Koronaavaayiras: Biyya Awurooppaa tokkittii waa'ee Covid-19 yaaddoo hin qabne

Madda suuraa, Getty Images
Ardiin Awurooppaa weerara koronaavaayirasiitiif wiirtuu taatee jirti. Haata'u malee, Awurooppaa keessa taatee aanga'oonni biyyattii waa'ee dhibee yaaddoo addunyaa kana akeekkachiisaafi qajeelfama ittiin ittisuu tokkollee hin dabarsine.
Biyyattiin kun Beelaaruus jedhamti.
Beelaaruus weerara koronaavaayirasii ilaalchisee biyyoota Awurooppaa biroorraas ta'e biyyoota ollaa warra akka Raashiyaafi Yuukireen irraa karaa adda ta'e hordofaa jirti.
Biyyi ollaa Belaaruus, Yuukireen labsii yeroo muddamaallee labsitee jirti.
Raashiyaansi manneen barnootaa cufuun qophiiwwan namoota hedduu akka qalitti qabana taasisan dhorkiteetti. Dabalataanis balali'insa biyya kessaafi gara biyyoota alaatti taasifamanis dhaabdeetti Raashiyaan.
Belaaruus keessatti garuu jireenya akkuma dur barametti itti fufee jira. Belaaruus lammileen biyyattii 94 ta'an koronaavaayirasiin qabamanillee [hanga kaleessaatti namni du'a hin galmoofne]. Daangaan biyyattiis banaadha.
'Hin raafamiinaa'
Pirezedaantiin Belaaruus Alekzaander Lukaasheenkoo biyyi isaanii tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf qophiin duraa kamtiyyuu akka ishee hin barbaachifne ibsian.
"Wantuma mudatudha. Wanti guddaan nahuu dhiisuudha," jedhan Kibxata darbe yeroo ambaasaaddara Chaayinaa walin walarganii turanitti.
Belaarus manneen tiyaatiraa, siniimaa ykn walittiqabama hawaasaa biroo hin dhorkine.
Belaaruus biyyoota addunyaa irra jiran keessaa biyya dorgommii kubbaa miilaa ishee addaan hin kutiin tokkittiidha.
Liigiin kubbaa miilaa biyyaa keessaa Belaaruus kan itti fufe yoo ta'u daawwattoota walitti sassaabee bashannansiisuun olitti biyyoota hollaa akka Raashiyaa keesatti namoota kubbaa miilaa jaallataniif TVn tamsaasaafiin yeroo muddamaa kana keessa madda bashannanaa filannoo ta'aaf jirti.

Madda suuraa, Getty Images
'Koronaavaayirasii tiraakteeriin ni fayyyisa'
Haasaaan Pirezedaant Alekzaader Lukaashenkoo 'koronaavaayirasii tiraakteeriin ni fayyisa' jedhan namoota hedduu kan burjaajesse yoo ta'u namoonni tokko tokko ammoo miidiyaa hawaasummaa irratti walirraa fuudhanii dabarsuun itti qoosaa jiru.
Pirezedaantichi yeroo kana jedhan kan ibsuu barbaadan 'hojii qonnaa irratti jabaannee yaa hojjennu' jechuu isaaniidha.
Pirezedaantichi ofii isaanii alkoolii kan hin dhugne ta'anillee lammileen isaanii garuu yoo dandeessan voodkaa osoo itti dhugdanii weerara koronaavaayirasii dhaabuu ni dandeessu jechuun gorsaniiru.
Haata'u malee, Belaarusiin aklatti biyyoota addunyaa irra jiran keessatti vaayirasiin kun miidhaa inni qaqqabsiisaa jiru waan arganiif lammileen biyyattii hedduunis yaaddoo keessa galaniiru.
Magaalaa guddittii Belaaruus kan taate Miiniiskii keessatti bakka namoonni baayyeen itti walitti qabamanitti hin argamnu jecha barattoonni tokko tokko sobanii nu dhukkube jechuun mana barumsaa irraa hafaa jiru.
Kana ilaalcha keessa galchuudhaan yunivarsiitonniifi kollejjoonni saatiiwwan muraasa qofa barsiisuu jalqabaniiru.
Miiniiskiitti namoota muraasa qofaatu daandiitti baha. Namoonni umuriin deeman ammoo adda duratti akka miidhaman hubannoo isaa ni qabu. Haata'u malee, hubannoon argame kun aanga'oota irraa kan dhufe muraasadha.
Pirezedaant Lukaashenkoo namoota karaa balali'insa idil-addunyaa gara Belaaruus dhufan waan qorataniif yaadda'uun hin barbaachisu jedhaniiru.
"Guyyaa guyyaan namoonni lama ykn sadii qabamaa jiru. Haata'u malee, bakka itti adda baafamanii turan keessa torban tokkoofi ykn lamaaf tursiifamanii gadi dhiifamu," jechuun yaadda'uun akka hin barbaachifne lammilee biyyattiif ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
'Namoota sodaa labsan barbaadaa'
Pirezedaant Lukaasheenkoon sodaan raafamuun dhukkubichaan ol balaadha jedhu. Sababii kanaaf biyyattiidhaaf waajjirri nageenyaa [KGB Belaarus] warreen "soda labsan barbaadaa" ajajni jedhu kennameeraaf.
Yeroo ammaa kanatti ifatti dubbatamuu baatullee sababii vaayrasichaa ta'uu mala jedhamee kan shakkamuun namoonni lama du'uun isaanii himamaa jira.
Qaama Sooviyeet Yuuniyeen duraanii kan turte Belaaruus waan baayyeetiin kan adda taatedha. Awurooppaa keessatti biyya adabbii du'aa hojiirra oolchitudha. Aanga'oonni biyyattiis koronaavaayirasiirratti ilaalcha laafaa qabaachuu isaaniitiifis Awurooppaa irraa baayyee adda taatee mullatteetti.
Kanaan dura waan mara mormu malee jechuun kan beekamu aktiivistiin mormituu Andiree Kiim haala kanaan dura hin baramneen, "Pirezedaant Lukaasheenkoon sirriidha jedhe. Sababiin isaa sochiin Belaaruus guutummaan guutuutti yoo dhaabbate biyya hiyyeettii waan taateef dinagdeen ishee ni kufa," jechuun yaada pirezedaantichaan waliigaluun ibseera.
"Amma wantonna oliifi gadi borcamaa jiru. Yeroo akkasii kanatti ammoo gaggeessaan yaada girrisootaan kan hin oofamne garuu lammileedhaaf waan gaarii kan hawwan addunyaa kana irratti biyyi tokkittiin Belaaruusidha," jechuun jajataniiru.
"Kana jechuukootiif hedduu akkan qeeqamu nan beeka garuu haala maraatummaan guute kana keessatti callisee taa'uun anarra hin barbaadu," jechuun addunyaan waa'ee koronaa kan haasa'aa jiru "maraatummaa" ta'uu isaa Kiim ibseera.
Inni akka jedhuti Belaarus vaayirasicharraa bilisa kan taatu qajeelfama walirraa hin cinne baasuun ykn waan biraa gochuun osoo hin taane 'waayyu gochuu dhiisuun'.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'













