eegan himaniiru. Dabaltaanis warroonni tajaajila murteessoo hin kennine akka cufaman ajajaniiru.
Daawwattoonnis guyyoota 14'f gara biyyattii hin seenan, isaan 80,000 ta'n immoo gara biyyaatti akka deebi'an ni taasifamu.
MM Phuc magaalattiin guutumatti uggurri akka hin labsamne ibsaniiru.














